0% found this document useful (0 votes)
757 views8 pages

Key Events in Oromo Literature History

This document provides a summary of 100 major events in Oromo literary history from the 13th century to 2005. Some of the key events mentioned include the first book about the Oromo people written in 1682, the introduction of the Oromo language in churches and schools in the 19th century, the establishment of various printing presses and periodicals publishing in Afan Oromo starting in the late 19th century, the beginnings of radio broadcasts in Afan Oromo in the 1930s-40s, the introduction of Afan Oromo programs in universities in the late 20th century, and the establishment of Afan Oromo as a major subject of study.

Uploaded by

Chala Aliyi
Copyright
© © All Rights Reserved
We take content rights seriously. If you suspect this is your content, claim it here.
Available Formats
Download as DOCX, PDF, TXT or read online on Scribd
0% found this document useful (0 votes)
757 views8 pages

Key Events in Oromo Literature History

This document provides a summary of 100 major events in Oromo literary history from the 13th century to 2005. Some of the key events mentioned include the first book about the Oromo people written in 1682, the introduction of the Oromo language in churches and schools in the 19th century, the establishment of various printing presses and periodicals publishing in Afan Oromo starting in the late 19th century, the beginnings of radio broadcasts in Afan Oromo in the 1930s-40s, the introduction of Afan Oromo programs in universities in the late 20th century, and the establishment of Afan Oromo as a major subject of study.

Uploaded by

Chala Aliyi
Copyright
© © All Rights Reserved
We take content rights seriously. If you suspect this is your content, claim it here.
Available Formats
Download as DOCX, PDF, TXT or read online on Scribd

Major 100 events in Oromo Literary History

Wixinee kana hunda isaa sirreessi. Xuxxuqaa qorannoo nama biroo qabaachuu hinqabu. Hanga
Guraandhala 15 tti sirreessii Xummuri

kan hafe yookin hanqate,kan dabalamuu ykn hir’achu qaba jettan naaf barreessa. Kun seena keenya,
seena afaan keenyati.

1. Dhuma Jarraa 13ffaa – kitaabni jalqa Oromo Rabbi Al Qulbi Ali Umariin barreeffame.

2. 1682 – kitaabni jalqaba hiika jechoota(galmee jechoota xiqqoo) afaan Oromo Ludalfi Hiyuboon qubee
Latiniin barreeffame maxxafame.

3. 1755- Afaan Oromo Bara Mootii Iyasu tokkoffa afaan hoji masaraa Gondar ta’e

4. 1795- Weedduun Salamoon Jamis Burusin Afaan Oromotti jijjirame maxxanfame

5. 1814- Henery Saalti galmee Jechoota Afaan Oromo fi afaan Ingliizii maxxanse

6. 1824- Bilillen dhalatte

7. 1837 -Bilillen Motii Jarman heerumte

8. 1838- Afa Walaloon Oromo Faransitti Waare, Gabaa’ofi Jomardin maxxamfame

9. 1840- kitaabni uuma fi Yohanis Kiramfin maxxamfam

– Billillen walaloo 280 Karli Tusheeki kennite

10. 1841-Rocheti Herkoti galmee jechootaa Afaan Oromo maxxanse.

11. 1842- seerlugni afaan Oromo Kiraamfin barreefame maxxafame

12. 1843-Charles Bake jechoota Afaan Oromo walitti qabe maxxanse

13. 1844- Karli Tushek, Akkafedhe Dalle, Osho Aagaa, Amaan Gondaa, Billillen barreessan seerlugani
Afaan Oromo maxxanfame

-Karli Tushek, Akkafedhe Dalle, Osho Aagaa, Amaan Gondaa, Billillen barreessan galmeen jechoota Afaan
Oromo maxxanfame

14. 1848- De Abbadee gara dhiha Oromiya dhufe

15. 1852- Manni baruumsa Jalqaba Oromiya keessaatti, Horroo Guduru, Kombolchatti Abba Masayaatin
baname

16. 1853- Abba Jakob kitaaba Katekimus Afaan Oromotti hike Maxxanse
17. 1854- Manni baruumsa lammaffa Limmu saqqatti baname

18. 1855- Ganame Yaa’ii seena ishii “intala Oromo” jedhu maxxansite

19. 1856- Onosimos Nasib Dhalate

20. 1866- Abba Masaya Kolleejji Afaan Oromo qulqullu Mikaa’elaa Firaansi, Maarsetti bane

21. 1867- Abba Masaya seerluga Afaan Oromo maxxanse

22. 1869- manni baruumsafi kollejjin Afaan Oromo Finfinne, Birbirsatti(Piyaasa) baname

23. 1874- Aster Ganno dhalatte

24. 1875- Mootin Yohannis mana baruumsa fi Kollejji Oromo akka cufu Minilik ajaje Minilikis mana
baruumsa fi kollejji kanneen humnaan cufe

25. 1876- Kitaabni qulqullu kakuu haara Kiristiyaan Rufoon hiikame maxxafame

26. 1881-Katolikoonni Finfinne ari’aman Hararitti mana baruumsa banan

27. 1882- Shek Mahamod Jamil al Anni, kan waaye Oromo afaan Araban kitaabota shantama oliin
barresan waraana daanga Rayyaf i Afar jedduttii Mootii Yohaanis wajjin godhamerratti wareegaman

28. 1885- walaloon Oromoo Bililleen barreffame maxxanfame

29. 1986- Onesimos Nasib kitaaba Galata Waqayyo Gofta maccaa jedhu maxxanse

30. 1887- Etere Veterbo galmee seerluga afaan Oromo maxxanse

31. 1893- Firaanzi Piratooriyas seerluga Afaan Oromo maxxanse

32. 1894- Onesimos Aster Ganno wajjin jalqaba barsiisa maxxanse

33. 1895- Shek Bakiriin dhalate

34. 1898- Manni baruumsa Afaan Oromo Bojji karkarrootti baname

35. 1899- Onesimos Katekismos, Garaan Namaa Mana Waaqayo yookiis Iddo Bultii Seetana, kitaaba
Qulqulluu guutuu fi Galmee jechootaa Afaan Oromoo-Siwidini maxxanse

36. 1899-Aster Gannoo, si’a lama oduu shantamii lamaa fi kitaaba Afoola maxxasite

37. 1900- Onesimos mana baruumsa Afaan Oromo Asmaratti bane

38. 1900- AbbaJakoob kitaaba Wangeela Matiwos, kadhaa ganamaa fi galgala, kitaaba muldhataa
Yohanisii fi abboomii kurnan afaan Oromotti hike
39. 1904- Onesimos Najjotti mana baruumsa bane

40. 1913- E.C. Foot’s Galmee jechoota Afaan Oromoofi Afaan Ingiliizii maxxanse

41. 1922- Iniriiko Chiruulii kitaaba Phd isaa Afoola Oromo jedhu maxxanse

42. 1923- Aster Ganno mana baruumsa Naqamteetti bante

43. 1925- Josef Muzinjer Pashaa(haadhan Oromo abban Bulcha Galaana Diima fi jeneraala Misirii)
walaloo Afaan Oromoo maxxanse

44. 1931- Onesimos Nasib boqatan

45. 1936- Walaloon Fayis(Mana hidha fashistitti kan du’e) Nazif Hakimaatin maxxafame

46. 1936- Radiyon Afaan Oromo Jimmaf Finfinnetti eegale

47. 1936- Kitaabni barataa Afaan Oromo maxxafame

48. 1936- Shek Bakriin walaloo barreesu egale

49. 1939- Mariyo Morino seerluga Afaan Oromo maxxanse

50. 1941- Radiyon afaan Oromo fi manni baruumsa afaan Oromo Xaaliyaanonni banan cufame

51. 1944- Afaan Oromoo tajaajila kamifiyyu akka hin olle serri dhorku bahe.

52. 1955- Sheki Bakiriin qubbe Afaan Oromo xumure

53. 1961 Maccafi Tulamaan hunda’e

54. 1962- Bandiin Afran qallo hunda’e diraama gaggabaabofi sirbonni barrefamu egalan

55. 1964-Tiyatirri jalqaba Afaan Oromoo Mammo Mazamiriin barreefame Bushoftutti muldhate

56. 1965- Barruullen Oromo kana beekta laata Finfinneetti eegale

57. 1970- Radiyoon afaan Oromo Maqadashoo baname

58. 1971- Gazexaan Oromo ‘the Oromo voice against tyranny jalqabe

59. 1973- Hirmaata duubbi serluga afaan Oromoo fi Bara birran yoo bari’e(dirama) Hayle Fidaan
barrefamanii bahan

60. 1973- Radiyyon Harar baname

61. 1973- Hursan (asoosama) Dafaa Jamoon barreefame maxxafame


62. 1973- Oromo oral literature Mangasha Riqxuun qopha’e maxxafame

63. 1975-Gazexaan bariisa maxxanfamu egalte.

64. 1975- Fura Afaan Oromoo kan qubee amma fayyadamnu guututti qabdu Sheek Mahamad Rashadiin
maxxaffamte.

65. 1976- Kitabonni Soshalizimii faarsani namoota akka Tamsegen Gammadda , Jaalata Jafaroo fi Kuwwe
kumsaan barrefaman maxxafaman.

66. 1976- Bilillee Safaa Sheek Mohammad Jajjuu qubee Araba fayyadamuun walaloo afaan oromo
barreesan maxxafame

67. 1976- Korri qubee Afaan Oromo Gaara Mullataatti geggefame

68. 1981- Kitaabni walaloo Biliqqaa jedhamu Xaha Abdiin barreefame maxxafame

69. 1982- Kitaabni Oromiya jedhu Gadaa Melban barreeffame maxxanfame

70. 1982- Abbaan Walaloo Oromo Sheek Bakirin boqatan.

71. 1984- Kitaabni walaloo Hanga yoom nu hidhu Taamana Bitimaan barrefame maxxafame

72. 1988- Afaan Oromoo mana baruumsaa baqatoota keessatti ittin baratame egale

73. 1990- Galmeen jechoota Gireeg Gaanyee maxxafame

74. 1990- Galmeen jechoota Xilahuun Gamtaa maxxafame

75. 1990- Kuusaa Gadoo radiyoon seenefame

76. 1990-Gumbiin aadaa Wallagga Daafa Jamoon barreefame maxxaffame

77. 1990- kuusa jechoota(galmee jechoota) Daafa Jamoon barreefame maxxafame

78. 1991- Camsaa 28 Dargiin kufe

79. 1991-Waxabajjii 25 qubeen Afaan Oromo Oromiyaa guututti hojirra akka oolu murteefam

80. 1991- Hagayyaa Kuusaa Gadoo Gaddisa Biruun barreefame maxxafame

81. 1991- Fulbaana Godaannisni Dhaabaa Wayyeesan barreefame maxxafame

82. 1991- ETVn sagantaa afaan Oromo egale

83. 1992- kitaabonni barnootaa Afaan Oromon maxxafamanii bahan

84. 1992- Baratoonni Oromo afaan haadha isaaniin barachu egalan


85. 1992- Tiyaatirri , Dukanaan Duuba, Jennan fi Imimaan Dhaaba wayyesan barreefaman waltajjitti
dhiyatan

86. 1992- Tiyaatirri Qorannoo Motummaa Asafa fi Diima Abarran barrefame walatajjitti dhiyaate

87. 1993- Suura Abdii Kumsa Burraayyuun barreefame maxxafame

88. 1993-Yadaniin ( Bantii Oliiqaa?) barreefame maxxafame

89. 1993- Kooba Dubbii Mahamadi Qopheen barreefame maxxaffame

90. 1993- Serluga afaan Oromo Abdul Samad Mohamadiin barreefame maxxafame

91. 1994- Kitaabni Qabee jettu Wasane Bashatin barrefamte maxxafamte

92. 1994- Dhangaan fi diraaman TV afaan Oromo egale

93. 1994- Tiyaatirri Dhaaba Wayyesa Fuula Dhokate jedhe waljattii argate

94. 1994- Tiyaatirri Jilbibbii Fayisa Yaddesan barreefame waltajji argate

95. 1995- Tiyaatirri Hulluqqoo Abdul Nasir Haji Hasaniin barreefame waltajji gahe

96. 1997- Kollejjin barsiistota afaan Oromoon lenjisu Jimmafa Adaamatti baname

97. 1998- Qorumsi afaan Oromo kutaa kudha lamaffa egale

98. 1998- Afaan Oromo akka quxusuutti(minor) Yuniversiitii Finfinnetti eegale

99. 2002- Afaan Oromoo Digirrii jalqabaan Yuniversiitii Jimma fi Haramayatti kennamuu egale

100. 2005- Afaan Oromo Mastariin Yuniversiitii Finfinneetti eegale

Asoosama

   Hin dhageenne / I did not know it

Halkan wolakkaa ture.  Onneen isi’ii boqonnaa dhaddee, sammuun isi’ii addaan dho’uuf ka’ee obsuu
dadhabnaan imimmaan dhangalaasaa hirriiba keessaa kaate, Ruufo. Ruufo heerumtee haadha ijoollee
lamaati. Aanaa Bulee Horaa bakka Surro jedhamutti dhalatte. Abbaan manaa isi’ii gaafa rakkinni dhufe
“ani Gujii dha”, gaafa nagayaa immoo “ani gosa biraati” kan ifiin jedhu ture. Silaa nami dabarsii worri
isaa keessa dhufe quba hinqabne, jiruufi jireenna isaa keessa dhoksaan hedduun jiraachuun isii maaniin
beeka? Ruufolle tanuma teete. Osoo quba hinqabaatin diina heerumtee ilmee horteef. Ilmeen diinarraa
dhalatte maal taati? Gaafa seenaa dhuga’aa baratte maal ifiin jetti? Diina moo fira ifiin jetti? Furmaata
yoo dhabde worra isi’ii kan ifii jaamanii isii jaamsaan, kan dhiiga isii’ii kan ormaatiin wolitti makan osoo
abaartuu jireenni isi’ii [Link] immoo waanuma biraafa…!
Ruufo Surrotti dhalattuu malee seenaa Surroo dhiisii waan abbaan isi’iituu ittiin du’e quba hinqabdu.
Nami isii guddise kunille waan qulqulleessee itti hime hinqabu. Isuma abbaan isii duulloomee waaqni
fudhate, yokiin kan harki namaa jiruu itti gabaabse, yokiin kan bineensi hamaan isa take  te’uusaa ilaafi
gurraa hinqabdu. Wonni isiin beettu abbaa isii ijoollummaan irraa akka du’e oduu hinmiikaneeffatin
takka gurra qabdi. Sababni isaa wanta Surrotti worra isii irratti raawwatame isiinu hin dhageenne.
Abbaan isi’ii eennuu akka te’e maqaa isaayyuu nama duri seenaa abbaa isi’ii beeku tokkotti bara isiin
dureessa tokkoof kennamte itti hime. Nami sunnille dubbii gadi fageesse itti hinibsine. Dhugaa isaa kan
bartee fi abbaan isi’iitii fi firoonni isi’ii hundi diida Surrootti akka qoraanii kan ibiddaaf nyaata te’an erga
woggaa afuriif nama du’a worra isi’iitiif sababa kan te’e hammattee ciifteeti. Kan isii guddise nama Gujii
hin te’in tokko gaafa Gujii Surrotti fixan erga worri isi’ii dhumuu baree isii fudhatee guddifate, worruma
gaafa san loon worra isi’ii dannabee, worra isi’ii ficcisiisee, seenaa worra isii buqee dhokse keessaa tokko
[Link] gaafa isiin kutaa kudhan barattu “intalli tun barumsaan cimtuu waan teeteef, seenaa
worraa isi’ii qorattee diina nutti teeti” jedhee waan yaaddoweef isii sossobee abbaa qabeenya tokkotti
heerumsiise, abbaan isii [Link] sirrii argachuu baattulle, abbaan isi’ii nama cimaa te’uu
isaatiifi wonni inni du’een dhokatuun isi’ii garaa isii [Link] seenaa kana isitti hime karaa
adeemaa waan  tureefi, lamatta deebitee isa hin [Link] dhugummaa dubbii isaa caalatti baruuf
sammuun isi’ii boqonnaa dhabeera. Ragaa dabalataa barbadaa jirti.

Maqaan abbaa isi’ii sun sammuu isii keessatti hafe—“Gurrachi Geeloo kun nama akkamiiti” jedhee nama
gaafadha moo “maal te’a?” jettee osoo dhiphattuu gaafa tokko kitaaba waa’ee seenaa Gujii irratti
barreeffame tokko nama harkatti argite irraa fuutee ilaalte. Osoo kitaabichaa bantee baafata isaa
ilaaltuu mata duree “The holocaust of Surro: A concealed reality” jedhu argite.  Achitti dhalatte waan
jedhamteef ariifattee dubbisutti teettee. “Dhugaan dhokatte tun du’a abbaa kiyyaa ifi keessaa
qabaachuu dandeetti” jedhaa osoo dubbistuu jirtuu namoota gaafa san lubbuun isaanii ibidda
rasaasaatiifi ibidda mukaatiin woreegamte maqaan isaanii tarreeffanii argite. Osoo maqaa namootaa
tokko tokkoon dubbistuu maqaa abbaa isi’ii Gurraacha Geeloo Girjaa isa jedhu argite imimmaan ila
isiirra osoo yaa’uu ajjeechaa gaafa sana Gujii irratti raawwatamu keessaa eennu fa’a akka harka qaban
soqutti teette. “Dhiigaan na nyaachisanii diina abba kiyya ijjeese immoo dhirsa naaf godhanii na
hammachiisanii na wajjiin bulchanii” jettee boyaa dhumarra dhiiga abbaa isi’ii baasuuf kutattee kaate.
“Erga gaafa san jiraachuu baadhee, ekeraan abbaa kiyyaa achii teettee na komatuurraa abbaa worraa
kiyya kana lubbuu abbaa kiyyaatiif yaadannoo godha” jettee murteessitee galte. Gujii te’uu isi’ii hin
beektu jedhee waan amanuuf galgala tokko akkuma amala isaa “Gujiin kun jabaattee qindoofnaan lafa
teenna tanarraa nu kaasaa, jabaannee mala adda addaatiin ifi jala galfachuu qabna” jedhee obboleessa
isaa isa mari’achiisu teettee dhageetti. Malli namtichi baasaa jiru caalatti garaa isii jabeesse. Namtichi
dhuguma dhirsa osoo hin te’in nyaapha te’uu isaa isi’iif mirkaneesse. “Isumaayyuu ka worraa kiyya fixee
na hanqate jedhee saba kiyya fixuuf karoorfataa” jettee guddoo garaa hammaatte.
Akkuma hirriibni isii fudhateen wanti guyyaa dubbiste- ijjeechaaniifi balleessaan sanyii kan worra
isi’iirratti raawwatame dhufee hirriiba isii dhooggee: bo’ichi namoota galma guddaa keessatti wolitti
qabamanii rasaasaan tumamanii reeffi isaanii ibiddatti affeelame; garaa  jabeenni loltooti Mootummaa
Dargi’ii uummata nagayaa lafa isaa qotatee, loon isaa tikfatee jiraatuu malee osoo womaa hin balleessin
lafaa fi horii isaatiif jedhamee buunshoo godhame hundi ila isi’ii dura deeme. Buunshoonille kabaja
qabdi bishaniin okkotetti affeelamtee namatu nyaataa, Gujiin gafas garuu Galma Surroo keessatti
ibiddatti  affeelaman. Bishaan osoo hinta’in dhiiga isaaniitu gaafa san bishaan ta’ee itti affeelaman. Kan
foon isaanii nyaate rasaasa lubbuu hin qabne; kan dhiiga isaanii dhuge biyyee isaanii qulqulluu kan
dhiiga diina isaaniitu dhugdee hin beeknee dha. Gaafa san biyyeen Gujii dhiiguma Gujii deebitee dhugde.
Kan Ruufotti mul’ate naaftanyicha, Meejer Tekilee Wolde’ee jedhamu kan tee’ee bo’icha, waakaa fi
gidira saanyii isi’iitti murgifatuudha. Isaaniif waca du’a ittiin simatan ture; isaaf garu gammachuu fedhii
isaa guutateef foolee foon isaanii kan ibiddi dhaabbitti waxalu kan inni tee’ee funfatutu itti mul’ate.
Battala sanatti yoo rifattee kaatu bobaa diinaa keessa teettee boyaa jirtu ifi argite. Osoo wanti boottuuf
sun irratti beekkamee, caarraan isiillee kanuma worra isii te’uu beektee murteeffattee kaate. Kan seenaa
worra isi’ii dhoksee, eenyummaa isii awwaalee, du’a worra isi’ii dhiigaan isii nyaachiisee niitii isii
godhatee, isii hammatee ciisu kana seenaa isaa gabaabsu feete. Gaaffii ijoolleen isiin diinaaf horaa jirtu
boru isii gaafatantu itti mul’ate. Gaafa kitaaba isiin dubbiste kana dubbisanii ilmaan diinaa te’uu baran
isiinille gaafii isaaniitiif deebii kennuu akka hindandeenne hubatte. Silaa gaafa dhugaan saaxilamte worra
dhiisii ormi shira hojjateeyyuu gaabbuu hin oolanuu, ijoolleen kunniin amma na hidhiisan jettee guddoo
yaaddofte.

Halkan wodhakkaa cinaa taqee/siree ifii kaatee dhaabatte. Sila tanaan dura nama ijjeettee hin beektu
jaarsicha kana akkamitti akka xumurtu wolii wollaalte. Yoo irratti beekee inni akkuma abbaa isii akka isii
galaafatu itti muidhannaan taqeedhuma jalaa gadi jettee sholee/billowa lafaan ciran fudhatte. Akkuma
lafaa fuuteen jaalalli abbaa manaa ifii woliin dabarsite fi waadi isaaf galte itti mul’ate. Ijjeesuu motii,
lubbuu tiyyaa siif kenna jettee kan durii waada galteef amma immoo lubbuu isaa keessaa baasuuf itti
gamuun isii waadaa diiguu itti fakkaate. Guyyaa jalqabaaf jaalala isaa dhandhamatte sana yaadatte. Kan
akka abbaa fi haadhaa itti boqattee waggoota afuriif woliin jiraatte kaleessa diina te’uu isaa beettee
diina itti te’uuf jirtu dhaabattee yaadde. Ijoollee isaaf deette tanalle abbaan isaanii maaniin akka du’e
maan jettee akka itti hintu yaaddoo keessa galte. Dubbii gara itti qaddu wollaaltee jennaan achuma
dhaabattee bootte. Daqiiqa muraasa duuba namtichi karoora isi’ii kana irratti beekee boru ganama waan
isii ijjeesu itti fakkate. Sababni isa yeroo hedduu “waan ati garaa keetti yaaddu ni beeka” waan inni isi’iin
jedhuuf “dhuguma  namtichi kun umriidhaan waan na caaluuf waan ani garaa kiyyatti yaadu ni beeka”
jette qalbii lama teete. “Abbaa kiyya moo abbaa worraa kiyya; seenaa moo jaalala; dhiigaan nyaachuu
moo dhiiga basuu; gaafii seenaa kan ijoolleen tiyya boru kaasanuun dhiphachuu moo har’a dirqamaa
qabu ba’uu….” Waan hedduu altokko yaadde. Gartuu yaadaa kana gidduu osoo dhaabattee boottuu
namtichi hirriibaa dammaqee ifi biraa isii dhabee sosocho’uu isaa dhageettee yoo isiin billowa lafa
keettu “ Ruufa tiyya eessa deemte ati” jedhee isii yaame. “Ruufa tiyya” kan jedhu maqaa jaalalaa inni isii
ittiin yaamu ture. “Fincaaniif ka’e” jetteen. Akka isiin sobde waan hin beekneef “koottu ka Ruufa tiyya!”
jedhee deebi’ee rafe. Jechi jaalalaa sun garaa isii caalatti booressinaan imimmaan lolaasa dugda itti
galtee irkatte. Imimmaan ila isi’ii keessaa ka lolaasaa jiru fi onnee isii kan iitesseeru du’a abbaa isi’ii kan
dhaabbitti ibidaan waxalame du’e, ka isiin ilaan dhaggitee hin beekneedha.

Gurraacha Geeloo Girja nami jedhamuu janna Guji’ii ka gurri fulla’e ture, kan dhiiga Gujii hedduu baase
kan isaa nama baasu dhabe. Intala isaalle seenaan jala dhokatee, diinni abbaa isi’ii ijjeese hammatee
ciisee ilmee irraa horataa jira. Xiiqii kanatu eenyummaa isi’ii dhunfatee ifi jala olchinaan abbaa mana ifii
kan jaallattutti gara galte. Dhugatu ifa bayee, seenaan dhokate argamee, worra seenicha awwaalaniif
guyyaan isaanii geye. “Hidda moo xandhachatti irra dhiiga” mammaassa  jedhu yoo yaadattu dhiigni
abbaa isi’ii keessa isiitii finiine, dhiiga gootaa waan te’eef onnee intala gootaa iteesse. Dhiphinna hedduu
duuba yaada isi’ii hobbaafatte. Sammuun isi’ii “qara maaliif diinaa heerumtee amma ijjeeste?” jedhee
gaaffii itti kaasnaan “ duraani ‘hin dhageenne!’ amma dhageennaan dhiigni gootaa gootaaf fincile” jettee
deebii qubsa sammuu isiitiif deebittee baatee qajeelte.

                                                                Ayyelee Kebbedeetiin, Onkololeessa 30, 2011 barreeffam

You might also like