Seenaa Gootota Oromoo Beekamoo
Seenaa Gootota Oromoo Beekamoo
Barreessaafi Qindeessan:
Ogeessa Seenaa
Bara 2014
Baafata Fuula
Seensa------------------------------------------------------------------------------------1
1
Seenaa [Link] Fidaa (1939-1979)-----------------------------------------4
Seenaa Jeneraal Taaddasaa Birruu (1922-1975) --------------------------8
Seenaa Jeneraal Waaqoo Guutuu (1924-2006)----------------------------12
Seenaa Sheek Bakrii Saphaalloo (1895 -1980)----------------------------15
Seenaa Onesmoos Nasiib/ Abbaa Gammachiis (1856-1931)-----------19
Seenaa Guddinaa Tumsaa (1929-1979) ---------------------------------------24
Seenaa Magarsaa Badhaasaa/Abuna Pheexiroos (1875-1936)-------27
Kitaabilee Wabii (References) -------------------------------------------------31
2
wareegama namoota baay’een sadarkaa har’a irra jiru bira ga’uu danda’eera. Qabsoo hadha’aa
ummanni Oromoo gaggeesssaa ture dhiibbaa sirni bulchiinsi abbaa lafaa gama siyaasaan,
hawaasummaafi dinagdeen Oromoo irra dhaqqabsiisaa ture qolachuuf kan taasifamaa
turedha. Bifuma kanaan, ummanni Oromoo qabsoo walabummaa daangaa isaafi mirga
namoomaa ummata isaa kabachiisuuf walitti fufiinsaan waggoota dheeraaf aarsaa guddaa
kaffalaa turee jira.
Sirni bulchiinsi abbaa lafaa, dhiibbaa mirga namoomaa ummata Oromoo, aadaafi dhiibbaa
guddina afaan Oromoo irratti karoorfatee waggoota dheeraaf hojjetaa kan [Link]
kanaan, qabsoon jaarraa tokkoofi isaa oliif taasifamaa tures gaaffii ummanni Oromoo aadaafi
afaan isaa dagaagfachuufi mirga ofiin of bulchuu mirkaneeffachuuf yaadamee gaggeeffamaa
[Link] irratti, ummanni Oromoo qabsoo waggoota dheeraaf aarsaa gaafatu gaggeessaa
ture keessatti lubbuun namoota baay’ee darbee jira. Qabsoo Oromoon mirga namoomaa isaa
kabachiisuuf, walabummaa daangaa isaa kabachiisuufi mirga ofiin of bulchuu
mirkaneeffachuuf taasisaa ture keessatti gootonni kumaatamaan lakka’aman wareegamaniiru.
Qabsoo ummanni Oromoo mirga walqixummaa siyaasaa, hawaasummaafi mirga
walqixummaa dinagdee saba isaa mirkaneessuuf gaggeeffamaa [Link] kana keessattis
gootonni Oromoo kumaatamaan lakka’aman wareegamaniiru.
Ummanni Oromoo qabsoo waggoota dheeraaf birmadummaa isaa mirkaneeffachuufi
walabummaa daangaa isaa kabachiisuuf gaggeessaa ture keessatti gootonni gahee ol’aanaa baha
turan hedduudha. Gootonni Oromoo qabsoo kana keessatti gumaacha guddaa taasisaa turan
baay’ee yoo ta’anis barreeffama qophaa’e kana keessatti seenaa namoota muraasaa qofa akka itti
aanutti gabaabbatee dhiyaatee jira.
Seenaa [Link] Fidaa (1939-1979)
3
“Ummanni Dammaqe, Ummanni Gurmaa’eefi Hidhate Nibilisooma. Ummata Oromoo
Dammaqsuun, Gurmeessuufi Hidhachiisuun Murteessaadha.’’ Dr. Hayilee Fidaa bara
jireenya isaa keessatti (1939-1979) ummata Oromoof hojii gurguddoo nama raawwataa tureefi
akka Oromoon Afaan isaan barachuu qabu qabsa’aa [Link],ergaa cimaa ummata
Oromoof dabarsaa ture [Link] keessaa inni biroo ‘‘ Sabni Jaarmiyaan Qindoomee Hidhate
Yoomiyyuu ni Mo’aata’’ kan jedhu ture.
Hayilee Fidaa Abbaa isaa Obbo Fidaa Kumsaafi haadhaa isaa adde Guddinee Gadaa irraa
Wallagga bahaa bakka Arjo jedhamutti bara 1939 dhalate. Barnoota sadarkaa 1ffaa kutaa 1-5
bakka dhaloota isaa Arjotti kan barate yoo ta’u kutaa 6-8 immoo magaalaa Naqamteetti barate.
Hayileen barnoota sadarkaa 1ffaa kutaa (1-8) barataa ture hunda keessatti qabxii ol’aanaa
galmeessee jira.1
Bara 1956 barattoota qorumsa biyyooleessaa kutaa 8ffaa fudhatanii qabxii ol’aanaan darban
muraasa keessaa Hayileen barataa adda duree nama turedha. Bara 1957, barnoota sadarkaa 1ffaa
akkuma xumureen dorgommii carraa barnootaa barattoota qabxii ol’aanaa galmeessan gidduutti
taasifamaa ture mo’aachuun gara magaalaa Finfinneetti dhufuu danda’eera.2
Hayileen, magaalaa Finfinneetti, mana barumsaa Jeneraal Wiingeeti jedhamutti barnoota isaa
sadarkaa 2ffaa (9-12) baratee xumure. Akkasumas, Hayileen bara 1960 mootaa keessa barattoota
qabxii ol’aanaa fiduun carraa barnootaa gara mana barumsaa Jeneraal Wiingeeti jedhamutti
argatan waliin kutaa hunda keessatti dorgommii sadarkaa barattoota heduu waliin taasisaa turee,
bara 1960 qorumsa biyyoolesaa kutaa 12ffaa fudhate.3
4
Barnoota isaa sadarkaa lammaffaa ‘‘A’’ kudhaniifi ‘‘B’’ lama galmeessuun xumure. Bara 1960,
qorumsa biyyoolessaa kutaa 12ffaa manni barumsaa kun qorsiise keessaa Hayileen qabxii 4(Afur)
galmeessuun barataa adda duree ta’ee nama badhaafamedha. Hayileen barnoota isaa sadarkaa
ol’aanaa bara 1961Yunivarsiitii Finfinnee seenee barachuu jalqabe. Yunivarsiitii Finfinneetti
Muummee ji'ooloojii filachuun barnoota isaa waggaa afur baratee qaphxii ol’aanaadhan
eebbifamu danda’eera. Bara 1964, Hayileen, barnoota isaa sadarkaa ol’aanaa Yunivarsiitii
Finfinneetti qaphxii 4.0 (afur) fiduun ammas barataa adda duree ta’un badhaafamee jira.
Baruma kana keessa, Hayileen qabxii daran ol’aanaan (Great Distinction) galmeessuun
Yunivarsiitii Finfinnee irraa badhaasaa Madaalyaan eebbifame.4
Haata’u malee, Dr Hayileen dagaagina Afaan Oromoofi qubee Afaan Oroomoo argachuu/uumuu
keessatti ga'ee guddaa qaba. Barattoota Oromoo biyyoota akka Faransaay,Jarman,Hangaariifi
Raashiyaa jiran waliin ta’un Afaan Oroomoo irratti qorannoo adda addaa gaggeessaa ture. Dr
Hayileen Afaan Oromoo afaan barreeffamaa akka ta'uuf qorannoo bal'aa taasiseera. Isaan
keessaa: bara 1972, barreeffama qorannoo isaa kan Languages in Ethiopia:Latin or Geez for
Writing Afaan Oromoo, jedhu maxxansee jira. Qorannoon kun Afaan Oromoo qubee Laatiniitiin
barreessun filatamaa akka ta'eefi Afaan Oromoo Laatiniin akka barreeffamu bu'uura kan
kaa'edha. Abbaan Qubee Afaan Oromoo Dr Hayileen, itti
fufuudhaan qubee Afaan Oromoo haaraa kanatti fayyadamuun kitaabilee lama walitti aansuun
maxxansee [Link]:
5
1. Hirmaata Dubbii Afaan Oromoo kan jedhu yoo ta'u innis, qorannoo caasluga Afaan
[Link] kun bara 1973, magaalaa Paarisitti kan maxxanfamedha.
2. Kitaabni inni lammataa immoo ‘‘Bara Birraan Barihe’’ kan jedhu [Link]
lamaan kun qubee Afaan Oromoo yeroo ammaa itti fayyadamnuuf bu’uura guddaa ta’e jira.7
[Link], sababa sirna abbaa lafaa Itoophiyaa keessaa dhabamsiisuuf hirmaannaa taasisaa
tureef, biyyatti akka hindeebine mootiin Hayilasillaasee ajaja dabarsee ture. Hayileen waggaa
afuriif biyya Faransaay turuun booda haalduree hunda xumurachuun gara biyya Jarmanitti bara
1973 imaluu danda’eera.8
Bara 1975, irraa jalqabee Dr, Hayilee Fidaa Itoophiyaatti deebi’uun booda hojii barnootaafi
siyaasaa Itoophiyaa keessatti gahee ol’aanaa gumaachee jira. Booda irra, Hayileen mootummaa
Dargii ( Dargii Mangistuu Hayilamaariyam) biratti fudhatama guddaa argachuu jalqabe.
Haaluma kanaan, [Link] Fidaa Muddee bara 1975, barreessan Dargii Dhimma Ijaarsa
ummataa yeroof (POMOA ) dhaabbate akka hogganuuf muudamuu danda’eera.10
[Link] hogganaa dhimma Ijaarsa ummataa yeroof dhaabbate hogganaa ta’ee osoo jiruu
sagantaa Warraaqsa Dimookiraatawaa Biyyoolessaa qopheessee [Link] kunis,
dhaadhannoo Itoopiyaa Tikdem (Itoophiyaan haa dursitu) jedhu kan Dargiin akka kallattiitti itti
fayyadamaa ture yeroo jalqabaaf qabatee nama [Link] Dargii Warraaqsa
Dimookiraatawaa Biyyoolessaa hojiirra akka ooluuf hiriira Ebla 20, bara 1976 gaggeeffame
irratti beeksise.11
Taaddasaa Birruu ummanni Oromoo hundi barachuu akka qabu ergaa dabarsaa ture. Isaan
keessaa ergaa inni biroo: ‘‘Oromoonni Baradhaa! Baradhaa! Ammas Baradhaa!’’ kan jedhu
ture.
Taaddasaa Birruu haadha isaa Boontuu Waaqjiraafi abbaa isaa Birruu Kennee Jiloo irra Hagayya
14 bara 1922 Salaalee bakka Siree Morosee jedhamutti dhalate. Taaddasaan umrii ijoollummaa
isaa irraa jalqabee barnootaaf fedhii guddaa qaba ture. Fedhii barnootaaf qabu irraa kan ka’e
barnoota manni amantii Ortodoksiin barsiisu bataskaana Siree Madaanaalam jedhamutti
hordofuun yeroo gabaabaa keessatti afaan amharaa sirriitti barreessuufi dubbisuu danda’eera.15
Haata’u malee Taaddasaan barnoota isaa itti fufuu hindandeenye. Innis sababa Xaaliyaaniin bara
1935 Itoophiyaa weeraruuf yaalteen abbaan Taaddasaa (Birruu Kennee) humna
koloneeffattootaa alaa kana biyyaa irraa ittisuuf duulee dirree waraanaa naannoo Dabiree
Taaboritti wareegameeniidha. Taaddasaanis, abba isaa dhabee callisee taa’u hinfilanne. Yeroo
7
gabaabaa keessatti eessumma isaa kan miseensa garee qindaa’ee weerara Xaaliyaanii lolaa turan,
maqaa Arbanyooch jedhamuun beekamanitti dabalamuuf dirqamee jira.16
Haata’u malee, Xaaliyaan humna namaa leenji’eefi meeshaa ammayyaa qabattee waan jirtuuf
loltuu hedduu waliin Taaddasaa qabachuu dandeessee jirti. Sanaan boodaa, Taaddasaan
hidhamtoota baay’ee waliin gara Moqaadishootti ergamuun hidhaa umrii guutuu akka itti
murteeffamu taasifamee ture. Bara 1940, Taaddasaafi loltoonni hedduu Moqaadishootti
hidhaman yeroo biyyi Ingiliizi Moqaadishoo qabattu mana hidhaa keessaa ba’u dandaniiru.
Baruma kana Taaddasaan loltoota Ingiliizitti dabalamuun leenjii loltummaaf gara Keeniyaatti
imaluun leenjichas sirnaan fudhachuu danda’eera. 17
Bara 1941 falmii bilisummaa Itoophiyaan taasifteefi gargaarsa biyya Ingiliiziin Xaaliyaan
Itophiyaa keessaa ba’uuf [Link] booda, Taaddasaan gara Itoophyaatti deebi’un hojii
hawaasummaafi siyaasa biyyitti keessatti gahee ol’aanaa taphachuu jalqabe. Jaalala biyya isaa
tiif qaburraa kan ka’e, Taaddasaan loltoota Ingiliizi keessaa ba’un gara raayyaa polisii human
furguggaattuu (dafee qaqqabaa) Itoophiyaatti makamuu danda’e.18
Taaddasaan bara loltoota Ingilizii keessaa fedhii isaan ba’uun mootummaa Hayila Sillaasee
waliin hojjechuuf murteessu, sirni bulchiinsa bara sanaa ture ummattoota hundaaf waan
dhaabbate itti fakkaataa ture. Haata’u malee sirna bulchiinsa mootummaa abba lafaa bara sana
ture immoo ummata Oromoo mirga isaa mulquufi lafa isaa irraa buqqisuun miidhaa
hawaasummaa dhaqqabsiisaa jiraachuu suuta hubachuu danda’e [Link] sirni mootummaa
abba lafaa ummata Oromoo irratti raawwataa jiru hubachuun, Jeneraal Taaddasaa miseensa
Waldaa Maccaa-Tuulamaatti makamuu danda’e.19
Jeneraal Taaddasaa Birruu Koree Duula Dadamaqina Barnootaa (Yefidal Seraawit) akka
biyyaatti gaggeeffamaa ture keessatti ummanni Oromoo baratee doofummaa keessaa akka
bahuuf tattaafii cimaa taasisaa ture. Sochii duula qubee Jeneraal Taaddasaan taasisaa ture kunis
mootummaa Hayile Sillaasee akka waaqaatti sodaatamuuf muddama guddaa keessa galchee jira.
Bifuma kanaan, Taaddasaan qabsoo mootummaa abbaa lafaafi sirna gabrooffataa,
kaayyoo,‘‘Yoo xiqqaatee,xiqqaate Oromoo jaarraa tokko gara boodaatti hambisuu ’’ jedhu
irratti kallattii adda addaan falmii isaa cimsuu danda’eera.20
8
Muummicha biyyitti yeroo sanaa namni Akiliiluu Habtewaldi jedhamu yeroo adda addaa of
eeggannoo afaanii itti himuus, Jeeraal Taaddasaa duula qubee ‘‘Oromoonni baradhaa!
Baradhaa! Ammas baradhaa’’ jechuu osoo addaan hin kutiin dadamaqinaafi hubannoo
ola’aanaa ummata Oromoo keessatti uumee jira.21
Bara 1963, Jeneraal Taaddasaa Birruu Waldaa Maccaa-Tuulamaatti dabalamuun qabsoo ummata
Oromoo yeroo sanaa dhageettii akka argatuuf gahee ol’aanaa [Link] Taaddasaafi
namoonni beekamoo miseensa Waldaa Maccaa-Tuulamaa hundi qabsoo ummata Oromoo
kutannoon tarkaanfachiisuu danda’aniiru. Jeneraal Taaddasaan walgahii Waldaan Maccaa-
Tuulamaa gaggeessu irratti barattoonni Oromoo gara dhaabbilee barnoota ol’aanoo galaan
lakkoofsi isaanii dabaluu akka qabu dubbataa turan. 22
Sababa Jeneraal Taaddasaa Birruu qabsoo ummata Oromootti makameef shirri adda addaa
angawoota ol’aanoo mootummaa Hayile Sillaaseen isa irratti xaxamaa ture. Bifuma kanaan,
angawoonni ol’aanoon mootummaa Hayile Sillaasee shira qopheessaniin Taaddasaa Birruufi
miseensonni Waldaa Maccaa-Tuulamaa hedduun badii tokko malee bara 1970 akka
hidhamaniif sababa ta’aniiru. Jeneraal Taaddasaa guutummaan guutuutti waan sobaan itti
yaadamee qabsoo ummata Oromoo kichuutti quucarsuuf kan karoorfame ta’u isaa hubachuun ni
danda’ama.23
Haaluma kanaan, manni murtii mootummaa Hayile Sillaassee jeneraal Taaddasaa Birruu irratti
murtii hidhaa umrii guutuu dabarse. Miseensota Waldaa Maccaa-Tuulamaa Taaddasaa waliin
hidhaman kanneen akka Maammoo Mazammiriifi Hayile Maariyaam Gammadaa irratti immoo
du’aan akka adabaman murtoo darbasan.24
Dhuma irratti, bara 1974 warraaqsi ummattoonni Itoophiyaa taasisaniin sirna abbaa lafaa mootii
Hayile Sillaaseen durfamu kufuun Dargiin bakka bu’u danda’eera. Mootummaan Dargii immoo
Jeneraal Taaddasaa Birruufi hidhamtoota biroos akka hiikkaman ajaja dabarsee. Bara 1974,
Jeneraal Taaddasaa Birruu, mootummaan Dargiis mirgaafi bilisummaa ummata Oromoof kan
hindhaabbanne ta’u dursee hubachuun fincila sirna mootummaa Dargii irratti jalqabe. Bifuma
kanaan, cunqursaa yeroo dheeraaf ummata Oromoo keessa ture faccisuuf qabsoo hidhannoo
filatee bosonatti galuudhaan sirna Dargii wajjiin wal falmuu jalqabe.25
9
Bitootessa 9,bara 1975, Jeneraal Taaddasaa Birruu Bilisummaa uummata Oromoof osoo falmaa
jiruu humna oftuultota Dargiitti harka kennuu diduun lubbuun darbuu danda’eera. Jeneraal
Taaddasaa Birruu qabsoo bilisummaa siyaas-dinagdeefi hawaasummaa ummata Oromoof
lubbuun darbus, jijjiiramaafi qabsoo ummanni Oromoo har’a irra gahe jiruuf bu’uura guddaa
ta’ee jira.26
10
“Gabarummaa Hundeedhaan Buqqifna: Yoo Dadhabne Ilmaan Itti Guddifna”
Waaqoo Guutuu abbaa isaa Guutuu Usuufi haadha isaa aaddee Qullo Alii irraa yeroo ammaa
Godina Baalee, aanaa Madda Walaabuu bakka jedhamutti akka lakkoofsa Awurooppaatti bara
1924 dhalate. Waaqoon bara ijjoollummaa isaa akkuma aadaa hawaasa naannootti qonnaafi
horsiisa horii irratti bobba’uun maatii isaa gargaaraa guddate. Haalli guddina isaa kunis, aadaa,
jiruufi jireenya hawaasa naannichaa gadifageenyaan akka hubatu isaa gargaareera.27
Bara ijjoollummaa isaa irraa jalqabee, Waaqoon nama aantummaa Oromoo qabuufi
sabboonummaan Oromummaa keessa isaatti dagaagaa guddatedha. Waaqoon umrii xiqqummaa
isaa irraa jalqabee mulqamuu mirga dhala namaafi garbummaa irratti hadheeffatee qabsa’aa
guddatedha. Bifuma kanaan, qabsoo isaa galmaam ga’uuf, Waaqoon umriin isaa waggaa 14tti
maatiin isaa osoo hin beekiin horii gurguruun qawwee bitatachuu danda’eera.28
Garee hubannoo miidhaa sinra abbaa lafaa dursanii kanneen hubatan waliin qawwee dhuunfaa
isaan bitachuun sirna gabroomfataa irratti bara 1950 moota keessa qabsoo [Link]
kanaan, Waaqoon sirna bulchiinsa abba lafaa Oromoo cunqursaa ture irratti qabsoo finiinsuu
danda’eera. Bara dargagummaa isaa keessa ummanni Oromoo diina jala akka hindeemne
hawaasa gurmeessee gorsaa [Link] umrii ijoollummaa isaan jalqabe galmaan ga’uuf
dargaggoota(qeerroo) jahaa qabsoo hidhannootti amanan waliin sirna gabroomfataa Oromoo
cunqursaa ture falmuuf bosona seenuuf dirqaman.29
Bara 1960 moota keessa Waaqoon, umriin isaa naannoo waggaa 35 tti namoota biroo waliin
ta’un naannoo itti dhalatetti ummata Oromoo irra sirna bulchiinsa abbaa lafaan cunqursaa adda
addaa dhaqqabsiisu faccisuufi flmii guddaa taasisuuf dirqameera. Waaqoon sirna bulchiinsa
abbaa lafaa mirgaa ummata Oromoo mulqaa tureefi qabeenyaa Oromoo saamuun beekaman
irratti walitti aansuun mootummoota lama waliin qabsoo cimaa gaggeessaa ture. Haaluma
11
kanaan garee waraanaa isa jalatti gurmaanii qabsoo hidhannoo gaggeessan kallattii sadiin
Gindhiir, Bidireefi Sidaamoo keessa akka socho’aanii qabsoo finiinsan taasisuu danda’eera.30
Mootummaan Hayila Sillaasee, haalli waraana kanaa to’annaa isaa jalaa bahaa jiraachuu waan
hubateef gargaarsa waraanaa biyya alaa gaafachuuf dirqameera. Bifuma kanaan ergisa xiyyaara
biyya alaafi loltuu lafoon duula cimaa waraana Waaqoo Guutuu irratti taasisee jira. Haata’u
malee, Hayila Sillaaseen waraana Waaqoo Guutuu injifachuu waan hindandeenyeef araara
filachuuf [Link] aansuun mootiin Hayila Sillaasee araara buusuuf Waaqoo Guutuutti
jaarsummaa inni iitti ergeen Waaqoon gara Finfinnee dhufuu danda’[Link] Hayila
Sillaaseen araara buusuuf marii bal’aa taasisaniiru.31
Waaqoo Guutuu jaarsummaa kabajuun gara Finfinnee dhufuun booda Hayila Sillaasee waliin
marii bal’aa taasisaniiru. Marii kana irratti Hayila Sillaaseen Waaqoof muudama
jeneeraalummaa akka kennu waadaa seenuun, Waaqoonis qabsoo bilisummaa ummata Oromoo
akka dhiisuu qabu yaadni jaarsummaaf dhiyaate fudhatama dhabee jira. Waaqoon tooftaa
mootichaa waan hubateef, muudama kennameef diduun gara bosonaa deebi’uuf murteesse. 32
Jeneeral Waaqoo Guutuu goota dhugaa ummata Oromoof qabsaa ture ta’u isaan gochaawwaniifi
jechootaa inni bara sinrna bulchiinsa abbaa lafaa mootummaa Hayila Sillaaseetti dubbataa ture
akka ragaatti yaadatamu keessaa: “Sodaannee hingalle, qawwee dhabnee hingalle, Oromoo
hafe dabalachuuf ammallee” jechuun mootii bara sanaa sodaatamu dura dhaabbatan. Kana
booda gara bosonaa deeb’uun qabsoo akka haaraatti ittii fufuu danda’[Link] inni naannoo
Baaleetti jalqabe suuta suuta guutummaa Oromiyaatti babal’achuu danda’[Link] keessa
gara fincila qonnaan bultoota Baaleetti guddachuun warraaqsi biyyittii keessatti akka dho’uuf
sababa guddaa ta’[Link] Waaqoo Guutuu eegale kunis barattoota, leenjifamtoota waraana
mootummaafi ogeeyyii adda addaa hamilee kakaasuun qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti
akka hirmaatan taasiseera.33
Bara 1964 uummanni Oromoo marii guddaa galata galchuu goototaaf taasisee irratti Oromoon
Waaqoo Guutuu Generaalummaan muudeera. Waaqoo Guutuu goota seenaa boonsaafi hojii
gaarii ummata Oromoof hojjeteen aangoo Jeneraalummaa ummata Oromootiin kennemeeraafii.
Waaqoon, fincillii qonnaan bultoota Baalee akka itti fufuu taasisuufi kufaatii sirna abbaa lafaa
(mootii Hayila Sillaasee) saffisiisuu keessatti gahee ol’aanaa taphateera.34
12
Bara 1976, Waaqoon kufaatii mootii Hayila Sillaaseen booda marsaa lammaffaaf bosonatti
deebi’uun mootummaa Dargii waliin qabsoo akka haaraatti jalqabuu danda’eera. Fincila diddaa
garbummaa Jeneraal Waaqoo Guutuu taasisaa ture kufaatii mootummaa Dargiif gahee gudda
gumaacheera.35
Bara 1991 mootummaan ce’umsaa Itoophiyaa gara aangootti dhufe waamicha Jeneraal Waaqoo
Guutuuf taasiseen karaa nagaa gara biyyaa isatti deebi’uu danda’eera. Jeneraal Waaqoon carraa
argate kanaan mootummaa cehuumsaa keessatti qooda fudhachuun ummata Oromoo qabsoo
boqonnaa haaraaf qopheessaa [Link]’u malee, Jeneraal Waaqoon irratti yaalii ajjeechaa
mootummaan ce’umsa Itoophiyaa bara 1992 aggaamame jalaa miliquun biyya alaatti baqachuuf
dirqameera.36
Jeneraal Waaqoon bara 1992 boodas qabsoo bilisummaa ummata Oromoo mootummaa
Federaalaa Dimookiraatawa Itoophiyaa waliin hanga bara 2006 lubuun darbutti qabsoo itti fufuu
danda’eera. Haala kanaan Waaqoo Guutuu qabsoo bilisummaa Oromoo waggaa 45 guutuu
adeemsiisaa turee hawwii qabsoo isaa hunda osoo ijaan hinargiin lubuun darbuu isaa galmeen
seenaa yoomiyyuu isa hindagatu.
Seenaa Sheek Bakrii Saphaalloo (1895 - 1980)
“Afaan Oroma Tolcheen Kabaja; Kan Koo Kan Xiqqeessu Immoo Lafarraa Dhabama!’’
Sheek Bakrii Saphaalloo Abbaa Falaasamaafi Walaloo Afaan Oromoo ergaa gurguddoo ummata
Oromoof dabarsaa ture. Innis,Oromoon Afaan isaan barachuu ,aadaa isaafi afaan Oromoo
guddisuu akka qabuuf hojiiwwan gurguddoo raawwachaa turan.
13
Sheek Bakrii Saphaalloo Godina Harargee Bahaa, Aanaa Gooroo Guutuu, Ganda Saphaloo
jedhamutti bara 1895 abbaa isaa Garaad Usmaan Odaafi haadha isaa Deeynabaa Galmoo
jedhaman irraa dhalate. Maqaan maatiin isaaf moggaase Abuubakar jedhama. Haa ta’umalee
sababa hojii gaarii Oromoof hojjetaa tureef yeroo gabaabaa keessatti fudhatamaafi jaalala
ummata Oromoo biraa argateera. Maqaa inni bali’naan ittiin beekkamu Sheek Bakrii Saphalloo
jedhamuu danda’eera. Moggaasni maqaa isaas, ummanni Oromoo jaalaala isaaf qaban mul’isuufi
maqaa Abuubakar jedhu tursuuf jecha hima “Bakrii” jedhu fudhachun maqaa ganda dhaloota
isaa Saphaloo itti dabaluun “Bakrii Saphaloo” jedhuun waamuu jalqaban. Haalli mogaasa
maqaa isaa kunis jireenyi isaa akka achitti hunda’uuf, sababa ta’eera. Abubakar obbolleeyyan
dhiiraa sadiifi durbartootaa afur qaba ture.37
Sheek Bakriin akkuma umriin isaa barnootaaf gahen barnoota amaantii ganda itti dhalatetti
keessatti barachaa tureera. Sheek Bakrii Saphaloo nama Baalee irraa gara Arsiitti godaanuun
barnoota amantii Islaamaa barataa turee jira. Sheek Bakriin barnoota amantii Islaamaa iddoo
adda addaatti barachaa [Link], bara 1909 (Caffee Gurraattiitti) nama Sheek Abdallaa
Waleensuu jedhamu birratti hordofaa turee jira. Bara 1915 nama Sheek Yusuf Adam jedhamu
biratti, bara 1922 immoo iddoo Carcar jedhamutti nama Sheek Umar Balbaleettii jedhamuun
barnoota amantii Islaamaa hordofaa turee xumuruu danda’eera. Sheek Bakriin bara 1927, gara
iddoo dhaloota isaa ‘Saphalootti’ deebi’uun wiirtuu barnoota isaa jalqabaa hundeessuun
ijoolleefi dargaggoo hedduu barnoota amantii islaamaa barsiisuu jalqabe.38
Jalqaba irratti wiirtuun barnoota isaa amantii qofa irratti kan xiyyeeffatu ture. Adeemsa keessa
dhimmi seenaa Oromoo kan abbaa isaa irraa dhagahaa ture akka waa’ee saba Oromoo yaadu
daran isaa kakaase. Osoo barnoota amantaa Islaamaa barsisaa jiru biyya Misir irraa carraa
barnootaa argatee Yunvarsitii Alhazaaritti barachuu danda’[Link] barnootaan gara Misir
deemuun isaa hubannoo siyaasa Afrikaa, Awrooppaafi Eeshiyaa gadi fagenyaan akka horatu isa
taasiseera.39
Sheek Bakriin, beekumsa barnoota amantii Islaamaa qofa osoo hinta’iin, saayinsii, herregaafi
falaasama sadaarkaa olaanaa irra nama gaheefi dandeettii afaan hedduu dubbisuufi barreessuu
nama danda’u ture. Fakkeenyaaf Afaan Oromoo, afaan Arabaa, Somaalee, Amaariffaa,Afaan
xaaliyaaniifi afaan Ingliizi barreessuufi dubbisuu nama danda’u ture.40
14
Bara 1928, umrii isaa waggaa 33tti shamarree Kadijaa Ahmad jedhamutti waliin bultii ijaarachuu
danda’eera. Bara 1930 tti immoo Abbaan isaa, Garad Usmaan Odaa du’an boqate. Du’a abbaa
isaanii booda Sheek Bakriin obboleeyyan isaa abbaa hinqabne kunuunsuuf itti gaafatamummaa
fudhate.41
Sheek Bakriin waggaa digdama barnoota irratti erga dabarsee booda, gara Saaphalootti debi'ee
barnoota amantii barsiisuu jalqabe. Akkasumaas, barnoota akka hawaasaa, seenaa, herrega,
qorannoo urjii(astronomy), Afaan Arabaafi Afaan Oromootiin barreessuu barsiisa ture. Ofii
isaas, Afaan Oromootiin walaloo barreessuu jalqabe. Sheek Bakriin barnoota amantii Islaamaa
iddoowwan adda addaatti barsiisaa ture. Isaan keessaa muraasni: Hortuu, naannoo Dirre
Dhawaatti, magaalaa Dirre Dhawaafi Addelleetti barsiisaa ture.42
Wiirtuulee Sheek Bakriin amantii Islaamaa itti barsiisu hunda keessatti dhimmi siyaasaa, aadaafi
Afaan Oromoo xiyyeeffannoo argachuu jalqabe. Keessaattuu Afaan Oromoo, afaan saba bal’aa
ta’ee osoo jiruu guddachuu dhabuun isaa gaaffii guddaa itti ta’ee jira. Akkasumas, Sheek Bakriin
tarkaanfilee gurguddoo dagaagina Afaan Oromoof furmaata ta’u danda’u jedhee yaadu jalqabuuf
dirqamee [Link] ansuun, Sheek Bakriin qubee Afaan Oromoo kalaquun bara 1956 iddoo Haggii
Qomee jedhamutti ittiin barreessuu jalqabe. Qondaaltonni mootummaa bara sanaa sochiilee
Sheek Bakriin taasisaa ture mormuu jalqaban. Qubee Afaan Oromoo kalaqame kunis yeroo
gabaabaa keessatti fudhatama guddaa argatee jira.43
Qondaaltonni mootummaa immoo Oromoon akka of baru godhee tokkummaa biyyaatti balaa
keessa buusa jechuun ija shakkiin ilaalaa turan. Kana irraa ka'uun itti fayyadama qubee Afaan
Oromoo ukkamsuu jalqaban. Sababa kana irraa kan ka’e bara 1965tti Sheek Bakrii Saaphaloo
akka hidhamu taasisan. Mana hidhaa keessatti Sheek Bakrii bareeffama Shalda kan fuula 20
qabu Afaan Oromoon barreessee [Link] barreffama qajeelfama amantii Islaamaa kan
fakkeeffamee barreeffame ta’us jalqabaa hanga dhumaatti waa'ee miidhaa bittaa garbummaa,
hacuuccaa Oromoo irra gaha jiruufi sirna gita bittaa mootummaa Hayilasillaasee kan ibsu
[Link] barnoota falaasamaa, ji’oograafii seenaafi herrega dabalatee Afaan Oromoofi
afaan Arabaan barsiisaa ture.44
Barattoonni isaa barnoota amantii qofaa osoo hin taane Afaan Oromoofi afaan Arabaa baratanii
barreessuufi dubbisuu danda’uun ulaagaa barnoota isaa keessaa kanneen ijoodha. Tooftaan
15
kenniinsa barnoota isaafi dandeettii adda inni qabu irraa kan ka’e lakkoofis barattoota isaa
yeroo gababaa keessatti dabalaa deemuu danda’eera. Kunis wiirtuu barnoota isaa 2ffaa
Addeelleetti akka banuuf sababa ta’ee jira. Warri Adeellees, hayyuun kun ijjoollee isaanii akka
barsiisuuf gammachuun simataniiru.45
Waggaa sadeet booda, bara 1948 tti, wiirtuu barnootaa isaa 3ffaa Ligibootti banuu
danda’[Link] suuta qubee Afaan Oromoo irratti xiyyeefate hojjachuu jalqabe Wiirtuu
barnoota isaa 4ffaa iddoo Koortutti jedhamutti bara 1953 banuun barsiisuu itti fufe .Akkasumas
Magaalaa Dirree Dawaafi naanoo isheetti wiirtuu barnootaa banuun hojii barnoota isaa cimsee
itti fufuu danda’eera.46
Sochii Sheek Bakrii Saaphaloo naannoo bahaa Oromiyaatti taasise suuta suuta Oromiyaa
guutuu keessatti babaldhachuu danda’eera. Sochii Sheek Bakrii Saapphaloo keessaa muraasni
hundeeffama waldaa Maccaa-Tuulamaa tiif inni gumaache eeruun nidanda’aama. Barumsa inni
biyyaa alaatti barataa ture akka inni waa’ee warraaqsa Afrikaafi Eeshiyaa giddugala bahaa
keessa turan akka sirriitti hubatu isa taasiseera. Sheek Bakriin sochiilee waraaqsaa biyyoota
Afrikaafi Eeshiyaa keessa bara 1950 hanga 1960 keessa turan walaloo Afaan Oromoon
barreessee barnoota amantii waliin walqabsiisuun barsiisaa turee jira.47
16
“Miixuufi Gammachuu Guddaa Keessan Jira. Afaan Ofiitiin Lammii Barsiisuufi Hafuura
Waaqaa Lallabuu Caalaa Maaltu Nama Boonsa?’
Onesmoos Nasiib/ Abbaan Gammachiis ergaa adda addaa ummata isaaf dabarsaa ture. Isaan
keessaa kan biroo: “Lallabni Kitaaba Qulqulluufi Sooranni Afaanuma Ofiin Miidhaga” kan
jedhuufi ummanni Oromoo baratee akka ofbeeku kan onnachiisuudha.
Onesmoos Nasiib/ Abbaa Gammachiis bara 1856 Godina Iluu Abbaa Boor yeroo ammaa aanaa
Hurrumuu jedhamutti dhalate. Maqaan isaa kan dhalootaa Hiikaa Awaajii jedhama. Barri Hiikaa
Awaajii dhalate, bara walitti bu’iinsi cimaa ummattootaa naannoo inni itti dhalate gidduu waan
tureef, Abbaan isaa, obbo Awaajiin waraana irratti hirmaachuuf dirqameera. Abbaan Hiikaa,
obbo Awaajii Irreessoo ijoollee dhiiraa sadii [Link], Boonsaa, Seenaafi Hiikaa jedhamu.
Awaajiin sababa waldhabdeen naannichatti walitti fufiinsaan babal’ateef waraana irratti
hirmaachuuf dirqamee jira. Bara 1860, Awaajiin waraana ummattootaa naannoo sana gidduutti
gaggeeffamaa ture irratti wareegamuun maatiin isaa rakkoo cimaaf saaxilamuu danda’aniiru.
Haaluma kanaan, Hiikaan umrii waggaa afuritti abbaa isaa dhabuu danda’eera.50
Bara 1869, humnoonni gurma’aanii daldala garbaa irratti hirmaataa turan Hiikaa humnaan
butanii fudhachuun iddoo birootti milqisuu danda’[Link] booda maqaa haaraa Nasiib
jedhamu isatti moggaasuun akka garbaatti dabarsanii gurgurachuu danda’aniiru. Sanaan booda
Hiikkaan marsaa sadeet bitamee gurguramee jira. Adeemsa bittaafi gurgurtaa marsaa adda addaa
kana keessatti, Hiikaan fagaatee hanga Galaana Diimaatti gurguramuu danda’[Link]
naannoo Galaana Diimaatti,waan haaraa isa qunnamee jira. Innis, itti aanaan qonsiilaa Faransaay
namni Weerner Munziinger jedhamu, magaalaa Mitsiwwaatti Hiikaa waliin wal arguun seenaa
Hiikaa gabaabinaan qorachuun booda akka garbummaatti hingurguramne ajaja dabarsuun
bilisa isa baasuu danda’eera.51
17
Itti aansuun, Hiikaan barnoota amantii Kiristaanaa biyya Siwuudiiniin naannoo Galaana Dimaa,
iddoo Imkuluu jedhamutti hunddeeffamee dhiiraafi dubartoota lallaba Kitaaba Qulqulluu
barsiisuu akka seenee baratu carraa argate. Hiikaanis, barataa cimaafi dandeettii addaa waan
qabuuf yeroo gabaabaa keessatti sirriitti dubbisuufi barreessuu danda’[Link] sagantaa
dhaabbata mana amantichaa: ‘‘Lallaba Kitaaba Qulqulluu’’ waggoota Shan keessatti haala
gaariin xumuruu danda’e jira.52
Hiikaan dhalatee umrii waggaa 16tti Bitootessa 31 bara 1872 cuuphamee maqaa Kiristaanummaa
Onesmoos jedhamuun akka waamamu moggaaffameefii. Hiikni maqaa isaa‘Onesmos’ jedhu
Afaan Giriikiin faayidaa qabeessa [Link] Nasiib uummata isaa(Oromoo)
barsiisuuf fedhiin cimaa isa keessatti waan uummameef, haadha warraa isaa, abbaa ishiifi
namoota biroo sadii ta’anii waliin karaa Sudaaniin gara Wallaggaa seenuuf ilmala dheeraa
jalqaban. Haa ta’u malee, loltoonni mootummaa Itoophiyaa imala isaaniitti gufuu waan ta’aniif
gara daangaa Itoophiyaafi Sudaan gidduutti argamtu, magaalaa Faamikaa jedhamtutti deebi’uuf
dirqaman.54
Onesmoosis magaalaa Faamikaa osoo jiraatuu dhibee busaatiin qabamee daran dhukkubsate.
Bara 1882, Onesmoosiifi miiltoowwan isaa gara Kaartuumitti deebi’uuf dirqamaaniiru. Yaalii
Kaartumitti taasifameen Onesmoos dhibee busaa irraa fayyuun gara Imkuluutti deebi’ee, hojii
isaa wangeela barsiisuu itti fufe. Onesmoosis yeroo kana keessa barreeffama adda addaafi
Kitaaba Qulqulluu guutummaan guutuutti gara Afaan Oromootti bara itti hiikee xumuredha.55
Bara 1886, yeroo lammaffaaf karaa Wallaggaa gara biyya itti dhalattetti deebi’uuf yaalii adda
addaa taasisuu jalqabe. Hiikaan, umrii isaa ijoollummaan ummata Oromoo irraa waan fagaateef
aadaafi jechootaa tokko tokko sirriitti kan hin beekne, namoota Oromoo ta’an gargaaramuun
Kitaaba Qulqulluu gara Afaan Oromootti hiikaa ture. Haaluma kanaan, dubaree Asteer
Gannoo naannoo Jimmaa (yeroo ammaa Limmuu) jedhamu irraa garbummaan gurguramtee gara
18
Yemeniitti imalaa osoo jirtuu loltoota Xaaliyaanii galaana irratti qabamtee nama bilisa baate,
Imkuluu bakka jedhamu osoo jiraatuu wal arguu danda’an.56
Barreeffamootaafi jechoota adda addaa Kitaaba Qulqulluu keessaa Onesmoosiif haaraa ta’an
deggarsa Asteer Gannoon gara Afaan Oromootti hiikuu danda’eera. Bara Onesmoos Kitaaba
Qulqulluu gara Afaan Oromootti hiikaa ture keessa, Asteer Gannoo gahee ol’aanaa raawwataa
turtee jirti. Gargaarsa Asteer Gannoo taasisaa turte keessaa inni ol’aanaan hojii hiikkaa Kitaaba
Qulqulluu Kakuu Moofaa gara Afaan Oromootti akka hiikamuuf gumaachite keessaa akka
fakkeenyaatti fudhachuun nidnda’[Link] bara 1897 guutummaan guutuutti hiikaan isaa
gara Afaan Oromootti xumuramuun Wangeela bara ittiin barsiisuufi labsuun danda’amedha.57
Bara 1904, Onesmoos biyya itti dhalate Itoophiyaa (Wallaggaa)tti deebi’uun,ummata isaa
Oromootti makamuu danda’eera. Yeroo sana bulchaa Wallaggaa kan ture, Dajjaazmaach
Gabra-Igizaabeer, haala gaariin isa simateera. Akkasumas, yeroo jalqabaaf ummata isaa
Oromootti Afaan Oromootiin Kitaaba Qulqulluu lallabuu danda’[Link] ta’u malee,
gaggeessittoonni amantii Ortodoksii naannoo sana turan Afaan Oromoof ilaalcha gaarii waan
hinqabneef jibbiinsa cimaa agarsiisuu jalqaban.58
Onesmoos jaalalaafi kabaja inni yeroo gabaabaa keessatti uummata Oromoo irraa argate
namoota Oromoof ilaalcha gaarii hinqabnee waan rifachiiseef, sababa adda addaa isa irratti
uumuu jalqaban. Fakkeenyaaf, “Maaramii Kabaja Dhoorke” jechuun lallaba inni gaggeessaa
ture yakkuuf yaalii taasisaa [Link] suutan immoo akka inni yakka hojjetaa jirutti maqaa
balleessuu jalqan. Dhuma irratti, Paatiriyaarkii Orotodoksii yeroo sanaa kan ture, Abuna
Maatiwoos biratti akka dhiyaatu ta’e. Abunichis himannaa amantii Orotodoksii irratti hunda’uun
akka biyyaa bahu itti murteesse. Haa ta’u malee, Minilik, murtii Abunichaa haquun, Onesmoos
gara Naqamteetti akka deebi’u murteessee jira. Haata’u malee, Minilik murtoo fooyyeesse kana
keessatti Onesmoos gonkuma akka wangeela hin lallabne akkeekkachiisuun gara Wallaggaatti
erge.59
Sanaan booda sochiin inni uummata bal’aa keessatti taasisu waan daanga’eef, mana barnootaa
Naqamteetti bane hawaasa barsiisuu jalqabe. Yeroo sanas balaan biyyaa ari’amuu isa marsaa
ture. Bara 1916, Lij-Iyyaasuun aangoo qabatan amantaa isaa dhiibbaa tokko malee akka barsiisu
eeyyameef. Lij-Iyyaasuun, waggaa tokkoon booda aangoorraa fonqolchamus, murtiin isaa
19
akkuma jirutti itti fufeef. Onesmoos hanga gaafa du’uutti barreeffamoota adda addaa gara Afaan
Oromootti hiikuun ummattoota heedduu biraan gahun Kitaaba Qulqulluu barsiisaa ture.
Barreeffamoota inni Afaan Oromootiin qopheesse keessaa kan armaan gadii eeruun
nidanda’ama.60
Seenaa Oromoo keessatti, guddinaafi dagaagina afaan Oromoof namoota gumaacha ol’aanaa
taasisan muraasa keessaa Aster Gannoo iddoo guddaa qabdi. Kitaabi maqaa Aster Gannoo
Salbaanaatiin barreeffamee kan hin maxxanfamiin hafan hedduutu [Link],kitaaba xiqqaa
mata-dureen isaa “Onnee Namaa” jedhu, kan faaruu 100 qabu Afaan Giriikii irraa gara Afaan
Oromootti hikame akka fakkeenyaatti kan fudhatamudha.61
Onesmoosiifi Aster Gannoo nama bara sirna bulchiina abbaa lafaa kallattii adda addaan sirna
gita bittaa irratti dhiibbaa taasisaa [Link] gita bittaa abbaa lafaa Oromoofi guddina
afaan Oromoo quuccarsuuf karoofatanii hojjetaa [Link]’u malee Onesmoos bara gita
bittaa abbaa lafaa karaa caasaa isaa dhiibbaa taasisaa ture keessa Afaan Oromoo Barreessuufi
Barsiisuu irratti gumaacha ol’aanaa tasisaa ture. Fakkeenyaaf, bara 1885tti gargaarsa Asteer
Gannootiin, Kuusaa Jechootaa Oromoo- Siwuudiin, kan jechoota 6000 qabu qopheesse.62
Bara 1886 faaruu wangeelaa “Galata Waaqayyoo Guddaa” jedhu hiikuun maxxanseera. Bara
1892, kitaaba xiqqaa “Luuter Kaatekiizim” jedhamu Afaan Oromootti hiikee [Link] 1894
tumsa Asteer Gannootiin kitaaba Sheekkoo gaggabaaboo 79 qabu maxxanseera. Mata dureen
kitaaba kanaa “Jalqaba Dubbisaa” jedhama ture. Kitaabni kun fuula 174fi jechoota 3600 qaba.
Dhuma irratti, Onesmoos Waxabajjii 21, bara 1931 dhibee Onneetiin qabamuun addunyaa
kanarraa lubbuun darbeera.63
20
Seenaa Guddinaa Tumsaa (1929-1979)
“ Waldaa Amantaa Kiyyaafis Ta'e Uummata Kiyyaaf ani Tikseedha. Tikseen Akkamiin Waan
ofii Bineensaaf Dhiisee Deema ? Ani Gonkumaa Kana Hingodhu!”
Guddinaa Tumsaa gootota Oromoo keessaa isa [Link] ergaa gurguddoo ummataa
isaafi waldaa amantii Kiristaanaa Makkaane Iyyesuusiif dabarsaa ture hedduudha. Ergaa isaa
keessaa inni biroo:“Afrikaa Keessatti Eenyu Jiraachuu akka Danda’uufi Eenyu Du’uu akka
Qabu kan Murteessu Siyaasa” kan [Link],biyyoonni Afrikaa sirna bulchiinsa
Dimookiraasii dagaagsuu akka qabaniifi mirgi dhala namaa kabajamuu akka qabu kan eerudha.
Guddinaan bara 1929 yeroo ammaa naannoo Goddina Wallaggaa Lixaa iddoo Boojjii
jedhamutti abbaa isaa Tumsaa Silgaafi haadha isaa Naasisee Cirrachoo irraa dhalate. Bara 1950
mootaa keessa mootummaa biyya Siwuudiin Amantii Protastaantii iddoo adda addaa yeroo
ammaa Godina Wallagga Lixaa jala jiran hedduu keessatti akka babal’atu taasifamuun isaa
Guddinaafi namoota baay’eef carraa gaarii [Link] fechii barnootaaf qabu irraa kan
ka’e, umrii isaa ijoollummaan gara mana barumsaa amantii Kiristaanaa Najjootti mootummaa
Siwuudiiniin hundeeffame keessatti barnoota amantii jalqabuu danda’eera.64
Bara 1958, immoo manni amantii Kiristaanaa magaalaaNajjoo murteesseen Guddinaan gara
magaalaa Naqamtee deemee tajaajila amantii Pirotastaantii akka kennu taasifamee jira. Innis,
yeroo gabaabaa keessatti gaggeessaa (Paastarii) Waldaa Amantii Pirotastaantii damee Makkaane
21
Iyyesuus ta’u danda’eera. Waldaan Makaana Yesuusii dandeettii geggeessummaafi beekumsa
Guddinaa waan hubateef, bara 1963tti gara Ameerikaa deemee barnoota amatii yookaan
Tiyooloojii akka baratu carraa kennaamuufii danda’[Link] kanaan, magaalaa kana
keessatti Tajaajila amantii Kiristaanaa kennaa osoo jiru carraa barumsaa amantii argatee
barachuuf gara Amarkaatti imaluu danda’eera.65 Guddinaan, hadha manaafi ijoollee isaa shan
Itoophiyaatti dhiisuun hanga bara 1966 tti barnoota amantiif gara Amarikaatti imaluu
danda’eera. Bara 1966, yeroo barumsa amantii xumuruun Digirii Jalqabaa Diviiniitiin (Bachelor
Degree In Divinity (B.D.)) fudhachuun eebbifamuu danda’eera. 66
Yeroo gara biyyaatti deebi’u lallaba isaa keessatti walqixummaafi kabaja dhala namaaf
kennamuu qabuu irratti xiyyeeffatee barsiisaa [Link] amantii isaa keessatti ummata
Oromoofi saboota hedduu amantiifi mirga walqixummaa isaanii mirkaneeffachuu qaban
barsiisaa turee jira. Guddinaan barnootaaf yeroo Amerikaa jiraataa ture mirga dimookiraasiifi
walqixummaa ummattootaa Amerikaa keessa jiru, dhiibbaafi mulqamu mirga namoomaa
ummattoota Itoophiyaa waliin wal bira qabee nama xiinxalaa turedha. Haaluma kanaan,bara
1966, biyyatti deebuun booda, Waldaa Makkaane Iyyesuus keessatti lallaba amantii gaggeessu
bakka hundatti kabaja ilma namaa (Human Diginity)fi walqixxummaa sabootaa (Social Justice)
irratti xiyyeeffachuun amantii barsiisaa ture. Lallabni isaas, bu’uura tiyooloojii amantii
Kiristaanaafi mirga namoomaa dhala namaa hunda bu’uura godhatee kan gaggeeffamaa
turedha.67
Guddinaan umrii isaa ijoollummaa irraa jalqabee dheebuu barumsaa qabuufi mirga ummata
Oromoo kabachiisuuf nama fedhii ol’aanaa [Link] Oromoo akka inni amantii jalatti
of ijaaree tokkummaa cimaa qabaatuufi dinagdeen hunda dursee akka inni jiraatu arguu barbaada
ture. Guddinaan siyaasa Afrikaa keessa jiru yeroo ibsu: “Afrikaa Keessatti Siyaasni Eenyu
Jiraachuu akka Danda’uufi Eenyu Du’uu akka Qabu Murteessa” jechuun nama
[Link] Guddinaa Tumsaa namoota muraasa mootummaa Hayila Sillaasee mirga
namoomaa, mirga walqixummaa dinagdeefi walqixummaa sabootaatti hin amanne warraa
balaaleffatan keessaa nama tokkodha. Bara 1979, mootummaan Dargii, Luba Guddinaa Tumsaa
waliin hojjechuu akka barbaaduufi bulchiinsa mootummaa Dargiis akka deggeruu qabu
akkeekkachiisee ture.68
22
Haa ta’u malee, sirni bulchiinsa mootummaa Dargiis Luba Guddinaa Tumsaaf fudhatamuu hin
dandeenye. Booda irra bulchiinsi mootummaa Dargii mirga dhala namaaf iddoo guddaa kan hin
kennine ta’u isaa hubataa deemuun ummata Oromoofi saboota biroo lallaba amantii isaa
keessatti xiyyeeffannoo addan dadamaqsuu danda’eera.69
Gudinaan sababa mormii bulchiinsa mootummaa Dargii irratti jalqabeef Hagaya 1979 humna
waraana Dargiin butamee hidhame. Guddinaan qabsoo mirgaa walqixummaa ummata Oromoofi
walabummaa daangaa Oromiyaaf jecha obboleessa isaa jaal Baaroo Tumsaa du’aan kan dhabe
ta’u seenaan ragaadha. Mootummaa Dargii Guddinaa to’annaa isa jala galchuun miidhaa cimaa
irraan gaha turee jira.
(1875-1936)
23
“ Boombiifi aara summii meeshaa waraanaa keessaniin dhiigni lammii kiyyaa
dhangala’e , lafeen caccabee lafa kana keessaa osoo natti iyyuu yeroon shira keessan
fudhu Waaqayyo maal naan jedha?! Waaqa fuulduratti, akkamiinan daba kesssan
akka hinagarre ta’a? Dacheen Itoophiyaa ajaja Raayyaa Weerartoota jal’ootaa
hinbaattu! Yaa dachee Itoophiyaa, yaa biyya Itoophiyaa; yoo ati weerartoota jal’oo
kana baatte si abaare! “Humna Gita Bittootaaf akka hin Ajajamne, Nama Qofa osoo
Hintaane Lafa Kanayyuu Maqaa Rabbiitiin Hidheera”
Magarsaa Badhaasaa naannoo yeroo ammaa Shawaa kaabaa bakka Fiichee jedhamutti bara 1875
dhalate. Maatii inni irraa dhalate gama abbaatiin warra Badhaasaa Guddaa jedhamaniifi gama
haadhaatiin immoo warra Jaallee Masoo jedhamun hawaasa keessatti kanneen beekamanidha.
Maqaa dhalootaa maatiin isaaf moggaase Magarsaa jedhama [Link] hojiwwaan
gurguddoo ummata Oromoofi birmadummaa biyyaaf qabsaa ture nama maatii qote bulaa irraa
dhalatedha.72
24
Bara 1919tti, gara Finfinnee dhufuun barnoota amantii Ortodoksii barsiisaa turee [Link]
1921tti immoo Itoophiyaan yeroo jalqabaaf Phaaphaasota isheen muuddee gara Misir
(Aleksaandiriyaatti) ergite keessaa Magarsaa Badhaasaa isa tokko turan.73
Bara 1928, Xaaliyaaniin Itoophiyaa gabroomfachuuf yaalii gurguddoo taasisaa turettee [Link]
kana keessa Magarsaa Badhaasaa bu’uura ittiin bulmaata amantii Kiristaanaa Kitaaba Qulqulluu
keessa jiruun kadhannaa nageenya Itoophiyaafi ummattoota hundaaf taasisaa turee jira.74
Murtii du’aa Xaaliyaannon isa irratti murteessan kanatti Magarsaa Badhaasaa osoo hin
sodaatiiniifi hin rifatiin murtoon fudhatame raawwachuu danda’eera. Murtoon Xaaliyaannotaa
yeroo isa irratti fudhatamuuf daqiiqaan muraasni hafu ummattootaafi biyya eebbisuu jalqaban
Namoota murtii du’aa isa irratti dabarsaniifis rabbiin kadhachaa ture. Kitaaba Qulqulluu harkatti
qabatee tures dhungachuun waaqaaf galata galchee kadhannaa isa xumure. Xaaliyaannon yeroo
addabbii du’aa isa irratti raawwachuuf daqiiqaan muraasni hafu, Xaaliyaanonni
MagarsaaBadhaasaa naannoo addabaaba’ii Birbirsa Goorootti yookaan Piyaassaatti akka inni
gamootti hirkatee dhaabbatu dirqamsiisan. 77
Adoolessa 29, bara 1936, Gamootti hirkatee akkuma dhaabbatee jirutti loltoonni Xaaliyaan
sadeet dursanii qophii taasisaa turan al tokkon rasaasa itti dhukaasanii rukkutuu danda’aaniiru.
Haata’u malee dhukaasa namoota saddeettaniin lubuun isaa darbuu hin dandeenye. Lubuun isaa
25
akka hin darbiin hafe Xaaliyaannon adda baafachuun booda itti deebi’anii shugguxiin mataa
isaatti dhukaasuun lubuun isaa dabuu danda’eera. Xaaliyaanonnii reeffa Magarsaa
Badhaasaa namni akka hin argineef Finfinnee keessaa baasuun iddoo hin beekamne fagoo
geessuun awwaalan. Ummattoonni Finfinneefi biyyattii guyyaa sana guutummaan gadda
guddaa keessa kan oole ta’u qorannoon seenaa hedduun ni addeessu. 78
Gaafa Xaaliyaaniin biyya qabatte, Hayla Sillaasseef qondaaltonni isaa biyya dhiisanii gara
Awuroppaa baqachuuf dirqamaniiru. Haata’u malee, Magarsaa Badhaasaa ummattoota
Itoophiyaa waliin qabsa’uuf yookaan waliin du’uu filachuun biyya keessatti hafan. Seenaa
Itoophiyaa keessatti, wareegamni Magarsaa Badhaasaa seenaa goototaa biyyaaf wareegaman
hedduu keessaa kan adda isa taasisu Kitaaba Qulqulluu harkaa qabu qofan hanga aarsaa lubbuutti
qabsa’uu isaati. 80
26
Kitaabilee Wabii (References)
1
Lefort, Rene (1983), Ethiopia, an heretical revolution, Translated by Berrett, A.M.
London: Zed Press, pp.12-32.
2
Ibid.
3
Ibid.
4
Ibid.
5
Ibid.
6
Ottaway, Marina; Ottaway, David (1978), Ethiopia: Empire in Revolution. Africana
Publishing Company, p. 116.
7
Ibid.
8
Ibid.
9
Ibid.
10
Ibid.
11
Andargachew Tiruneh, (8 April 1993). The Ethiopian Revolution 1974-1987: A Transformation
from an Aristocratic to a Totalitarian Autocracy. Cambridge University [Link], 231-237.
12
Ibid.
13
Ibid.
14
Ibid.
15 Dajjazmach Damise Wolde Amanuel. “A Report on the Development of the
Imperial Ethiopian Government Police Force between the Years 1944 and 1956.” April 1957
16
Assefa Tefera Dibaba. “Ethnography of Resistance Poetics: Power and Authority in
Salaalee Oromo Folklore and Resistance Culture.” PhD, Indiana University, 2015.
17
Ibid.
18
Ibid.
19
Ibid
20
Biratu Kenei. “A History of the Oromo in and around Finfinne (Addis Ababa) from
1860s to 1974.” MA, History, AAU, 2010.
21
Ibid.
22
Ibid.
23
Ibid
24
IES MS. 2393/10/1.7: “The Survival of Oromo Nationalism, the Ethiopian Revolution and Its
Impact on the Politics of the Horn of Africa” Paper prepared to be presented at the SecondAnnual
Conference on the Horn of Africa, 1987
25
Ibid.
26
Ibid.
27
27
Mohammed Ademo, Commemorating 50 Years of Oromo Struggle led by General Waqo Gutu,
OPride.
28
Lemi Kebebew, "The Father, Leader of Oromo Struggle Passes Away" (Oromia
State Government website, accessed 6 October 2006)
29
Rebels and Separatists in Ethiopia, (PDF). Retrieved 2013-08-10.
30
Marina and David Ottaway, Ethiopia: Empire in Revolution (New York: Africana, 1978), pp.
92
31
Ibid.
32
Ibid.
33
Gebru Tareke, Ethiopia: Power and Protest: Peasant Revolts in the Twentieth
Century (Lawrenceville: Red Sea, 1996), p. 140.
34
Gebru Tareke, Ethiopia, pp. 125-159.
35
Ottaway, Empire in Revolution, p. 93
36
Ibid..
37
Ibid.
38
Ibid.
39
Hayward and Hassan, The Oromo Orthography of Shaykh Bakri Saṗalo, Bulletin
of the School of Oriental and African Studies, 44 (1981), p. 551
40
Ibid.
41
Ibid.
42
Mohamed Hassan, The Oromo of Ethiopia, a History: 1570-1860, Red Sea Press, 1994, p. 234
43
Gadaa website, Contains a table of Sheikh Sapalo's writing system with values
44
Ibid.
45
Ibid.
46
Ibid.
47
Ibid.
48
Ibid
49
Ibid
50
Ethiopian Evangelical Church Mekane Yesus (EECMY)
51
Ibid
52
Ibid
53
Ibid.
54
Ibid.
55
Ibid
56
Blucha, Mekura (1995) "Onesimos Nasib's Pioneering Contributions to Oromo Writing" Nordic
Journal of African Studies 4(1): 36-59
57
Ibid
58
Ibid.
59
Ibid.
60
Bara 1886, faaruu wangeelaa “Galata Waaqayyoo Guddaa” jedhu.
61
Addis Hiwot, Ethiopia From Autocracy to Revolution, Occasional Publication No.1,
Review of African Political Economy, London, 1975.
62
Ibid
63
Ibid
64
Gudina Tumsa (1968). "The Church as an Institution," ECMY 16th Executive
Committee. NMS archives
65
Gudina Tumsa, 1929 to 1979, Ethiopian Evangelical Church Mekane Yesus
Ethiopia, Dictionary of African Christian Biography
66
Paul Hoffman and Gunnar Hasselblatt made a first draft to the "Pastoral letter." It
28
was discussed in a group. Gudina Tumsa made the final draft statement before it was presented to the
church officers.
67
The experience of the people of Wallagga discussed at length in Eide 2000:40-53,71-94.
68
Memorandum" (1975), published in Eide 2000:277f.
69
EECMY letter (1972),in Eide 2000:267.
70 "
Pastoral Letter" (1975), in Eide 2000:269.
71
For the debate on "Mission as the Quest for Justice" see Bosch 1991:400-08.
72
[Link] 2020/04/21 › goo...
73
Ibid
74
Ibid
75
Ibid
76
Ibid
77
Ibid
78
Ibid
79
Ibid
80
Ibid
29