0% found this document useful (0 votes)
1K views62 pages

Mammaaksota Dubartoota Oromoo

The document discusses a research study focused on analyzing the content of Oromo proverbs related to women in the South West Shewa Zone, emphasizing the significance of folklore in reflecting societal values and identity. It highlights the dual nature of proverbs, showcasing both the strengths and weaknesses of women, while also addressing issues of gender equality and cultural heritage. The research aims to contribute to the understanding of women's roles and the cultural narratives surrounding them within the Oromo community.

Uploaded by

Gezhagn Argaw
Copyright
© © All Rights Reserved
We take content rights seriously. If you suspect this is your content, claim it here.
Available Formats
Download as DOCX, PDF, TXT or read online on Scribd
0% found this document useful (0 votes)
1K views62 pages

Mammaaksota Dubartoota Oromoo

The document discusses a research study focused on analyzing the content of Oromo proverbs related to women in the South West Shewa Zone, emphasizing the significance of folklore in reflecting societal values and identity. It highlights the dual nature of proverbs, showcasing both the strengths and weaknesses of women, while also addressing issues of gender equality and cultural heritage. The research aims to contribute to the understanding of women's roles and the cultural narratives surrounding them within the Oromo community.

Uploaded by

Gezhagn Argaw
Copyright
© © All Rights Reserved
We take content rights seriously. If you suspect this is your content, claim it here.
Available Formats
Download as DOCX, PDF, TXT or read online on Scribd

QAACCESSA MAMMAAKSA OGUMA DUBARTOOTAA

MUL’ISAN GODINA SHAWAA KIBBA LIXAA AANAA


SABBATAA HAWWAAS XIYYEEFFACHUUN
WARAQAA QORANNOO ULAAGAA DIGIRII JALQABAA
(BA)FOOKILOORII FI AFAAN OROMOO GUUTTACHUUF
QOPHAA‟EE, YUUNIVERSIITII NAANNOO OROMIYAA,
KOLLEEJJII SAAYINSII HAWAASAAFI NAMUMMAATTI,
MUUMMEE BARNOOTA FOOKILOORII FI AFAAN
OROMOOF
DHIYAATE

QORATTOONNI
[Link] ARGAW
[Link] QANA'AA
[Link] DHAABAA
[Link] BAYYANAA

GORSAA: IFTIYOOM WAAQGAARII(MA)

1
CAAMSAA 2017/2025 SABBATA, OROMIYAA

2
Galata
Waraqaa qorannoo kana hojjannee xumuruu keessatti namoota nu gargaaran keessaa
sadarkaa duraatti hubannoo barbaachisu nuuflaachuun nuffii tokko malee kan nu gargaaran
Iftiyoom waaqgaariif(MA)galanni keenya guddaadha. Iftiyoom waaqgaariin(MA)kallattiin
nutti agarsiisan salphaa miti. Beekumsaafi oguma qaban nutti hin waakkanne. galanni
keenya dachaadha. Itti aansuun milkaa‘ina qorannoo keenyaaf waajjira koominikeeshiinii
Aanaa Sabbataa Hawwaasiif kabajaafi galata guddaa qabna. Akkasumas, Hawwaasa Aanaa
Sabbataa Hawwaas ragaa odeeffannoo nuuf kennaniifi kanneen haala nuufmijeessanis
galata nurraa [Link], hiriyoottan keenya kallattii adda addaan cinaa keenya
dhaabataniif galanni keenya daangaa hin qabu.

JIBSOO

Jechootaafi gabaasituuwwan

Cuubata → mi‘eessituu
Habuurraa → haala qabatamaa qaamaan biratti argamuun daawwachuu
Iddatteessuu → jamaa keessaahirmaattoota filachuu
Iddattoo → qaamaxiqqaa jamaa keessaa filatamuun qorannoonirratti gaggeeffamu
Irraawwatama → qaamayookiin jamaa qorannoon irratti gaggeeffame
Jamaa → hawaasa qorannoon irratti gaggeeffamu
Madda → ka‘umsa gochi tokko irraaka‘uu danda‘u
Udumamoo → Waan walitti cunqaa‘e
Wayyooma → Gaarummaa

viii
AXAREERAA
Kaayyoo guddaan qorannoo kanaa ergaa qabiyyee mammaaksota Oromoo
dubartoota bu‟uureffatanii mammaakaman xiinxaluudha. Maddi odeeffannoo qorannichaas
buleessaafi buleettii hawaasichaati. Gosti qorannoo kanaa ammoo qorannoo qulqulleeffataa
yemmuu ta'u, ragaaleen argamanis saxaxa ibsaattii gargaaramuun qaacceffamanii jiru.
Qorannoo kanaan mammaaksonni Oromoo dubartoota bu‟uureffachuun mammaakaman
hawaasa keessaa mala akkayyoofi mala darbaan dabarsaa gargaaramuun kan funaanaman
yoo ta‟u, qorannichi dayeessa dubartummaa bu‟uureffachuun kan gaggeeffamedha.
Mammaaksonni kunneenis kanneen ciminaafi hanqina isaanii bu‟uureffatanii
mammaakaman adda addatti akkaataa qabiyyee isaaniitiin xiinxalamaniiru. Bu‟uuruma
kanaanis, mammaaksonni gadaantummaa dubartootaa ibsuuf mammaakaamaan; hanqina
beekumsaa, hanqina gahumsa hoggansaa, gootummaa dhabuu, kan hinbarbaachifne ta‟uu,
amanamummaa kan hinqabne ta‟uu, madda waldhabdee ta‟uun dubartootaa kan
qaacceffaman ta‟us, mammaaksonni akkanaa aadaafi safuu hawaasa keenyaa waliin kan
hindeemneefi rakkoo xiinsamuu, siyaas-dinagdee, hawaasummaa kan qabuufi miira
gadaantummaa dubartoota keessatti kan uumu akkasumas, gama walqixxummaa
dubartootaan rakkoo mataasaa akka qabu xiinxala gaggeeffameen hubatameera. Karaa biraas,
mammaaksonni cimina dubartootaa ibsan keessumaa; dubartiin beektuu ta‟uu, jaalala
haadhummaa, haxxummaa dubartootaa, dubartiin barbaachiftuu ta‟uu, ogummaa
qabaachuufi kanneen kabaja dubartootaa ibsan gadi fageenyaan
[Link] ka‟uunis, yaadonni walfaallessan kallattii gadaantummaafi
cimina dubartootaa ibsaniin kan argamanis ta‟u, yaadonni faallaa maalummaa
dubartootaa jiraniifi gadaantummaa isaanii leellisan adeemsaan maqfamaa akka
deemaniifi kanneen cimina isaan qaban ifa baasan barsiifamuufi bakka bu‟aa deemuu
akka qaban wayyooma qabaachuun qorannoo kanaan kan ifoome yoo ta‟u, barteefi dudhaa
hawaasichaa waliin kan hindeemne aadaa gaarii hawaasichi qabuun bakka buusaa dhaloota
barsiisaa deemuun qaroomina hawaasichaa daran beeksisuu keessatti shoora guddaakan
bahu ta‟uun xiinxala gaggeeffameen hubatameera.

ix
1
BOQONNAA TOKKO: SEENSA
Qorannoon kun Xiinxala Ergaa Qabiyyee Mammaaksota Oromoo Dubartootaaf Mammaakaman
Godina Shawaa Kibba Lixaa Aanaa Sabbataa Hawaasitti ija yaaxxina Feminizimiitiin, mata
duree jedhu irratti kan gaggeeffame yoo ta‘u, boqonnaa kana jalatti yaadoleen dhiyaatan:
seenduuba qorannichaa, ka‘umsa qorannichaa, kaayyoo qorannichaa, barbaachisummaa
qorannichaa, daangaa qorannichaa, hanqina qorannichaa, qindoomina waraqaafi haala
waliigalaa naannoo qorannichi itti gaggeeffamee qabatee dhiyaateera.

1.1. Seenduubee Qorannichaa


Fooklooriin barsiifata, duudhaa, mul‘istuu eenyummaa hawaasa tokkootiifi damee aadaa
[Link], eenyummaan, aadaan, falaasamniifi guutummaan waa‘ee hawaasa tokkoo
kan ifu fookiloorii [Link]‘istuu eenyummaa hawaasa [Link] Amos (1979,
f. 430), ―Foklore is a sphere of interaction, a mirror of cuture, a perspective screen of
personality,‖ jechuun [Link] kanarraa wanti hubatamu, fookilooriin kan hawaasa walitti
fidu, ibsituu/calaqqee aadaa hawaasa tokkoofi eenyummaa hawaasichaa akka ta‘e lafa kaa‘a.
Kanuma bu‘uura godhachuun afoolli eenyummaa, bartee, dudhaafi maalummaa aadaa hawaasaa
waliin walitti dhufeenya guddaa akka qabu hubachuun ni danda‘[Link], Malakne
(2006) fookloorii yammuu ibsu, Folklore is that part of people‘s culture which is reserved,
consciously or unconsciously, in beliefs and practices, customs and observances of general
currency, in myths, legends and tales of common acceptance and in arts and crafts which
express the temper and genius of group rather of individuals, jedha. (ff. 4-6)
Kunis, fooklooriin qaama aadaa hawaasa tokkoo ta‘ee, beekaniis ta‘ee osoo hinbeekiin yookaan
itti yaadaniis ta‘ee osoo itti hin yaadiin amantiilee, shaakala adda addaa keessatti, duudhaaleefi
haala daawwannaa waliigalaa yeroo ammaa keessatti, raagamtaa, afseenaafi oduu durii
fudhatama walfakkaataa qaban keessatti, aartiifi ogummaawwan harkaa keessatti kuufamee kan
argamu ta‘ee, ciminaafi kennaa yookaan dandeettii namni dhuunfaa tokko qabu caalaa kan
hawaasaa kan calaqqisiisuudha. Kanaaf, fooklooriin akkuma aadaa hawaasaa hojiiwwan garee
hawaasa tokkoo ibsan, eenyummaafi maalummaa hawaasa tokkoo mul‘isan, amantii, duudhaa,
raagamtaa, afseenaa, oduu durii, aartiifi ogummaawwan hawaasa keessatti mul‘atan kan
hawaasni hubatanis ta‘ee, osoo hinhubatiin dalagaan kan of keessatti hammatuudha. Toelken,
(2003), Oring (1986) wabeeffachuun fookloorii yemmuu ibsu, ―folklore is that part of
culture that ‗lives happily everafter‘‘[Link] yaada kanaatti, fooklooriin qaama aadaa
1
yeroo hunda bifa haaraan [Link] jireenya hawaasaa keessatti bifa haaraan
argamuun isaa itti fufiinsaafi irra deddeebiin argamuun afoolaaf sababa cimaadha. Encyclopedia
of America (1995, f. 498) fookloorii yemmuu ibsu; Folklore in its broadest sense is the part of
the culture, customs and beliefs of society that is based on popular [Link] is produced by
the community and is usually transmitted orally or by [Link] includes arts, and
skills and music dance, jedha.
Akka yaada kanaatti, fookloorii kallattii hiika isaa bal‘isnee yemmuu ilaallu; qaama aadaa,
duudhaaleefi amantiilee hawaasaa kanneen barsiifatahawaasaa keessatti bal‘inaan mul‘atanirratti
kan hundaa‘eedha. Kana malees, hawaasaan hawaasaaf kan uumamuufi yeroo mara afaaniin
yookaan gochaan kan [Link], dandeettiiwwan dhala namaafi shubbisni
muuziqaa fookloorii jalatti [Link] ta‘eef, yaadonni armaan olitti ka‘an hiikaan
fooklooriif kennan walirraa fageenya kan hin qabne ta‘uu namatti [Link] isaas,
fookilooriin waan aadaafi barsiifatahawaasichaata‘uu lafakaa‘u.
Aadaan barreeffamaan yaada ofii nama biroof yookaan qaama biroof dabarsuu osoo hin
baratamiin dura dhallinamaa afaaniin yaada isaa ibsachaa yookaan dabarfachaa tureera. Barteen,
eenyummaan, gochaan, yaanniifi calaqqeen hawaasaa afaaniin dhalootaa dhalootatti darbaa
ture ammas darbaa jiru kun immoo Afoola jedhamuun beekama. Afoolli karaa hawaasni
oguuma, falaasama, eenyummaa, aadaafi duudhaa isaa dhalootaa dhalootatti ittiin dabarsudha.
Kanuma Addunyaa (2016) irratti yoo ibsu;
Afoolli oguma (wisdom) labata tokkookan biraatti afaaniin darbudha. Fayyadama afaanii kan
ilmi namaa uumaa, uumama, beekumsa natoofi baranee ittiin hubatuufi ibsu jechuunis ni
danda‘[Link] malees, aadaa, seenaa sadarkaa guddinni hawaasichaa irra jiruufi irra ture
mul‘isuuf, jechootaafi ibsitoota dhaga‘uufi dubbachuuf tolaniin kunuunsee dhiyeessa
jechuun lafakaa‘a. (f. 166)
Walumaagalatti, afoolli waan dhaloonni tokko qabu, ittiin beekamu dhaloota kaaniif dabarsuuf
kan gargaarudha. Karaaleen maalummaan hawaasa tokkoo hawaasa biroof ittiin darbu kun
afaaniin yookaan sochii qaamaan ta‘uu danda‘[Link] akaakuu garagaraa of jalaa [Link],
hawaasichis akaakuuwwan afoolaa adda addaatti dhimma bahee eenyummaafi duudhaa isaa ittiin

1
ibsata. Akaakuuwwan kanneen keessaa; Mammaaksa, hibboo, durdurii, geerarsa, faaruuwwan
adda addaa kanneen akka faaruu loonii, faaruujaalalaa, faaruu ateetee, faaruu boo‘ichaa, faaruu
daa‘immanii/ ururuu, sirba gaa‘elaa, sirba jaalalaa, jechamoota, cigoowwan, eebba, abaarsa,
tabaalliiwwaniifikkfeeruunni danda‘ama.
Akaakuuwwan kanneen keessaa Mammaaksi hawaasa Oromoo biratti iddoo olaanaa
[Link] isaas, mammaaksi ofuma isaatii [Link] cuunfaa yaada sammuu
ilma [Link] lafumaa ka‘amee kan mammaakamu osoo hin taane, itti
yaadamee beekumsaafi muuxannoo qaban fayyadamuun ergaa barbaadan
dabarfachuuf kan [Link] duuba beekumtaa, eenyummaa, sadarkaafi
falaasama hawaasa tokkoo hubachuun nama hin [Link] jibba, jaalala,
gammachuu, gadda, diddaa, tuffii, gorsa, qajeelchuu, barsiisuu, kallattii agarsiisuu,
akeekkachiisuu, mormii, deeggarsa qabuufi [Link] hubannoo qabu
gargaaramee mammaaksaan diiguu, ijaaruu, kaasuu, kuffisuu, deeggaruu, mormuu
danda‘[Link] hawaasa Oromoo biratti mammaaksi haalaan dhimma [Link]
kana kan dhugoomsu; Addunyaa, (2016, f. 189), irratti akkas jedha;
Mammaaksi akkuma akaakuu afoolaa kanneen biroo, dhalootaa dhalootatti afaaniin
[Link] qusatamoofi udumamoo ta‘an, jechoota filatamoofi himoota gaggabaaboon
[Link] hundi hin mammaaku; beekaatu mammaaka; beekaan keenya ammoo
buleessaafi buleettii [Link] dubbii eegalanii isumaan dubbii goolabu;
mammaaksaan dubbii fidanii isumaan dubbii [Link] koobaa dubbiiti kan
jedhamuufiskanumaafi jechuun ibsa.
Yaanni kunis hawaasicha biratti mammaaksi hangam oguma gadi fagoofi muuxannoo cimaa kan
gaafatu akka ta‘e [Link] mi‘eessituu yookan cuubata [Link], Mammaaksi
hawaasicha keessatti beekamtiifi bu‘uura cimaa [Link] akkana bu‘uura cimaa qabu kun
haala kamiin hawaasicha ibsa waan jedhu ilaaluun gaarii ta‘a. Mammaaksi mammaakamu
safuufi dudhaa hawaasichaa eeganii kan mammaakaman ta‘us, dubartoota xiyeeffachuun
mammaaksonni mammaakaman danuun hawaasicha keessas bifa barreeffamaanis maddoota
adda addaa keessatti ni argamu. Keessumaa mammaaksonni ciminaafi laafina dubartootaa
calaqqisiisan ni argamu. Isaan kana ammoo qotanii baasuun, ittiin barsiisuun, diiganii
ijaaruun, waan fooyya‘uu qabu fooyyessuun dirqama ogeessa afaanichaati.
Karaa biraas, dhimmoota dubartootaafi mammaaksaan walqabatan yoo ilaallu; Sahilu, (2004,
f. 41) irratti; ―Women and proverbs mostly find themselves at odds‖ [Link],
mammaaksaan dubartoota kan faarsan osoo hin taane kan maqaa balleessan akka
ta‘[Link] jechuun garuu manguddoonni dubartootaa gonkumaa mammaaksatti dhimma hin
bahanjechuu [Link] dubartoonniifi dhiironni yookan jaarsoliin itti fayyadaman
garaagarummaa qaba jechuu isaati. Kunis, dubartoonni hanga dhiirotaa heddumminaan hin
[Link] jechuunis, hanga dhiironni fayyadaman dubartoonni itti hin
fayyadaman, dhimma itti hin bahan [Link] kana cimsuuf ammas sahilu,
(2004) irratti; ―It is true that women can use proverb with great subtlty, but it is difficult
to consider them as the performance prose mammaaksa.‖ jedha.
Yaada kanarraas wanti hubatamu, dubartoonni mammaaksatti dhimma bahanis warra dhiiraa
waliin walbira qabamee yoo ilaalamu, dubartoonni akka manguddoota warra dhiiraa bal‘inaan
ogummaa kana akka hin qabne ibsa. Mammaaksonnumti sunuu cimina dubartootaa
ibsuurra hamilee isaanii kan [Link], mirgaafi walqixxummaa dubartootaa
yeroo ammaa akka idil-addunyaatti irratti xiyyeeffatamee jiruun [Link]
ka‘uunis, qorataan mammaaksota Oromoo dubartootaxiyyeeffatanii mammaakaman xiinxaluuf
karoorfate.

1.2. Ka‟umsa Qorannichaa


Mammaaksi damee afoolaa keessaa isa tokkodha. Bal‘inaanis hawaasa keessatti kan
tajaajiluufi hawaasni sadarkaafi yoomessa garaagaraa keessatti kan dhimma itti bahudha.
Haasaa taasisu keessatti, mariilee adda addaa keessatti, waan itti dhagahame karaa
gabaabaa ta‘een ibsuuf hawaasni keenya mammaaksa [Link] itti dhagahame;
quuqqaa garaa isaa, gadda haata‘u gammachuu, deeggarsa haata‘u mormii
mammaaksaan ibsata. Kana duukaa mammaaksota dubartoota bu‘uura godhachuun
mammaakaman argina. Mammaaksonni kunneen takkaayuu cimina dubartootaa ibsuufkan
mammaakaman yookan ammoo laafina isaanii ibsuuf kan mammaakaman ta‘u.
Dubartoonni kutaa hawaasaa kamiyyuu keessatti loogiin baroota dheeraaf irratti raawwatamaa
tureefi ammas kan itti fufaa jiru ta‘uun ni [Link]‘u malee, biyyoota guddatan
keessatti loogiin dubartoota irratti raawwatamu hir‘achaa dhufuun isaa ifaadha. Loogiin
dubartoota irratti godhamuufi dubartoota gadi aantummaan ilaaluun akka Addunyaatti kan
bal‘ate waan ta‘eef, rakkinichi amala waliigalaa akka qabaatu [Link]
furmaata kennuuf, sadarkaa

Addunyaatti mootummoonni sochii godhaniiru, godhaas ji ru. Loogii dubartoota


irratti raawwatamu kana maqsuudhaaf akka addunyaatti waliigalteewwan idil-addunyaa
mirga namoomaa adda addaa keessatti loogii saalabu‘uura godhateraawwachuun kan
dhorkameta‘uun ni [Link]‘u malee, akka barbaadametti bu‘aa fiduu waan
hindandeenyeef, waliigalteewwan mirga namoomaa dubartoota addatti ilaalan sadarkaa
addunyaatti bahuunis sanaduma kana keessatti ibsamee jira. Dirqama xiinsammuu,
eenyummaafi hawaasummaati, dirqama seenaati malee dirqama seeraa [Link]
dhaloota hedduu qaxxaamuree nubira gahe kana gaarummaafoolchuu akka
dandeenyuttitolfachuun kan dhaloota ammaa barumsa jabanaa qabu kanaati [Link]
kana ta‘eef, mammaaksota hamilee dubartoota walakkaa hawaasaa ta‘an kana tuqu cimina
isaanii waraabamee hin dhumneen bakka buusnee hawaasakeenya barsiisuun bu‘uuraka‘umsa
qorannoo kanaati.
Dabalataanis, qorataan qorannoowwan kanaan dura qorattoota adda addaan mata duree kana
irratti gaggeeffaman ilaaluuf yaalee [Link], yoo xiqqaate waalamaaf [Link] amma
qorataa kanaan hojjetame hojii darbeen daran kan walfakkaatuufi irra deebii yoo ta‘e qisaasa‘ina
yeroofi maallaqaa ta‘uu bira darbee hojicha gatii akka hin dhabsiifne ofeeggannoo gochuu
yoo ta‘u, inni lammataa qaawwa qorannoo duraanii sanaan mul‘ate duuchuufillee shoora
olaanaa qaba.
Haaluma kanaan, mata duree mammaaksota dubartootaan walqabatan irratti qorannoowwan
hojjetaman keessaa inni tokko qorannoo Yeweyinxajji Daamxootiin Yuunivarsitii Finfinneetti
bara 2008 Aanaa Ada‘aa giddu galeeffachuun [Link] kun gosaan
[Link] qorannichaa inni guddaan garuu, Mammaaksota
Cimina dubartootaa ibsan qofa [Link] ishee keessatti waan mirga
dubartootaan walqabatee jiru hin ilaalle, kaayyoo hojii ishees [Link] isaas,silumayyuu
mammaaksota cimina dubartootaa ibsan qofarratti xiyyeeffatte.
Qorannoon biroo hojii kanaan walitti dhiyeenya qabu, qorannoo Malkaamuu Margoo bara 2007
mata duree Dubartoota Mammaaksa Oromoo keessatti jedhuun Yuunivarsiitii Finfinneetti
[Link] Malkaamuus akkuma kan Yewayinxajji gosaan qulqulleeffataadha.
Xiyyeeffannoon bu‘uuraa qorannoo Malkaamuu ammoo,mammaaksota dubartootaa
gadaantummaa dubartootaa ibsan [Link] mirga dubartootaan dhiibbaa
mammaaksonnikunneen hawaasakeessatti dubartoota irratti qaban waan xiinxaluuf
yaalehomaa hin qabu, xiyyeeffannoo isaas [Link] kanneen hawaasa keessaa
guuruu irratti xiyyeeffate.
Qorannoon qorataa kun garuu qaawwa kana ilaalee kallattii yaaxxina dubartummaan waan jiru
xiinxaluun mata duree qorattoonni lamaan garaagara hojjetan walitti fiduun xiinxalaa
barsiifata hawaasichaaf hin taane akka qajeelu xurree agarsiisuun kaayyoo isaa isa
[Link] bu‘uura godhachuudhaan, Gaaffileen bu‘uuraa qorannoon kun deebisuu qabu
kanneen armaan gadiita‘u.
1. Qabiyyeewwan mammaaksotaa dubartootabu‘uura godhachuun mammaakaman maal fa‘i?
2. Ergaawwan mammaaksota dubartoota giddu galeessa godhachuun mammaakaman gama
yaaxxina dubartummaan maal agarsiisu?
3. Uummanni Oromoo Godina shawaa kibba lixaa, mammaaksotatti yeroo dhimma bahu
mirga dubartootaaf of eeggannoo akkamiitaasisaa?
4. Mammaaksota dubartoota bu‘uura godhachuun mammaakaman keessatti haalli ittiin
dubartoonnibakka buufaman mirga isaaniirratti dhiibbaa akkamii qaba?
1.3. Kaayyoo Qorannichaa
Qorannoon kun kutaa lama Kaayyoo Gooroofi kaayyoo Gooree akka armaan gadiitti of jalaa
qaba.
1.3.1. Kaayyoo Gooroo
Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa ergaa qabiyyee mammaaksota Oromoo dubartootaaf
mammaakamani akka Godina Shawaa kibba lixaa Aanaa Sabbataa Hawaasi tti ija
yaaxxina feminizimiitiin xiinxaluudha.
1.3.2. Kaayyoo Gooree
1. Qabiyyeewwan mammaaksotaa dubartoota giddu galeessa godhachuun
mammaakaman adda baasuu.
2. Ergaawwan mammaaksotaa dubartoota giddu galeessa godhachuun mammaakaman gama
mirga dubartootaan xiinxaluu.
3. Ummanni Oromoo Godina Shawaa Kibba Lixaa, mammaaksotatti yeroo dhimma bahu mirga
dubartootaaf of eeggannoo akkamii akka godhu xiinxaluu.
4. Mammaaksota dubartoota bu‘uura godhachuun mammaakaman keessatti haalli ittiin
dubartoonni bakka buufaman mirga isaaniirratti dhiibbaa akkamii akka qabu
xiinxaluudha.

1.4. Barbaachisummaa Qorannichaa


Barbaachisummaan qorannoo kanaa inni guddaan Mammaaksa Oromoo Dubartoota
bu‘uureffatanii mammaakaman hawaasicha hubachiisuufi kanneen miidhaa geessisan irraa
hawaasichi akka of qusatu akkasumas cimina isaanii kanneen bu‘uureffatan irratti akka
xiyyeeffatan [Link] biraas, mirga dubartootaan walqabatee xiinsammuu dubartootaa
irratti miidhaa geessisu [Link] ka‘uunis,akka armaan gadiitti qorannichi
bu‘aa buusuu danda‘a.
Hawaasa Oromoo bal‘inaan mammaaksatti fayyadamu keessatti miidhaa mammaaksi
Oromoo gadaantummaa dubartootaa mul‘isan fidanni hubachiisa.
Dadhabbina caalaa cimina dubartootaa wanti ibsan hedduun jiraachuu isaa
mammaaksotuma gama kanaan qaacceffamaniin hubachiisuuf gargaara.
Hawaasni keenya miidhaa gama kanaan dubartootarra gahu akka hambisaniif ni gargaara.
Dhaloonni haaraan beekumsaafi falaasama guddaa hawaasni keenya kun qabu qorannoon
deeggareewaan gaariif akka oolchuuf karrani bana.
Abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqeefi Manguddoonni Oromoo bebbeekamoon keessumaa
odeefkennitoota ta‘anii kanneen qorannoo kana irratti hirmaatan yaada kana hubachuun jila
adda addaafi iddoo walgahii gurguddaa hirmaatan mara irratti miidhaa barteewwan kunneen
qaban hawaasa isaanii hubachiisuu danda‘u.
Qaamni dhimma kana irratti qorannoo daran bal‘aa ta‘e gaggeessu ka‘umsa argachuu
danda‘a.

1.5. Daangaa Qorannoo


Qorannoon kun Godina Shawaa Kibba Lixaa Aanaa Sabbataa Hawaasitti kan adeemsifame yoo
ta‘u, mala akkayyoo (parpussive sampling) bu‘uura godhachuun Aanolee Godinichaa
keessaa Aanaa Sabbataa Hawaas filachuun qorannoo isaa gaggeesseera [Link]‘uuruma
kanaanis, mata duree Ergaa Qabiyyee Mammaaksota Oromoo Dubartootaaf
Mammaakaman Godina Shawaa Kibba Lixaa Aanaa Sabbataa Hawaasitti ija yaaxxina
dubartummaan xiinxaluu kan jedhu irratti kan xiyyeeffate ta‘[Link] barnoota jabanaa
hin qabne yookan aadaa barreeffamaa hin qabne biratti afoolli aadaa, eenyummaafi bartee
hawaasichaatursiisuu keessatti iddoo guddaa qaba.
Mammaaksi immoo keessumaa hawaasa Oromoo biratti baay‘ee beekamaafi iddoo guddaa kan
[Link] yoomessa adda addaa keessatti [Link] isaatiinis
baay‘ee bal‘aadha. Waan hunda tuqa, dhimmoota hedduuf mammaakama. Waan ta‘eef,
mata duree qorannoo kana jalatti afoola keessaa Mammaaksa irratti kan fuulleffate yoo ta‘u,
mammaaksi daran bal‘aa ta‘uu isaarraan kan ka‘e, mammaaksa keessaa ammoo
mammaaksota dubartoota bu‘uureffatanii mammaakaman irratti kan daanga‘eta‘uudha.
Qorannoon kun iddoodhaanis, mata dureedhaanis haala kanaan kan daanga‘[Link] isaas,
daanga‘uun mata duree qorannoo tokkoo qorannicha haalaan gaggeessuufis ta‘eebu‘aa eegamus
amansiisaa gochuuf baay‘ee barbaachisaadha. Yoo hin taane akkasumaan qilleensa abootuu ta‘a, lafa
qabanii gadidhiisan hin qabaatu. Kanaaf, qorataan mata duree qorannoo isaa Xiinxala Ergaa
Qabiyyee Mammaaksota Oromoo dubartootaaf mammaakaman ija yaaxxina dubartummaan kan
jedhu iraattikan bu‘uureffateef.

1.6. Hanqina Qorannichaa


Adeemsa hojii qorannoo kana keessatti wantoonni danqaa ta‘an hedduun qorataa
mudataniiru. Kanneen keessaa inni guddaafi ijoon hanqina yeroofi haala [Link]
barnoota ofuma isaatiinuu yeroodhaan daanga‘aadha. Hojii har‘aa keessaawayitii tokkollee boriif
bulfachuun hindanda‘[Link] kan ka‘e akka barbaadametti gabatee yeroo taa‘e keessatti
socho‘uun odeeffannoo walitti qabuun rakkoo guddaa qoraticha mudatan keessaa isa tokko yoo ta‘u
sababii rakkoo nageenyaa darbee darbee mul‘atuun yeroo barbaachisaa ta‘e kamittuu gandoota
keessa socho‘uun sodaas, yaaddoos tureera.
Haata‘u malee, qorataan rakkinoota kana hundaafuu harka kennee hinteenye. Rakkoo adeemsa
odeeffannoo funaanuu irratti qorataa mudataniif, guyyaa Sanbataafi Dilbataa gargaaramuun
hojiisaa milkeessuuf yaalee jira.

1.7. Qindoomina Waraqaa


Qorannoon kun Xiinxala Ergaa Qabiyyee Mammaaksota Oromoo Dubartootaaf
Mammaakaman ija yaaxxina Feminizimiitiin,‖mata duree jedhu irratti kan gaggeeffame yoo ta‘u,
akka waliigalaatti, boqonnaalee shanitti qoodamuun qindaa‘ee jira. Haala kanaan, boqonnaa
tokkoffaa keessatti seenduuba qorannichaa, ka‘umsa qorannichaa, kaayyoo qorannichaa,
barbaachisummaa qorannichaa, daangaa qorannichaa hanqina qorannichaafi qindoomina
waraqaatu dhiyaatee jira. Itti fufuun, boqonnaa lammaffaa keessatti immoo Yaaxxinootaafi
sakatta‘a barruu dhimma Mammaaksa Oromoon walqabatantu dhiyaate. Boqonnaa sadaffaa
keessatti malleeniifi saxaxa qorannichi hordofuun gaggeeffamutu dhiyaateera. Boqonnaa afraffaa
keessatti immoo qaaccessaafi hiika odeeffannootu gadifageenyaan dhiyaate. Boqonnaa shanaffaa
keessatti goolabaafi yaadolee furmaataa qorannichaatu dhiyaate. Dhuma irratti, wabiileefi
dabaleewwan walduraa duubaan dhiyaachuun xumurameera.
BOQONNAA LAMA: SAKATTA‟A BARRUU WALFAKKII
Akka waliigalaatti, qorannoon kun kanirratti xiyyeeffatu afoola jalatti kan ramadamu xiinxala
Ergaa Mammaaksota Oromoo Dubartootaaf Mammaakaman ija yaaxxina dubartummaan Godina
Shawaa Kibba Lixaa Aanaa Sabbataa Hawaas, xiyyeeffate yemmuu ta‘u, kanaan walqabatee,
yaadrimee qorannoo kanaa jalatti, maalummaa fookloorii, faayidaa fookloorii, gooroowwan
fookloorii, Afoolaafi gosoota isaa, Mammaaksa, faayidaafi amaloota mammaaksaa,
yaaxxinoota qorannichaa, yaaxxina dubartummaafi gosoota isaa bal‘inaan ibsamaniiru.

2.1. Yaadrimee Fookiloorii


Mata duree kana jalatti barruulee adda addaa sakatta‘uun yaaddiddamoota barruu adda addaa
keessatti mata-duree qorannoo kanaan walqabatee, barreeffamoota qorattootaafi barreessitoota
adda addaatiin maxxanfamaan funaanuun qorannoo qoratamuun deeggaruun qorannoo kana
dhugummaa isaa mirkaneessuuf bakka ragaa quubsaa itti dhiheessinuudha. Yaada kana
hayyuun Berg, (2001, f. 19) yemmuu deeggaru, a literature review is an account of what
has been published on a topic by accredited scholars and researchers, jedha. Kanaaf,
qorannoo tokko keessatti barreeffamoota maxxanfamaan sakatta‘uunbarbaachisaadha.
Fookilooriin maal akka ta‘e salphaatti kanadha jedhanii bira darbuun waan danda‘amu akka
hintaane hiika hayyootni fookilooriif kennan irraa hubachuun ni danda‘ama. Gaaffii kana
deebisuuf hayyootni dirree qorannookanairratti bobba‘ankallattii garaa garaatiin ilaaluunhiikaa
turaniiru, hiikaas [Link]‘u malee, sababoota adda addaa irraa kan ka‘e hiika hayyootni hundi
irratti waliigalan argachuun hin danda‘amne. Hayyootni tokko tokko yaadrimee fookiloorii
jedhuuf hiika kennuuf hiika jechootaa fookilooriin irraa uumame kan bu‘uureffatan yoota‘u,
walakkaan isaanii ammoo fookilooriin maal akka ta‘e hiikuuf hiika jechaa irratti hundaa‘uu
caalaawantoota fookilooriin of keessaattihammatu irratti xiyyeffachuun gaariita‘a jedhu.
Hiikaa Oring fookilooriif kennite kana yeroo ilaallu, hiika jechootaa lamaan fookilooriin irraa
uumame kan bu‘uureffate [Link], jechi ‗folk‘ jedhu garee hawaasaa waan waliin
qooddatu tokko qabujechuu yoo ta‘u, ‗folklore‘ jechuun ammo saayinsii hawaasa sanaafi waa‘ee
garee hawaasa sanaa qo‘atudha yaada jedhu of keessaa [Link] kana akka waliigalaatti yeroo
ilaallu garuu hiika jechootaa lamaan fookilooriin irraa ijaarame ‗folk‘fi ‗lore‘ bu‘uura
godhachuun kan kennameta‘uu isaahubanna.
Gara biraatiin immoo, hayyoonni biroon maalummaa fookiloorii yoo hiikan ka‘umsa kan
godhatan hiika jechootaa fookilooriin irraa uumame utuu hinta‘iin wantoota fookilooriin of
keessatti hammatu irratti kan xiyyeeffatan [Link] kana Martha C and Stephen (2005)
yoo ibsan;
Folklore is manythings and it is almost impossible to define [Link] is both what
folklorists study and the name of the discipline they work within. Yes, folklore is folk song
and [Link] is alsoquilts, Boy Scoutbadges, high school marching, banitiations,
jokes, chain letters, nicknames, holyday food…and many other things you might or might
not expect. Folklore exists in cities, suburbs and rural villages, in families, work groups and
dormitories. (ff. 1-2)
Akka yaada armaan olii kanatti fookilooriin waan hedduu kan of keessatti qabatuufi wantoota
jiruufi jireenya dhala namaa waliin hidhata qaban hedduu kan of keessatti hammatu ta‘uu isaa
irraan kan ka‘e hiika gabaabaa kennuufiin rakkisaa ta‘uu isaa nama hubachiisa. Haata‘u malee,
yaadrimeen kun wantoota hayyootni fookiloorii keessatti qo‘ataniifi gosa ogummaa qo‘atamu
sanaa kan of keessatti hammatu akka ta‘eefi wantootni kana jalatti ilaalamuu danda‘an
dhimmootanuti fookilooriidha jenneehin yaannellee dabalachuu akka danda‘u ibsa.

Dabalataanis, fookilooriin magaalaa, baadiyyaa, maatii, gareewwan hawaasaa adda addaafi kkf
keessatti kan mul‘atu ta‘uu isaa irraan kan ka‘e hunda galeessa ta‘uu isaa namatti agarsiisa.
Fooklooriin lafa namni jiru kamuu jira [Link], iddoo murtaawaa tokko
kennuufiin kan danda‘amu miti [Link] kana fakkaatu Okpewho, (1992, f. 5) yoo
ibsu;
“However, it is important to note that the folklore of people consists essentially of two
kinds of activity: what this people traditionally say (eg. Songs, proverbs, tales) and what they
traditionally do (eg. weaving, dance, rituals.)‖ jedha. Kana jechuun wantoota fooklooriin
hawaasaa kun irratti xiyyeeffatu lama beekuun barbaachisaa ta‘uu [Link] waan hawaasichi
aadaan jechaa ture (Sirboota, Mammaaksota, durdurii) fi gochaa ture (Hojii harkaa, sochii
qaamaa/hurruubummaa/, sirna amantaa) beekuu ilaala.

2.2. Akaakuuwwaan Fookloorii


Ogummaan tokko saayinsii ta‘uun isaa kan ittiin beekamuufi mirkanaa‘u keessaa ulaagaan inni
tokko gooroowwaniifi dameewwan adda addaatti qoodamuu danda‘uu [Link],
dhimma tokko kallattii adda addaan ilaalani hubachuuf fayyada. Akkasumas, sababni
ogummaa tokko dameewwan adda addaan qoodnuuf, inni duraa, xiyyeeffannoo akka
argatuuf, inni lammaffaa, roga adda addaarra ilaaluun beekumsa jiru arguuf, inni sadaffaa,
ogummaa wanta jechisiisukeessaa damee qabaachuu isaa waanta‘eefi.
Dorson (1972, f.2), akaakuuwwan fookloorii bakka afuritti qooda.―Folklore and folk life maybe
placed under four large grouping, oral literature, material culture, social folk custom and folk
art,‖ jedha.
Akka yaada kanaatti, hayyuun kun fookloorii afoola/ogafaan, meeshaa aadaa, duudhaa garee
hawaasaafi aartii garee hawaasaa jechuun bakka bal‘aa afuritti qooda. Haata‘u malee,
afoolli
aartii wajjiin, meeshaaleen aadaa sirna adda addaarratti, duudhaan hawaasaa barsiifata hawaasaa
keessattiifi bakka barbaachisan hundatti wajjin mul‘achuu danda‘u.
2.1.1. Afoola
Damee fookloorii keessaa tokko kan ta‘e, afoola hayyoonni adda addaa kallattii maalummaa isaa
nuuf ibsuu danda‘a jedhaniin yaada isaanii dhiheessanii [Link] giddu galeeffachuun
hayyoonni adda addaa afoolaaf hiika armaan gadii kaa‘uuf yaalaniiru. Melakne, (2006, ff. 9-13)
―Literature refers to hirval heritage of mankind transimitted from generation to generation by
word of [Link] literature also called oral tradition the lore (traditional knowledge and
beliefs) of cultures having no written language is a branch of folklore”jechuun maalummaa
afoolaa ibsa.
Yaada hayyuu kanaarraa wanti hubatamu, afoolli damee fokloorii keessaa isa tokko ta‘ee
beekumsaafi aadaa jecha afaaniitiin dhalootaa dhalootatti daddarbu ta‘uu isaati. Itti
dabaluun dame fookloorii beekumsa ganamaa, amantaafi aadaa afaan barreeffamaa hin qabne
ta‘uu ibsee jira. Dabalataanis,Carter, (2001, f. 3), akka armaan gadiitti ibsiteejirti.
Literature is as old as human language, and as new as tomorrow‘s sunrise….The first
literature in any culture is oral. The classical Greek epics, the Asian narratives of
Gilgamesh…the earliest version of the Bible…were all communicated orally, and passed on
from generation to generation- with variations, additions, omissions and embellishments until
they were set down in written form inversions which have come down to us.
Akka yaada oliirraa hubatamutti afoolli hawaasni akkuma afaan argateen kan itti dhufe waan
ta‘eef umurii dheeraa kan qabuufi wanta hundaa ibsuurratti hangafummaa kan qabu ta‘uudha.
Asaffaan, (2004), (Bukenya, 1994) wabeeffachuun akka ibsetti,
…it [oral literature] is avaluable…experience contributing to the total growth,
development and self-fulfillment of the person exposed to [Link] literature imports to the
growing person useful, cognitive, performative and affective skills which enable the person
to live a rewarding life and to be a useful member of society jedha.(f. 11)
Yaada kanarraa kan hubatamu, afoolli muuxannoo, dagaaginaafi guddina waliigalaatiin nama itti
gargaarrame guutuu kan taasiisuudha. Akkasumas, afoolli guddina dandeettii sammuu, hojiifi
kaka‘umsaa namaa cimsuun, miseensa hawaasaa keessatti nama barbaadamaa taasisuufi akka
jireenyamijaawaa jiraatannamataasisuukeessatti iddoo guddaa qaba.
Haaluma walfakkaatuun Soofiyaa (1999, f. 1) afoolli eenyummaa saba tokko amantii haala
jiruufijireenyaa heeraafi seerasaa akkasumas, ilaalchi inni addunyaa qabu kan ittiin dhaloota itti
aanuuf dabarsuudha jechudhan lafa keessi. Yaada armaan olii kanarraa kan hubannu, afoolli
seenaa aadaa saba tokko kan fulduraatti tarkaanfachiisaa dhufeefi ammas tarkaanfachiisaa kan
[Link], abalummaan osoo hin ta‘iin uummatummaan kan beekamu ta‘uu [Link]
mirga abbummaan falmatu waan hinjirreef jiruufi jireenya hawaasichaa keessaa kan burqeefi
isuma deebiseekan ibsuta‘uutuhubatama.
Alamaayyoofi Alamituu (2010) irratti afoolli hambaa [Link] malees hojii kalaqa
sammuu kan ta‘eefi seenaa, eenyummaa, afaaniifi haala jiruufi jireenya hawaasa tokkoo kan
calaqqissisudha. Hambaan kun garuu dhalootaa gara dhalootatti afaaniin ibsamaa ykn gochaan
raawwatamaa kan daddarbaa tureefi daddarbaa jiruudha. Yaada barreessitoota kanaarraa wanti
hubatamutti, afoolli qabeenya hawaasaa ta‘ee kan seenaa, eenyummaafi haala jiruufi jireenya
saba tokkoo kan ibsuufi bifa afaaniifi gochaan labataa gara labataatti kan daddarbu
ta‘[Link] namni dhuunfaan ittiwaamamumitijechuudha.
Mengesha R. (1970, f. 2) irratti, ―Oral literature is created and recreated in the moment when
speaker and listener meet and its meaning refers to their shared experiences‖ jechuun afoolaaf
hiika [Link] yaada hayyuu kanaatti, afoolli kan uumamu yeroo dubbataafi dhaggeeffataan
walitti dhufuun muuxannoo isaanii wal jijjiiran kan uumamuufi hiikaan isaas kanarraa kan
argamuta‘uudha.
Finnegan (1976, f. 24), waa‘ee afoolaa yoo ibsitu, ―Oral literature is by definition dependent on a
performer who formulates it in words on a specific occasion. There is no other way in which it
can be realized as literary product‖ . Yaada kanarraa kan hubannu, afoolli ogummaa
afaaniin hundaa‘u, raawwatamuufi [Link], hiikaan afoolaa qaama afoola sana
fayyadamuun irratti kan bu‘uuruufi karaa itti mirkanaa‘u biroo kan hin qabne ta‘uu isaati.
Bukenya (1994, f.
84) irratti, ―Oral literature is the heart of people‘s way of life it is the very soul of their culture‖
[Link] kanarraa wanti hubamu, afoolli aadaafi haalajireenya saba tokkoo kan ibsuu ta‘uu
isaati. Karaa biraas, Boswell fi Reaver, (1962) afoolaan walqabsiisanii yaada armaan gadii lafa
kaa‘u;
We can allow ourselves a contradiction, and say that there was a kind of literature before
literature. Some of the materials of literature, the thoughts, must have been created long before
they were written down. We can fancy and without fancy there would not much literature
worth reading that our distant fathers who lived in caves sat round the fires and told stories
about wild animals they had met, about their exploits in combat with neighboring tribes,
and mysterious tales, "myths," as we call them, about the gods of forest and stream. (f. 16)
Akka yaanni olitti tuqame agarsiisutti, afoolli ogummaa barreeffamaan dura hawaasni kallattiin
ittiin walhubachaa tureedha. Walummaagalatti, yaada hayyootaa kana irraa hubachuun wanti
danda‘amu, afoolli hambaa saba tokkoo ta‘ee afaaniin dhalootarraa dhalootatti kan daddarbu
ta‘uu isaafi hiikaan afoolaa haala darbiinsaa, amalasaafi faayidaasaa irraa kaa‘uun kan ibsamu
ta‘uudha.

2.3. Gosoota Afoolaa


Afoolli damee garagaraatti caccabuun ibsamuu mala. Haayyonni afaaniis dhugummaa
yaada kanaa mirkaneessuuf ka‘umsa qabxiilee garagaraa fayyadamuun qoqqoodama afoolaa
kallattii armaan gadiin kaa‘aniiru. Okpewho,(1994, ff. 127-290), Afoola Afrikaa
sirbootaafijechamoota, seeneffamootaafi qareeyyiijechuun qoqqoodeera.
Yaadannoo G.(2014, ff. 9-10) irratti, ―yeroo baay‘ee jechi afoola jedhu yoo ka‘u yaanni keenya
gara hiibboo, mammaaksaafi sheekkoo akka dhaqu ni [Link]‘u malee, durdurii,
sheekko, ragamtaa, seeneffamoota, afoolaafi sirba aadaa hammachiisuun gosa afoolaa
ramaduunni danda‘ama‖ .
Barreeffamni olii hawaasni waa‘ee afoolaa yoo dhagahu dursee afoolli fuuldura isaa dhufu
hiibboo, mammaaksaafi sheekkoo ta‘uu [Link]‘u malee, afoolli dameewwan sadan kanaan
ala jiraachuu [Link] (1995, f. 42),―Afoolli yaaxina baay‘ee bal‘aa ta‘ee kan hambaa
hammatuudha. Durdurii, hiibboo, sirboota aadaa, tapha ijoolleefi k.k.f. afoola
keessatti hammatamu‖ jechuun gosoota afoolaa tarreessuuf yaalee [Link] (2004, f.
133) irratti ―Bifoonni afoolli ittiin dhiyaatu mammaaksa, jechama, cigoo, hiibboo, oduu
durii, geerarsa, tapha ijoollee, eebbaafi k.k.f. fa‘a‖ jechuun dameewwan afoolaa ibsee
[Link] T. (2009, f.

19
159) ―Afoola Oromoo akka cirracha galaanaa lakkaa‘anii fixuun ulfaataadha. Isaan keessaa
muraasni: mammaaksa, sheekkoo, geerarsa, hiibboo, eebbaafi abaarsa, tapha ijoolleefi k.k. fa‘a
jechuun gosoota afoolaa eeruuf yaalee jira. Yaadonni kunneen bal‘inaafdhiphina isaaniirraa kan
hafe karaawalitti dhiyeenya qabuufi ifata‘een dameewwan afoolaatarreessaniiru.
Misgaanuu,(2011) akka armaan gadiitti yaadotuma kanneen cimsa.
Gooroowwan ogafaanii kana jedhanii murteessuun [Link]‘uutii ogafaan bifa
hololoo ykn seenessuutiin (sheekkoo, durdurii, baacoo, afseenaa,… ) uunkaalee
gaggabaaboon kan mul‘atan (hiibboo, mammaksa,…) fi bifa afwalaloon (weedduu
jaalalaa, weedduu hojii, geerarsa, mararoo, weedduu ateetee, sirba, faaruu loonii,
weedduu dhimmoota siyaasaa, weedduu hurursa mucaa, weedduuwwan gootummaa,
weedduuwwan seenaa, tapha ijoollee, weedduuwwan amantii, weedduuwwan ajjeesaa,
hiibboo altokkotokkoo)fi [Link] mul‘achuu danda‘a. (f. 41)
Akka ibsa barreessaa oliitti qoqqoodamni afoolaa kallattii dhiyaatina isaanii kan giddu
galeeffatuufi kallattii kanaan afoolli kan bifa hololoo, uunka gaggabaaboofi bifa afwalaloon
dhiyaachuu kan danda‘u jechuun qoqqooduun ni danda‘ama yaada jedhu ofkeessaa qaba.
Xiyyeeffannoon qorannoo kanaas, afoolota bifa afwalaloon dhiyaatan kan
[Link], qorataan gosoota afoolaa keessaa Mammaaksa Oromoo
Dubartootaaf mammaakaman irratti xiyyeeffatee jira.
2.3.1. Mammaaksa
Mammaaksi akaakuu afoolaa keessaa tokko ta‘ee afaaniin dha lootaa dhalootatti kan
[Link] yaada hayyootaatiin yoo mirkaneessinu; ―Mammaaksi, akkuma akaakuu
afoolaa kanneen biroo, dhalootaa dhalootatti afaaniin [Link] qusatamoofi udumamoo ta‘an
jechoota filatamoofi himoota gaggabaaboon ibsa‖ . (Addunyaa,2016, f. 189).
Dabalataanis, Okumba,(1994) akka ibsetti, mammaaksa jechuun unka gabaabaan
jecha muraasaafi salphaadhaan ergaa baay‘eefi guutuu ta‘e kan dabarsudha [Link]
armaan oliirraa wanti hubatamu, mammaakasijecha gabaabaafi cunqaa‘aa ta‘een ergaa bal‘aafi
miidhagaa ta‘e karaa salphaafi hubatamuu danda‘uun kan dabarsuta‘uudha.
Haaluma walfakkaatuun, Finnegan, (1970, F. 338), irratti yoo ibsitu, ―The proverb is a more
of compressed or forceful language‖ jechuun [Link], mammaaksi baay‘ee cunqaa‘aafi
afaan humna guddaa kan qabu ta‘[Link] diiguufis haata‘u ijaaruuf, deeggaruuf,
mormuuf,

20
barsiisuufi gorsuuf humna cimaa kan qabuufi bal‘inaan kan tajaajilu ta‘[Link] ta‘eefis,
Mammaaksi aadaa, duudhaa, barteefi eenyummaa sabatokkoo karaa salphaata‘eenkan ibsudha.

2.4. Qabiyyee Mammaaksaa


Mammaaksi kuusaa afoolaa keessaa tokko ta‘ee, afaaniin labataa labatatti kan darbu yoo ta‘u,
qabiyyee dhaabbataa kan qabuufi haalawwan qabatamaa keessatti hiika ergaa adda addaa
dabarsuuf kan [Link], mammaaksi kan yeroon itti hin darbine ta‘uu isaa
irraan kanka‘e gooroowwan afoolaa isaankaan irra amansiisaadha.
Mammaaksi yaada gabbisuu kan danda‘u kuusaan yookan caaseffama jechootaatiin osoo hin
taane, yaada jechoonni [Link], qabiyyeen mammaaksaa yaada mammaaksichi
dabarsu jechuudha.
Haaluma kanaan, Finnegan, (1970, f. 393) irratti,―Mammaaksi afaaniin dhalootaa dhalootatti
darbaa kan dhufe ta‘uyyuu qabiyyee mataa isaakan qabuufi haalawwan qabatamoo keessatti kan
mammaakamudhamalee akkasumaankan mammaakamumiti‖ jechuun ibsiti.

2.5. Faayidaa mammaaksaa


Mammaaksi haasaa miidhaksuuf faayidaa guddaa kan qabuufi gabaabinaan ergaa dabarfachuuf
[Link], mammaaksi bakkaafi yeroo itti mammaakamu qaba. Akkasumaan lafumaa
ka‘amee kan dhimma itti bahamu [Link] adda addaas mammaaksi faayidaa hedduu
akka qabu lafa kaa‘[Link] (1970, f. 408) ―councilor judges also use proverbs to comment
obliquely on the conduct of those involved, often with implied advice or rebuke‖ [Link]
kanarraa wanti hubatamu, mammaaksi jireenya hawaasaa keessatti iddoo guddaa akka
qabudha. Gorsitoonnillee mammaaksa gargaaramanii akka ergaa dabarfatan, barsiisan,
waa qajeelchan ni ibsiti.
Karaa biraas, bakka rakkoon waliigaltee murtee kennamerratti jiru irrattis furmaata cimaa kan
kennu ta‘uusaa ni [Link] (1970, f. 409) ―In court and elsewhere there are also
frequent actions for using proverb to smooth over a disagreement or bring a dispute to close,‖
jechuun [Link] jechuun, mammaaksi manneen murtii keessattiifi iddoo kamittuu
waldhabdee salphisuuf yookan dubbii gabaabsuufillee itti fufinsaan kan tajaajilu ta‘uu ibsiti.
Karaa biraas, mammaaksi hawaasa keessatti araara buusuuf iddoo guddaa akka qabu yoo
ibsitu, Finegan (1970, f. 412) ―Societies in which there is marked latent conflict, or which
there is particular need to regulate formalized conflicts that proverbs play an essential
large part‖ jetti. Walumaagalatti, mammaaksi iddoo jaarsummaatti araara buusuuf, dubbii
gabaabsuuf akksumas yaada waldhabe walitti fiduuf kan gargaaruta‘uu hubanna.
Walumaagalatti, Okumba (1994, f. 47) irratti yoo ibsu,―mammaaksi hawaasa keessatti tajaajila
gurguddoo shan akka qabu akka armaan gadiitti ibsa.
2.5.1. Dubbii Miidhagsuu isaa
Mammaaksi barbaachisaa ta‘ebakka, yeroofi nama beekumsa yookaan muuxannoo qabuun osoo
mammaakamee namatti [Link] (1994, f. 47) irratti miidhagina mammaaksaa yeroo ibsu
akkuma ashaboon ittoo mi‘eessu, mammaaksi immoo dubbii keessatti haasaa daran mi‘aawaa
akkataasisu ibsa.
Kanuma kan cimsu, Sall (1999, f. 90) irratti mammaaksi meeshaa humna dubbii miidhaksanii
dhiyeessuudhaaf nama dandeessisu akka ta‘eefi yaada sammuu keessa jiru dhugaa qabatamaa
gurra dhaggeeffataatti akka toluttimiidhagseekan dhiyeessuta‘uu dubbata.
Itti dabaluunis, Sahiluu (2002, f. 58) ―The use of proverbs not only serves the purpose of
attaining clarify of meaning, but at the samr time eastetic purpose is achieved,‖ [Link]
kunis mammaaksi faayidaa hiika dubbii qulqulleessuu qofa osoo hin taane, tajaajila dubbii
miidhagsuus akka qabu ibsa.
2.5.2. Muuxannoo ibsuu
Mammaaksi jireenya hawaasaa keessatti kan bakkaafi yeroo kamittuu hin dagatamneefi umurii
dheeraa [Link] yeroo dheeraa keessa muuxannoo goonfate kana dhaloota har‘aa
bocuufi kallattii qabsiisuuf akkasumas ilaalcha isaa ibsachuuf fakkeenyaaf, siyaasa keessatti
yaada ofii ibsachuuf,muuxannoo dabarsuuf murteessaata‘uu isaa hubachuunni danda‘ama.
Kanuma dhugoomsuuf, Okumba (1994, f. 47) irratti ―proverbs present us with a codified wisdom
of a society accumulated over many years of happy and bitter expirances,‖ [Link]
kuufama muuxannoo waggaa dheeraa, gaariis ta‘e gadhee akka calaqqisiisu [Link] kunis
beekumsajiruufijireenya umurii dheeraa keessatti argame mammaaksi akka of keessatti qabatu
[Link] wanti hubatamu mammaaksatti daran fayyadamuuf, muuxannoo yeroo
dheeraafi beekumsa gadifagoo qabaachuukan gaafatuta‘uu hubachuunnamahin rakkisu.
2.5.3. Dubbii Gabaabsuuf
Manguddoonni Oromoos akkuma mammaaksaan dubbii jalqaban mammaaksumaan dubbii
[Link],yaada bal‘aa ta‘e tokko mammaaksaan gabaabbatee dubbatamuun akka
danda‘[Link], beektonni ―Mammaaksi koobaa dubbiiti‘‘ [Link] isaatiin
mammaaksi dubbii qolaatiin waan dubbatamuuf filannoo jechootaa mataa isaatii [Link]
daran bal‘aata‘e karaa gabaabaafi hubatamuu danda‘uun dabarsuuf gargaara.

2.6. Hanqina Mammaaksi qabu


Armaan olitti faayidaa mammaaksi qabu hedduu ilaaluuf [Link]‘u malee, qorannoo
kana keessatti faayidaa mammaaksi qabu qofarratti xiyyeeffatee hin jiru [Link]
akkuma faayidaa qabu yoo seeraan itti hin fayyadamne, yoo karaa aadaa, safuufi bartee
hawaasichi qabu xiinxalaa itti hin fayyadamne, akkuma ijaaruuf, barsiisuuf, gorsuuf, qajeelchuuf
tajaajilu humna diiguus, balleessuus akkasuma karaa irraa dabsuus ni [Link] mammaaksa
tokkoo kennuun kan danda‘amu, haala qabatamaa mammaaksi sun keessatti mammaakamee
bu‘uura [Link] kana hintaane, madda walittibu‘insaas ta‘uu mala.
Yaaduma kan Finnegan (1970, f. 399) irratti yoo ibsitu
Though proverbs can occur in very many different kinds of context, they seem to be
particularly important in situations where there is both conflict and, at the same
[Link] obligations that this conflict should not take or to open and personal a
[Link] conflict can occur in many different ways jechuun ibsiti.
Yaada armaan olii kanarraa wanti hubatamuu danda‘us, mammaaksi haalota garaa garaa hedduu
keessatti kan mammaakamu ta‘us, faayidaa kennuu kan danda‘u haala qabatamaa iddoolee
walitti bu‘insi jiruufi haala walfakkaatu [Link] kana hin taane, namoota dhuunfaa
gidduutti madda waldhabdee ta‘uu [Link] galatti, mammaaksa haalaan, bi fa safuufi
aadaa hawaasichaa eeggateen itti hin fayyadamne taanaan mammaaksi tokko waldhabdeef
ka‘umsa ta‘uu [Link] immoo jireenya hawaasummaa hawaasa tokkoo jeequu [Link]
biraa mammaaksi amaloota mataa isaakan ittiin beekamus qaba.

2.7. Amaloota mammaaksaa


Gosoota afoolaa keessaa mammaaksi amala adda isa godhu [Link] malees, haala itti
fayyadama isaa irratti hundaa‘uudhaan haasaa caalaa wantoonni mammaaksi fudhatama guddaa
akka qabaatu taasisan ni jiru. Waan ta‘eefis, mammaaksa wantoota adda godhan keessaa;
Tasa hin himamu, ergaan isaa miira dhaggeeffataan waan raawwatuuf, akka itti dhufteetti
kan mammaakamu [Link], muuxannoofi bilchina guddaa barbaada. Akka gosoota
afoolaa kanneen biroo, abbaanumti fe‘e lafaa ka‘ee mammaakuus hin danda‘[Link]
cimaafi muuxannoojireenyaa guddaa gaafata.
2.7.1. Jechoota Filatamoo fayyadamuu isaa
Mammaaksi jechoota filatamoofi gaggabaabootti dhimma bahuun ergaa dachaafi gadifagoo
dabarsuun [Link] immoo, jaallatamaa akka ta‘uufi sammuu namaa keessaa yeroo
baay‘eef osoo hin dagatamiin akka turu [Link] birootiin ammoo, mammaaksi dubbii
akkasumaan dubbatamu irraa [Link], dubbii qolaafi jechama of keessaa qabaachuun isaa
haasaa kaan irraa adda isa [Link] jechuunis, dubbii qolaatiin wanti haasa‘amu fakkii
sammuu namaa keessatti uumuun, namni karaa isaa galuufi mi‘aawaa ta‘een haala hin
irraanfatamneenwaanhubachiisuufyaadichi fudhatama akka argatu isataasisa.
Dhimma kana ilaalchisuun Finnegan (1970, f. 399) irratti ―proverbs generally by terseness
expression by a form different from that ordinary speech and a figurative mode expression a
binding metaphor,‖ [Link] mammaaksi caasaa gabaabaa dubbii kaan irraa adda ta‘etti
dhimma ba‘uun, dubbii qolaafi bakka buusaan kan guutame ta‘uu [Link] wanti
hubatamu adeemsa baratamaa irraa adda ta‘uufi kallattiin osoo hin taane, alkallattiin ergaa
barbaachisaata‘e dabarfachuuf kan gargaaruta‘uu mammaaksaati.
Itti dabaluunis, Finnegan (1970, f. 119) irratti yeroo ibsitu, mammaaksi jecha gabaabaafi
bareedaadhaan dandeettii yaada namaa jijjiiruu akka qabu [Link] amansiisuufi gara kallattii
barbaadameetti yaadanamatokkoo jijjiirsisuuf kan gargaaruta‘uudha.
2.7.2. Tasa Haasa‟amuu Dhiisuu isaa
Mammaaksi lafumaa ka‘ee haaluma ta‘e keessatti kan mammaakamu [Link] dubbatamaa
jiru keessa galuun beekuun barbaachisaa ta‘a. Kana jechuun, fakkeenyaaf jiruufi jireenya
hawaasaa keessatti dhimmoota waliigalaa kanneen akka jaarsummaa, tokkummaa, dhimmoota
maatii, seera, nageenya, siyaasa, mormii,deeggarsa, barsiisuu,qajeelchuu,dhimmota adda addaa
ilaalchisanii kaayyoo adda addaatiif akka mammaakamu Malkaamuun (2007, f. 20) irratti,
Encyclopedia Americana (1983) wabeeffachuun ibsee [Link], mammaaksi yeroo
mammaakamu itti yaadamee dhimma dubbatamaa jiru bu‘uura godhateetu mammaakama
[Link] Oromoon, ―Waamalee manni guyyaan hin aaru‖ jechuun mammaaku,
mammaaksi lafumaaka‘amee akkasumaankan [Link] jiraa sareen
alaa dutti akkumajedhamu, mammaaksa mammaakamu duuba ergaa dabarfamuu barbaadametu
jirajechuudha.
2.7.3. Dubbii Dubbatamaajiruun kan walsimuta‟uu
Mammaaksi waanuma mammaaksa ta‘eef tasa hin [Link] barbaachisaa
ta‘etti haasaa keessa galuudhaan dhimma yookaan kaayyoo barbaachise sanarra ooluuf
[Link] ilaalchisuun, Sahilu,(2002, f. 55) irratti, mammaaksi mata duree irratti
mammaakamuu akka qabu [Link] jechuun mammaaksi tokko yaada tokko qofa ibsa jechuu
[Link] duree irratti mammaakamu irratti hundaa‘uudhaan mammaaksi tokkohiika addaa
qabaachuu danda‘a.
2.7.4. Itti fayyadamuufis ta‟ee hubannoof bilchina kan barbaadu ta‟uu
Amaluma isaa ta‘ee mammaaksi namoota umurii dheeraa qaban, muuxannoo yeroo dheeraa
qabaniifi hubannaa gahaa qabaniin [Link] sadarkaa umurii adda addaarra jiran
hundaan haala walqixa ta‘een hin [Link] jechuun, ijoolleef dargaggoota caalaa
mammaaksattikan dhimmabahumaanguddootata‘uudha.
Kanuma Amos (1975, ff. 186-7) akka jedhutti, mammaaksi kan mammaakamu manguddootaan
ta‘uu kaa‘[Link]‘u malee, Manguddoota keessaa kan dhimma itti bahu saalaan warra kami?
gaaffiin jedhu ka‘uu danda‘[Link] kana ilaalchisuun Soofiyaa (1999, f. 5) Wiirtuu jiildii 8
keessatti harka caalaatti Manguddoonni Mammaaksatti fayyadaman saalaan warra dhiiraa ta‘uu
isaa akka armaan gadiitti ibsiteejirti.
Akka barsiifataattimammaaksattikan dhimma bahuu danda‘an Manguddootata‘anii
keessumaayyuu dhiirota jedhamee amanamaa ture. Haata‘u malee, kutaan hawaasaa
kamiyyuu akka itti hin fayyadamne seerri dhorku hin jiru. Garuu, mammaaksi irra
caalaatti kan mammaakamu bakka jaarsummaatti, dhaddacha irratti, sirna gumaa, sirna gadaa,
sirna warroommiifi kan kana fakkaatan irrattidha. Bakka sanatti ammoo yeroo baay‘eekan
affeeramumanguddoota warra dhiiraawaanta‘aniifi jetti.
Yaada armaan olii kana irraa wanti hubatamu, namni hundi mammaaksatti kan dhimma ba‘uufi
kan beeku ta‘us, manguddoonni hawaasicha keessatti muuxannoo jireenyaafi bilchina qabaniin
hawaasa gorsanii qajeelchuu irratti iddoo guddaa qabu.
2.7.5. Dubbii Qolaatiin kan dhiyaatu ta‟uu
Mammaaksonni qabiyyeen yookaan ergaa isaanii gadi fageenyaan akka hubatamuuf dubbiiwwan
qolaa kanneen akka nameessaa, harbeessaafi kan kana fakkaatutti dhimma ni [Link]
qolaatti fayyadamuun dandeettii mammaaksi qabu Finnegan (1970, f. 399) yoo ibsitu, ―The
figurative quality of proverbs is especially stritking; one of their most noticeable characteristics
is their allusive wording usually in metaphorical form‖ jechuun lafakeessi.
Dabalataanis, Asaffaa (2006, f. 17) irratti dubbiin qolaa dubbii karaa irra buusuuf tola, ni qara,
qalbii hawwata akkasumas hojiif nama onnachiisa jechuun [Link] waanti hubatamu,
mammaaksi dubbii qolaatiin dubbatamu ergaa cimaa ta‘e kan dabarsuufi nama onnachiisu
akkasumas beekumsakan namaa kennu ta‘uu isaati. Kanuma Enoh (2000, ff. 86-87) mammaaksi
yaada hawaasni waliigalatti itti amanee qabatee deemuufi jireenya dhala namaafi ilaalcha
addunyaawajjin kan walsimu akkata‘eibsa.
Itti dabaluunis, barnoota irrattillee dhiibbaa olaanaa akka qabu kaa‘[Link] wanti hubatamu,
mammaaksi jiruufi jireenya hawaasaa keessatti dhimmoota ummatni akka qajeelfamaatti irratti
waliigalee ittiin karaa walqabsiisuuf; falaasamaafi duudhaa hawaasaa of keessatti kan qabatu
akkasumas barnootairrattillee sammuu qaroomsuuftajaajilli isaa olaanaa akkata‘edha.
Yaaduma kana kan deeggaru Henock (1997, f. 130) proverbs typically contain easly understood
concepts and images that produce abstract interpretations that are applicable to many situations‖
[Link], mammaaksi waan hin qaqqabamne akka qaqqabamutti waan hin mul‘anne akka
waan mul‘atutti jechoota fakkaattii qoosaatti hin dagatamne sammuu keessatti uumuudhaan
bakka buusuun akka dhiyeessu ibsa. Karaa salphaan hubatamuu waan danda‘u
ta‘uudha. Maalummaa mammaaksaa hanga kana erga ilaallee, Dubartoota
bu‘uureffachuun mammaaksota mammaakaman yaaxxina feminizimiin walqabsiisuun kan
ilaalamuta‘a.

2.8. Afoolaafi Dubartummaa


Afoolli Oromoo dubartoota haala garagaraatiin [Link] qabatamaan uummata keessa jiru,
mammaaksonni Oromoo irra caalaan isaanii cimina osoo hin taane dadhabbina dubartootaa kan
ibsan ta‘uu isaati. Haalli kun ammoo dubartoota irratti dhiibbaa garagaraa [Link]‘u
malee, dubartoonni Oromoo rakkoo isaanirra gahaa jiru kana ofirraa qolachuuf of hinqusanne;
har‘as ta‘uhin callisne.
Yaada kana ilaalchisee Kuwee (1998, f. 153) yemmuu ibsitu; ―The Oromo women are not
helpless and fragile objects ready to be crushed under the weight three forms of [Link]
are also engaged in an active struggle changing and changing it‖ [Link] kanarraa wanti
hubannu, dubartoonni Oromoo dhiibbaa jala jiraatanis, akkuma salphaatti kan harka hin
kennanneefijijjiirama fiduuf qabsoo cimaa kan gaggeessan ta‘[Link] caalaan isaanii haala
kana jijjiiruufkanyaadaniifikan qabsaa‘anidha jechuudha.
Haaluma kanaan dubartoonni Oromoo dhiibbaan isaan irratti raawwatamaa tureefi jiru akka
fooyya‘uuf shoora [Link] afoolaa kanta‘e mammaaksaanis wantiwalqabatu
[Link] ta‘eef, wantoonni sirreeffama barbaadan jiraachuunamatti agarsiisa.

2.9. Mirga Dubartootaan Walqabatee Yaadota jiran


Mirga dubartootaan walqabatee waliigalteewwan idil-addunyaa hedduun walqixxummaa
dubartootaa dhugoomsuuf [Link] biyyaattis biyyi keenya waliigalteewwan kana
mallatteessitee jirti. Kanumarraa ka‘uun, Waadaalee Idil-Addunyaa Mirgoota
Namoomaan walqabatanii qophaa‘an irratti mirgoota dubartootaan kan walqabatu caqasamee
jira. Kunis, Garaagartee Loogiidhaan Dubartootarratti Taasifamu hunda
Dhabamsiisuudhaaf Waadaa Seename (Convention on the elimination of all forms of
discrimination against Women) jedhu jalatti, murtee yaa‘ii waliigalaa lakk.34/180n mudde 10
bara 1979 A.L.A taasifameen Chaartarri Mootummoota Gamtoomanii mirgoota namummaa
bu‘uura ta‘an, kabajaafi ulfina ilma namaafi walqixxummaa dhiiraafi dubartii cimsee kan
amanu ta‘uu hubachiisuudhaan,yaadni garaagartee, loogummaa fudhatama kan hin qabneta‘uu
lafa kaa‘a.
Dabalataanis, Biyyoonni seerota idil-addunyaa kan mirgoota namoomaa fudhatan dhiirriifi
dubartiin mirgoota dinagdee, hawaasummaa, siviiliifi siyaasaatti walqixa akka fayyadaman
taasisuuf dirqama akka qaban ibsa. Sanada Inistitiiyutii Leenjii Ogeessota Qaamolee Haqaafi
Qorannoo Seeraa Oromiyaa, (2005, f. 5) irrattis loogiin dubartoota irratti godhamuufi rakkoon
ilaalchaa dubartoota gad-aantummaan ilaaluun biyyaafi aadaa tokko keessatti kan murtaa‘e osoo
hin ta‘iin akka addunyaatti biyyootaafi barmaatilee kamiyyuu keessatti kan raawwatamu ta‘uu
isaatiin rakkinichi amala waliigalaa (universal nature) akka qabaatu godheera jedha. Mirgi
dubartootaa dhimma mirga namoomaa waan ta‘eef, dhimma hawaasa addunyaa ta‘uun
xiyyeeffannoo kan argateta‘uu ibsa.
Kanarraa waanti hubatamu, dubartoonni kallattii hundaan; siyaasa, hawaasummaa,dinagdeefi
kanneen biroo keessatti dhiira waliin mirga walqixaa akka qabaniifi sababa saalaan loogiin
tokkollee isaan irratti akka hintaasifamne taasisuuf konveenshinii bahe ta‘[Link]
bu‘uura godhachuudhaan Mammaaksota Oromoo dubartootaa bu‘uureffachuun mammaakaman
ija yaaxxina dubartummaan kallattii adda addaatiin tumamanii jiran bu‘uura godhachuun
xiinxalamee jira.

2.10. Yaaxxina Dubartummaa


Yaanni ka‘umsa sochii dubartootaa akka addunyaatti dubartoonni jijjiirama bu‘uuraa fiduuf
sochii bara 1830‘n keessajalqabeen [Link] Sa‘iidaan (2002, f. 66) Eisengerg fi Mary
Ruthsdotter kitaaba isaanii The national Women‘s history Project (1999); Living the legacy;
The Women‘s Rights Movement (1884-1998)‖ jedhu keessatti ibsameen bara 1884 A.L.A.
moggaasi ; A Tea Launches a Resolution‖ jedhuun magaalaa New Yorkitti haadholiifi
dubartoonni umurii dargaggummaa keessa jiraniifi heeruman sochii mirga dubartootaa
calaqqisiisuun isaanii [Link] kunis, adeemsa sochii dubartootaa keessatti isajalqabaafi
sagantaa guddaa ta‘ee [Link] sanatti, waliigaltee guyyaa mariifi iddoo walga‘ii
murteessuudhaan sochii [Link]‘ii kanas, A convention to discuss the social, civil, and
religious and rights of women‖ moggaasa jedhu kennuun kan eegalanta‘uu ibsiti.
Haaluma barreeffama kana keessatti ibsameen walga‘ii kana irratti haala mijeessituu soch ii
kanaa kan turte, Elizabeth Cady Stanton‖ rakkoolee dubartoota irra gahaa turaniifi jiran
ilaalchisuun qabxiilee irratti qabsaa‘uu barbaadan haala armaan gadiitti ibsameen tarreessuu
ibsiteejirti.
Ija seeraaduratti dubartoonni heerumanseeraan ajjeefamuu,
Dubartoonni mirga filachuudhabuu,
Dubartoonni heeruman mirgaqabeenyadhaaluudhabuu,
Abbaan manaa haadha manaa isaa hangarukutu aangoo seeraan deeggaramekan qabuufi
gocharaawwateefkan hingaafachiifneta‘uu,
Seerridiiggaa gaa‘elaafi kunuunsiguddinadaa‘immaniiguutummaaguutuuttikan dhiira
deeggaruta‘uu,
Dhaabbileen hedduundubartootaaf banaata‘uu dhabuufiwarrumticarraaargatee
galeshojiiwalfakkaatuuf kaffaltii gadaanaa dhiiraa gadargachuu,
Dubartoonni hojii ogummaa keessattuu ogummaa fayyaafi seerakeessatti akka
hinhirmaanneta‘uu,
Yuunivarsitoonniifi koollejjoonni dubartoota fudhatanii waan hinbarsiifneef
carraabarnootaa dhabuu,
Dhimma biroon yookiin haala addaatiin yoo ta‘e malee dubartoonni dhimma amantaa
yookiin mana amantaa keessatti akkahinhirmaanne dhorkamuu,
Dubartoonni ofitti amanamummaa dhabuu irraan kan ka‘een maxxantuu dhiiraa ta‘anii
jiraachuuf dirqamuukan jedhan fa‘[Link]‘idaa, ( 2002, ff. 68-69)
Rakkoolee tarreeffaman kanneen irraa ka‘uudhaan dubartiin kun, ―The history of mankind is the
history of repeated injuries and usurpations on the part of man toward women, having in direct
object the establishment of an absolute tyranny over [Link] provide this, let facts be submitted to
a candid world‖ jechuun [Link] kanarraa ka‘uudhaan barri sun bara qilleensi isaa
kan jijjiiramni milkaa‘eefi firii kennu ta‘uu isaa barreeffama kana keessatti ibsamuu isaa lafa
keessee jirti.
Kana malees, Tinker, (1993, f. 37), The nineteeth century feminist movement added women to
category of human to which the equality principle should apply‖ jedhuun ibsa sochiin haala
kanaan biyya Ameerikaatti jalqabe kun babal‘achaa deemuun biyyoota lixaa kan waliin gahe
ta‘[Link] 1940 irraa kaasee sochiin mirga dubartootaa kun hacuuccaa dubartootarra gahaa
ture sochoosuu [Link] gadaantummaa iddoo hojii irratti dhiibbaa geessisuun
dubartoonni gabaa hojiikeessatti baay‘inaan [Link] malees, ba‘aan hojii
maatii keessaa kan dubartootarra ture akka salphatu haala mijeessuun yeroon itti jalqabames
jaarraadhuma kana keessatti ture.
Sochiin kunis seenaa qabsoo waggoota 22 booda dubartoota U.S.A injifannoo akka argamsiise
ibsameera. Kunis, dhimmoota olaantummaa dhiiraa, hiika gaa‘elaafi barnoota
keessatti calaqqisiisan [Link] kanaanis, gareehirmaannaanamoota 300‘n
dhimmoota hawaasummaa, lammummaafi haala amantii dubartootaa irratti taasifameen argate.
Yaanni kun ammoo, addaddummaan walabummaa booda uumamni dhiiraafi dubartii
walqixa kan jedhu argamsiise.
Barri 1970 bara injifannoo dubartoonni mirga filachuu argatan [Link] walfakkaatuun,
dubartoonni biyya Jarman keessatti gaa‘ela dura mirga hiriyaa dhiiraa waliin jiraachuu gaaffii
kaasu [Link] dubartootaa gaa‘ela keessatti akka kabajamuuf falmaa
[Link]‘ellis dhiiraafi dubartii gidduutti qofa akkaraawwatus ifa godhameeture.
Dubartummaan inni bara ammaa (contemporary feminism) bara 1960moota keessa kan jalqabe
yommuu ta‘u, walhiikuun mirga akka ta‘u, dubartoonni dhaabbilee olaanoo keessatti
mindeeffamuufi hojii bakkee irratti akka hirmaatan,jireenya gammachuu qabu akka jiraataniifi
kankana fakkaatu irratti kan xiyyeeffatuture.
[Link] Dubartummaafi Yaaxxinoota isaanii
Waraqaa qorannoo kana keessatti jecha Afaan Ingiliziitiin feminism‖ jedhu afaan Oromootiin
dubartummaa‖ jechuun fayyadameera [Link], (1998, f. 5) Dubartummaa yoo ibsitu:
Feminism is a range of social movement and ideologies that share a common goal: to define,
establish, and achieve the political, economic, personal and social equality of the sexes‖ jetti.
Yaanni armaan olii kunis, dubartummaan dhimmoota sochii hawaasaafi ilaalcha hawaasaa
keessatti galma waliinii gama siyaasaan, dinagdeen, hawaasummaaniifi koorniyaatiin
hundeessuu, qabaachuufi walqixxeessuufyaaluu akkata‘ekanhubachiisudha.
Kanaafuu, dubartummaan ilaalcha yookiin amantaa walqixxummaa dinagdee, siyaasaafi
hawaasummaa dubartootaa sadarkaa addunyaatti aangessuufi olaantummaa dhiiraa hambisuuf
kan qabsaa‘udha jedha. Dubartummaan walqixxummaa dubartootaafkan falmu, carraa
hawaasa keessatti qabeenya irratti haqa walqixaa akka argataniif kan qabsaa‘udha
jechuun ni danda‘[Link] kanaan, yaaxxinoota dubartummaa tokko tokkoon akka
armaan gadiitti tarreeffaman ilaalla.
Yaadawal xaxaa kana furuuf hayyoonni fookloorii malleen sadan armaan gadii kaasu. Isaanis:
● Yaadiddama fookloorii dubartummaa (feminist approach)
● Yaadiddama Qorannoo Hawaasummaa (reciprocal approach)
● Yaaddiddama Walitti dhufeenyummaa (intersectional approach)
Three interpretive approaches that folklorists use to address these complex issues are feminist
interpretations, reciprocal ethnography and intersectionality (Matine S 1963, f.194).
2.10.1. Yaadiddama Fookloorii Dubartummaa
Sex (male/female) is biological while gender (masculine/feminine) is socially constructed‖ .
Aadaan addunyaa olaantummaa dhiiraa kan lallabuudha; Fookloorinis kana callaqisiisaa turuun
isaa beekamaadha. Kanaafuu, hawaasni olaantummaa dhiiraa (patriarchal society) uumamaan
(biological) osoo hintaane aadaadhaan dubartoota irratti kan fe‘ameedha.
Hiikni yaadiddama dubartummaa, hojii dubartoonni hojjetan kalaqni isaanii, haalli jireenya
isaanii, seenaan isaanii haala adda addaa keessatti maal akka ibsan, haalli isaan itti namaan wal
qunnaman fookloorii waan ta‘eefkan duraan leensii dhiiraatiin ilaalamaa turan iddoo yeroo itti
[Link] armaan gadiis kanuma ibsa.
The feminist perspective that developed through all this work encouraged studies
focusing on women‘s expression in a number of different contexts. This collection
demonstrates that simply because women‘s roles may be seen through a male cultural lens as
subordinate or somehow marginalized, folklore allows women power and control within their
own environments (Matine S, f.194).

BOQONNAA SADII: MALLEEN QORANNICHAA


Malli qorannoo tooftaalee qorannoon tokko ittiin gaggeeffamudha. Kanaaf, malleen
qorannoo kanaa dhimmoota gara garaa qorannichi hordofuun gaggeeffamu ofkeessatti
hammatee jira. Isaanis; saxaxa qorannichaa, gosa qorannichaa, maddeen r agaa
qorannichaa, irraawwatamtoota, iddattoofi tooftaalee iddatteessuu, meeshaalee ragaawalitti
qabuu, mala ragaa qaaccessuu, mala odeeffannoo ibsuufi kanneen kana fakkaatan of keessatti
hammatee jira..

3.1. Saxaxa Qoranichaa


Qorannoon kun xiinxala ergaa mammaaksota Oromoo dubartootaaf mammaakaman ija yaaxxina
dubartummaan kan jedhu yoo ta‘u, ragaawwan madda adda addaa irraa argaman qaaccessuuf
mala qorannoo akkamtaa ykn qulqulleeffataa gargaarameera qorataan. Qorannoon akkamtaa
Mammaaksa Oromoo dubartootaaf mammaakaman irratti ragaalee karaa garaa garaatiin argaman
sakatta‘anii xiinxaluuf tooftaa mijataadha.
Xiyyeeffannoon qorannoo akkamtaa saxaxa ibsaa irratti hundaa‘a. Kan ibsamus
odeeffannoo akkamtaarratti kan hundaa‘e waan ta‘ee, saxaxa akkamtaa (qualitative
descriptive) dhimma bahameera. Mala ittiin qulqulleeffatan immoo maloota garaagaraa kan
hammatu yommuu ta‘u, kanneen keessaa qorannoo kanaaf mijataa kan ta‘u haala
quubsuma hawaasichaa irratti hundaa‘uun mala iddatteessuu miti carraa bu‘uureffateera.
Sababni isaas, mala kanaan itti yaadamee namoota yookaan odeefkennitoota odeeffannoo
sana kennuuf murteessoo ta‘an kallattiin argachuuf gargaara.
Kanumarraa ka‘uudhaan, saxaxni qorannoo kanaa addeessaa (Descriptive)dha. Sababiin isaas,
Seligeriifi Shohamy (1989) qorannoon addeessaa wantoota, namoota, gareewwan adda addaafi
kanneen kana fakkaatan haala qabatamaa keessatti qoratee kan ibsu yookiin kan addeessu akka
ta‘e yoo ibsan, akkas jedhu: ―Descriptive study set out to describe and interpret what are things
in the actual field; it looks at what individual, group and institution, in order to describe the
events and entities,‖(f. 54). Sababiin saxaxni addeessaa qorannoo kanaaf filatameefis,
qorannichi dhimmoota Afoola Oromoo keessumaa immoo Mammaaksaan walqabatu keessaa
Mammaaksa dubartoota xiyyeeffatu ilaalchisuun ibsa gadi fagoo [Link],
gaaffilee akkamitti? Maaliif? jedhan deebisuufwaan gargaaruufi. Saxaxni kun wantoota
lakkoofsarrajechaan ibsuuf mijataadha.
3.2. Irraawwatamtoota Qorannichaa
Irraawwatamtoonni qorannoo kanaa hawaasa Aanaa Sabbataa Hawaas keessumaa
Maanguddota Oromoo aanichaafi Waajjiroota Mootummaa kallattiin dhimmi qorannoo kanaa
isaan ilaallatuufi qaamoleen hawaasichaa gara garaa madda odeeffannoo qorannoo
kanaa ta‘anii tajaajilu. Bu‘uuruma kanaan, odeeffannoon qorannoo kanaaf
barbaachisan qaamolee hawaasichaa warreen akka: Jaarsolii biyyaa, Dubartoota buleeyyii,
Abbootii gadaafi haadholii siinqee akkasumas namoota bebbeekamoo dhimma kana irratti
hubannoo gahaa qaban irraa walitti qabameera. Sababni isaas, mammaaksa abbaanumti fedhe
hin mammaaku, bilchinaafi muuxannoo [Link] Addunyaan (2016) akka ibsutti;
Namni hundi hin mammaaku; beekaatu mammaaka; beekaan keenya ammoo buleessaafi
buleettii [Link] dabarsuun walsimsiisuun dhimma itti bahuuf beekumsa
[Link] kun ammoo kan aadaafi [Link] aadaafi eenyummaan
hawaasichaa hin galleef, mammaakullee ni akkeessa malee qabiyyeen walsimsiisuu hin
danda‘[Link] mammaakamamus muuxannoorraa waan ta‘eef, namni muuxannoo hin qabne
([Link]‘imni) hin mammaakujechuun ibsa. (f. 189)
Kanarraa wanti hubatamu, abbaanumti fedhe lafaa ka‘ee mammaakuu akka hin
[Link] yookaan buleettii keenya bilchinaafi muuxannoo yeroo dheeraa qabaniin
kan mammaakamu ta‘uudha. Buleeyyiin keenya guuboo beekumsaati; isaan irraa waa argama;
kanaafis akka madda ragaatti isaan irratti xiyyeeffateera qorataan.

3.3. Iddattoofi Mala Iddatteessuu


Iddattoon qorannoo kanaa tooftaalee gara garaatiin qaamolee gara garaa hawaasa Aanaa
Beddellee Gandoota akka Oddoo, Ilkee qararoofi Yabaallaa keesssaa filatamuun akka madda
odeeffannootti tajaajilanii jiru.
Dabalataanis, odeefkennitoonni aanicha keessaa filatamanis, mala iddattoo miti-carraa (non-
probability sampling) gargaaramuun kan filataman ta‘a. Haaluma kanaan Aanaa
filatame keessaa odeefkennitoonni filatamuun afgaaffiifi yaada marii gareef dhiyaatu deebisuu
irratti hirmaatanii jiru.
3.3.1. Mala Iddatteessuu Akkayyoo
Malli iddatteessuu akkayyoo adeemsa qorannoo qulqulleeffataa keessatti iddoo guddaa qaba.
Malli kun odeeffannoo barbaachisaafi gahaa ta‘e qaama irraa argamuu danda‘a jedhamee
yaadamu irraa walitti qabachuuf kan [Link] dhimmicha gadi fageenyaan beekan
irratti waan fuulleffatuuf odeeffannoo bal‘aafi gahaa ta‘e mala [Link]
ka‘uunis, qorataan namoota xiyyeeffannoon filataman bira gahuun afgaaffii dhiyeessee
odeeffannoo baarbaachisu walitti qabateera.
3.3.2. Mala Iddatteessuu Darbaan Dabarsaa
Malli kunis, adeemsa qorataan iyyaafannaa darbaan dabarsaatiin waa‘ee dhimma tokkoo nama
beeku bira gahuun odeeffannoo barbaachisu fudhatee odeeffannoo sana caalaatti gadi
fageenyaafi bal‘inaan nama beekajedhamu iyyaafatee argachuun odeeffannoo barbaachisu irraa
funaannatudha. Kanumarraa ka‘uudhaan, afgaaffiifi marii gareetiif odeeffannoo gahaa kennuu
danda‘u namoota jedhamanii yaadaman bira gahuun odeeffannoon walitti [Link]
walfakkaatuun namoota Aanaa Sabbataa Hawaas Gandoota filataman keessaa afoola
Oromoo keessumaa mammaaksa irratti hubannoo bal‘aa qabu jedhaman deeggarsa Waajjira
Aadaafi Turizimii Aanaatiin marii gareetiif garee tokko miseensa namoota jaha qabu sadarkaa
aanaatti walitti qabuun marii bal‘aa taasiseen odeeffannoo kan funaannate yoo ta‘u, garee lama
haaluma walfakkaatuun sadarkaa gandaatti walitti qabachuun waliigala namoota 18
irraa raga qorannichaafta‘uwalitti qabateera.

3.4. Mala Funaansa Ragaa


Tooftaan funaansa ragaa qorannichaa gosa qorqnnichaa bu‘uura godhachuun kan gaggeeffame
ta‘uudha. Malli funaansa ragaa bu‘aa qorannoo tokkoo irratti gahee olaanaa [Link],
akkaatuma ibsamuuf yaalametti,qorannichi gosaan qulqulleeffataa ta‘uun barameera. Kanarraa
ka‘uun kaayoo kaa‘ame galmaan ga‘uuf tooftaalee dandeessisan akkasumas meeshaalee
funaansa ragaalee qorannichaa ta‘uun kanneen hojiirra oolan afgaaffiifi marii garee bu‘uura
godhachuun gaaffilee odeefkennitootaaf karaa afgaaffiifi marii gareen yaadota ka‘an yaadannoo
irratti galmeessuufi suursagaleen kan walitti qabamuuf yaalame ta‘uudha.

3.5. Meeshaalee Funaansa Ragaalee


Qorannoon kun qorannoo akkamtaa akkuma ta‘e, meeshaaleen qorannichaafragaawalitti qabuuf
tajaajilanis mala akkamtaa giddu galeeffateera. Qorannoo akkamtaa keessatti odeeffannoowwan
kan funaanaman jechootatti gargaaramuutiin yoo ta‘u, odeeffannoowwan funaanamanis
jechootaan ibsamaniijiru. Kun immoo, namni odeeffannoo kennu tokko dhimmoota
gaafatameef odeeffannoo kan kennu jechootaatti gargaaramuudhaan akka ofii isaa beekutti
waan deebisuuf odeeffannoon harca‘ee akka hin hafne gahee olaanaa qaba. Bu‘uuruma
kanaan, meeshaaleen qorannookanaaf odeeffannoowalitti qabuuf gargaaran: afgaaffii fimariin
garee hojiirra ooleera.
3.5.1. Afgaaffii
Afgaafiin mala qorataan odeefkennitootaan fuulaa fuulatti walquunnamuun gaaffii afaaniin
dhiyeessuun odeeffannoo barbaadu argachuuf [Link] keessatti qorataan
gaaffii gaafatu haala iddattootaa galuun ibsuu akkasumas iddattoonni iddoo gaaffiin gaafataman
hingalleeffitti carraa gaafatanii hubachuu [Link] iddoo deebiin iddattoonni kennan hin
hubatamneeffitti akka irra deebi‘anii hubachiisan taasisuun ragaa qulqulluu argachuuf yaaleera.
Afgaaffiin odeeffannoo kennitoota afaaniin haasofsiisuun odeeffannoo waraabbachuuniifi
galmeeffachuunwalitti qabamee [Link], yeroo dheeraa waan fudhatuuf, iddattoomuraasa qofa
irraa odeeffannoowalitti qabuuf kantajaajiludha, (Dastaa, 2013, f. 111).
Afgaaffiin gaggeeffamu gamisaankan caaseffamu yoo ta‘u, qorataankaayyoo qorannichaa irratti
hundaa‘uun, gaaffilee ijoo ta‘an qopheeffachuun odeeffannoo kennitoota tokko-tokkoon
haasofsiisa, (Dornyei, 2007, f. 136). Sababiin afgaaffii gamisaan qofa caaseffame gargaaramuun
barbaachiseefis, qorannoo kana keessatti kaayyoon afgaaffiin gaggeeffamuuf odeeffannoo
qulqulleeffataa ta‘e walitti qabuufwaan ta‘eefidha.
Haaluma kanaan, odeefkennitoota kaayyeffatamanii filataman iyyaafannoo darbaa dabarsaan
argaman walumaagalatti, odeefkennitoota kudha shaniif (15) fuulaa fuulatti afgaaffiin
dhiyaateera. Afgaaffileen dhiyaatan kunis; Mammaaksi maali?, Oromoon mammaaksa
yeroo akkamii mammaaka?, Maaliif? Mammaaksonni dubartii hoo maali?, Ergaawwan
mammaaksota kanneenii maali? Faayidaafi miidhaa akkamii qabu? kanneen jedhan fa‘i.
Walumaagalatti, qorannookana keessaatti afgaaffiidhaan odeeffannoo qulqulleeffataata‘ewalitti
qabuuf [Link] qorannoon kun bu‘uura godhatee ka‘e keessaa mammaaksa
Oromoo dubartootabu‘uureffatankallattii ciminaafi hanqina dubartootaaibsaniin dhiyaateera.
3.5.2. Marii garee
Jechi marii garee‖ jedhumaqaa adda addaa [Link] afgaaffii gareesni jedhama. Mariin garee
saxaxa qorannoo akkamtaa keessatti daran barbaachisaadha. Marii garee irratti odeefkennitoonni
waliin bakka tokko taa‘anii dhimmoota gaaffii kaasanirratti gaaffii walii walii isaanii akka wal
gaafachuu danda‘aniif ni gargaara. Akkasumas, yeroomarii tokko keessatti odeeffannoobaay‘ee
walittiqabuuf qoraticha ni gargaara.
Odeefkennitoonni yaada irraanfatan akka wal yaadachiisaniifis ni [Link] garee
qorataaniifi odeefkennitoonni filataman bakka tokkotti wal arganii waliin marii geggeessuuf
waan barbaachisuufi. Kanarrattis qorataan odeefkennitootaaf mata duree qorannoo isaa irratti
yaada akkamii akka isaan qaban baruuf carraa ni kenna. (Ruane, 2005) Akkuma beekkamu
mariin garee gosa kanaa baay‘ina miseensa garee tokkoo namoota jahaa hanga kudha lamaatti
(6-12) kan ijaaramu ta‘ee, haaluma kanaan mariin garee kan gaggeeffame garee sadi (3) kan
baayyinni garee tokkoo namoota jaha jaha (6) qabuun ijaaramee waliigalli baay‘ina namoota
kudha saddeeti (18) ta‘een ijaaramee mariin kan gaggeeffameta‘uudha.
3.6. Mala Qaaccessa Ragaalee Qorannichaa
Qorannoo mala akkamtaa keessatti odeeffannoowwan irra caalaan isaanii kan ibsaman
jechootaan waan ta‘eef, qorataanis qorannoo kana keessatti jechootatti gargaaramuun ragaa isaa
xiinxaluun kan hiike ta‘uudha. Kunis, qorannoo aadaa hawaasaa keessatti wanti irra caalaatti
irratti xiyyeeffatamuufi dhimmi deebii barbaadu yaada hammam jedhu utuu hinta‘iin waan
lakkoofsaan ala jechaan deebi‘u akka ta‘edha. Qorannoon akkamtaa gaaffii Maaliif?
Akkamitti? jedhan deebisuufcarraaqa. Addunyaa,(2011, f. 11) Kanarraa wanti hubatamu,
dhimmoota aadaa qoratamu sana keessatti iyyaafachuuf deemaman qulqulleffachuuf lakkoofsa
caalaa jechootatti dhimma bahuun mala gaarii akkata‘ekan ibsuta‘uudha.
Kanumarraa ka‘uunis, odeeffannoowwan qulqulleeffataa malleen odeeffannoo sassaabuu af-
gaaffiifimarii gareetiinwalitti qabame duraa duubaan odeeffannoowwankaraa afgaaffii argam an
akkaataa walfakkeenya qabiyyee isaaniitiin walsimsiisuun kan qaacceffaman yoo ta‘u, karaa
marii gareetiin kan argamanishaalawalfakkaatuun qaacceffamee jira.
3.7. Naamuusa Qorannichaa
Hojii qorannoo tokko keessatti naamusni qorannoo mata duree filachuu irraa eegalee hanga
xumura hojichaatti iddoo guddaa [Link] isaas, dhugummaafi fudhatamummaa hojichaaf
murteessaa waan ta‘eefidha. dhimmoonni mammaaksota Oromoo dubartootaan walqabatanii
mammaakaman gamtokkoon qaawwaa (gap) qabaachuun isaamirkanaa‘eera.
Qorannoon kun yaada beektotaatiin kan deeggarame waan ta‘eef, adeemsa wabeeffachuu
keessatti yaada kallattiin waraabuus ta‘u, yaada fudhachuun ibsuunis madda eeruudhaan
kabajaan fudhatameera. Innis,barreeffama keessattis ta‘u, fuula wabii irratti ofeeggannoodhaan
hojiirra [Link] qorannichaas akkaataa seera barreeffama APA (American
Psychological Association) hordofuunkabajaan dhiyaatee jira.
BOQONNAA AFUR: QAACCEESSA RAGAALEE
Boqonnaa kana jalatti, bu‘uuruma xiyyeeffannoo qorannichaatiin mammaaksota Oromoo
dubartootaaf mammaakan xiinxalamaniiru. Haaluma kanaan, mammaaksonni gadaantummaafi
cimina dubartootaa ibsan barteedhumaan hawaasa keessatti akkuma barbaachisummaa isaaniitti
ni tajaajilu. Kanumarraa ka‘uudhaan mammaaksota kallattii gadaantummaafi cimina dubartootaa
bu‘uureffachuun mammaakaman hawaasa keessaa walitti funaanaman keessaa mammaaksota 40
kanneen dadhabinaafi cimina dubartootaa ibsan akka armaan gadiitti duraa duubaan filatamanii
xiinxalamaniiru. Bu‘uurri filannoo kanaas,sababa dhiphina yeroo irraan kan ka‘e mammaaksota
hawaasa keessaa funaanaman hunda qaaccessuun waan hindanda‘amneef ta‘uufi baay‘een
isaaniimmoo walfakkeenya bu‘uura yaada kan qabanta‘uun irra darbamaniiru.

4.1. Qabiyyee Mammaaksota Gadaantummaa Dubartootaa ibsan


Mammaaksi dameewwan afoolaa keessaa isa tokko yoo ta‘u, hawaasa Oromoo biratti iddoo
guddaafi faayidaa hedduuf kan [Link]‘u malee, barteedhuma hawaasichaafi ilaalcha
achii asdhufa qabatee as gaheen, akka waan dubartoonni hawaasa keessatti dhiira waliin walqixa
hin taaneetti ilaalamaa waan tureef, afoola isaatiinis keessumaa immoo mammaaksaan kanuma
calaqqisiisaa as gaheera [Link] ta‘eef, wantoota dudhaafi aadaa gaarii hawaasichi
qabu waliin hin deemne dhawataan hambisaa deemuuf qorannoolee adda addaa gaggeessuun
barbaachisaawaanta‘eef, gadaantummaa dubartootaa ibsuuf mammaaksota hawaasichakeessatti
dhimma baasaa turan ammas tajaajila walfakkaatu kennan akkaatuma qabiyyee isaaniitiin akka
armaan gadiitti xiinxalameera.
4.1.1. Mammaaksota Wallaalummaa Dubartootaa ibsan
Mammaaksonni kunneen kallattii adda addaan kan argaman ta‘us,jalqaba irratti afgaaffiidhaan
odeeffannoolee argaman dursuun kan qaacceeffame yoo ta‘u, afgaaffilee kanneenis
jalqabumarratti Waajjira Aadaafi Turizimii Aanaa deemuudhaan gandoota Aanichi qabu keessaa
kamirratti yoo xiyyeeffatame odeeffannoon barbaachisu daran argamuu danda‘a kan jedhuufi
gandichaa eenyu bira yoo dhaqame odeeffannoo gahaan argama kan jedhu ragaan walitti
qabameera.
Kanumarraa ka‘uun, deeggarsa bulchaa gandichaatiin gaafa 15/08/2014 Aanaa Beddellee ganda
Oddootti iyyaafannoo taasifameen bira gahuun afgaaffii Obbo Asaffaa Qana‘aatii dhiyaateen
humna guddaa mammaaksi ergaa barbaachisu dabarsuuf qabu erga ibsanii booda, gahumsa
dubartootaa qeequu yoo barbaaduhawaasichi;
(1) “Dubartiin deessuu malee beektuu hin qabdu” jechuun kan mammaaku ta‘uu kaasaniiru.
‖Dubartiin ijoollee godhachuu malee dirree biraatti gahumsa hin qaban jechuudha‖ jechuun
(Obbo Asaffaa Qana‘aa) [Link] kun dubartoota akka malee gadi xiqqeessee kan
ilaaluufi gaheen dubartii dhala kennuu yookin dhala godhachuufi isaan guddisuu qofa ta‘uu
[Link] jiru garuu,dhala kennuun carraa uumamaan kennameef ta‘us, akkuma warra
dhiiraa beekumsa horachuu qabdu horachuurratti uumamaan wanti itti hir‘ate kan hin jirre
ta‘[Link] godhachuun kennaa uumamaa ta‘us, gahumsi kennaa qofa osoo hin taane
dhamaatiifi tattaaffii nama dhuunfaan kan argamudha. Dubartootni qaxaleefi ciccimoon kallattii
hundaan jiraachuun yaada kana ni [Link] biraa xiinsammuu dubartootaa keessumaa
kanneen mirga isaaniif falmachuuf carraa hin qabne baay‘ee ni miidha, miirri gadi aantummaa
akka itti dhaga‘amus ni godha. Kanaaf, gahee dubartii mana keessatti qofa daangessanii ilaaluutu
mul‘ata.
Itti aansuunis,Obbo Asaffaan, (2) “Dubartiin lama hin beektuu tokko hin wallaaltu” jedhan.
‖Yaanni kunis akkuma isajalqabaa ulfaatina xiqqoo kan dubartootaaf [Link] gadaanaa
dubartootaaf akka kennuufi gabaa beekumsaa keessaa dubartoota kan baasu ta‘uudha‖ .(Obbo
Asaffaa) kanaaf,waan guddaan dubartiirraa kan hin eegamne ta‘uu ibsa yaanni [Link], (3)
Dubartiin dheertuu malee beektuu hin qabdu‖ mammaaksi jedhus afgaaffii taasifameen
isaanumarraa argame.
Bara durii innuu hin jiru, yoo carraa xiqqoon argamtes namoonni ijoollee dhiiraa barsiisu malee
durba hin barsiisani. Durbi barattee eessa geessi, kan hormaati [Link] kun immoo akka
ijoolleen dubaraa carraa barnootaa hin arganne, mana keessatti hafan [Link]
kan ka‘e ga‘umsa ijoolleen dubaraa qaban illee beekuun hin danda‘[Link]
akka waan dubartoonni homaa hin beekneetti lakkaa‘[Link] keessattillee
carraa dhiiraan walqixa yaada isaanii ibsachuu hin qabani.(Obbo Asaffaa Qana‘aa)
Itti aansuunis, gaafuma sana (4) “Beekumsi dubartii gorroo hin darbu”.
(5) “Beekumsi dubartii Laga nama hin ceesisu” jechuun kaasaniiru.‖Kana jechuun
dubartiin yoo beektes waan mana keessaa malee wanta biraa hin beektu jedhamee
yaadama,dubartiin galaa nyaataa malee galaa yaadaa siif hidhuu hindandeessu
jedhama‖jechuun (Obbo Kadir) yaada isaanii ibsaniiru.
Yaanni kunis, gahumsa dubartootaa kan daangesseefi iddoo muraasa hawaasa keessatti kan
kenneef ta‘[Link] jalqabaa, dubartoonni yeroo baay‘ee hojiilee mana keessaa
hedduu hojjechuuf mana keessatti waan argamaniif beekumsa isaanis sanumaan daangessee kan
lafa kaa‘edha.
Itti dabaluunis, afgaaffiidhuma Obbo Kadiriif gaafuma 16/08/2014 taasifameen mammaaksota
dabalataa akka itti aanutti kennaniiru.(6) “Dubartiin qaamaan malee yaadaan hin furdattu”
Kana jechuun, dubartiin beekumsa bal‘aa hin qabdu, daanga‘aadha, muraasa beekumsi isaan
qaban jechuudha‖ . (Obbo Kadir)
Ijoo kanarraa wanti hubatamus,dubartiin qaamaan guddoo taatus beekumsi ishee garuu muraasa
waan jedhu ofkeessaa qaba. Mammaaksi kunis, dhaabdoo qaama dubartootaafi yaada sammuu
isaanii wal dorgomsiisee jira.
Mammaaksi,(7) “Dubartiin furdoo malee guddoo hin qabdu” jedhus obbo kadir dhaabaatiif
afgaaffii taasifameen argame.‖Qaamaan guddoo taati malee beekumsa cimaa hin qabdu
jechuudha‖.(Obbo Kadir)
Yaanni kun waalama; guddinaafi furdina walbira qabee dubartoota kan [Link] waan
akka salphaatti nama kamuu ittiin adda baasuuf gargaaruufi mul‘atu ta‘us, guddina kan jedhu
garuu maal akka ta‘e gadi fageenyaan xiinxaluu nama [Link] ka‘uun, dubartiin furdoo
malee guddoo hin qabdu yeroo jedhu, guddina qaamaa osoo hin taane bilchinaafi hubannaa gadi
fagoo cimaa ta‘e qabaachuufi qabaachuu dhabuun kan walqabatu ta‘a. Kanaaf, ergaa cimaan
mammaaksa kanaa dubartiin qaamaan yoo furdoo taateyyuu beekumsa gahaafi hubannaa cimaa
akkahinqabneibsuufkan mammaakamuta‘uunamahubachiisa.
Itti dabaluun, (8) “Dubartiin safuu malee sammuu hin qabdu” kan jedhus obbo Kadir irraa
kan argame yoo ta‘u, ergaa mataa isaatii qaba. Safuun aadaa Oromoo ganamaati,itti dhalatte
eenyuyyuu irraa hin [Link] jiru silumayyuu dubartoonni beekumsa hin qabaniitti
amanama waan ta‘eef akkas jedhama‖. (Obbo Kadir) Oromoon aadaa dudhaafi safuu
guddaa ittiin beekamu qaba.
Safuun, kabaja waliif qabaachuun, xinnaan guddaaf kabaja laachuun, jaarsaafjaartii kabajuun
dudhaa sabichi ittiin [Link] jecha safuu jedhu Oromoorraa gargar baasuun hin
danda‘amu ittiin beekama waan ta‘[Link]‘u malee, kun waan walii galaa ta‘us, dubartoonni
addumatti safuu kan qabaniifi beekan ta‘us, dubartiin sammuu hin qabdu kan jedhu, beekumsa
homaatuu hin qabdu waan jedhu ofkeessaa [Link] qabaachuun isaanii beekumsa qabaachuu
hinta‘u ergaa jedhukan qabuta‘uu isaati.
4.1.2. Mammaaksota dadhabina gahumsa dubartootaa agarsiisan
Mammaaksonni armaan gaditti hoggansa dubartootaan walqabatanii mammaakamanis afgaaffii
taasifameen kan argaman yoo ta‘u, gaafa 16/08/2014 ganda Yabaallaatti afgaaffii obbo kadir
Dhaabaaf taasifameen, (9) “Mootummaan dubartii karra banaatti bulcha” jechuun
kaasan.‖Kana jechuun hoggansi dubartii ofeeggannaa akka hin qabneefi waan gadidhiisii ta‘uu
ibsa‖ .(Obbo Kadir)
Yaanni kunis, hoggansa bilchaataafi amanamaa kennuu akka hin dandeenye yaada
[Link] isaas, karri banaatti bulu hannaafi rakkoo hedduuf [Link]
banaatti bule nagaatti bulaa amantaa qabaachuun hin danda‘amu.
Dabalataanis,(10) “Dubartiin garaa bulchiti malee biyya hin bulchitu” mammaaksi jedhus,
afgaaffuma obbo Kadir Dhaabaaf gaafa 16/08/2014 taasifameenkan argamedha.
Mammaaksa kanarraa qoqqoodaa hojii dhiiraafi dubartii gidduutti taasifamutu
mul‘[Link] mana keessaa hojjettee maatii isheef waan barbaachisu qopheessitee
nyaachisuu bira dabartee itti gaafatamummaa biraa fudhachuufi gadi baatee biyya
hogganuu akka hin dandeenyefi gahumsa kanaas akka hin qabne kan ibsudha. (Obbo Kadir)
Itti aansuunis, Obbo Kadir mammaaksa biroo yoo dabalan, (11) Biyya Dubartiin mootetti
raafuun midhaan dhaala‖kan jedhu ta‘a.‖Ammas waan hojjetan irratti xiyyeeffannoo gahaa
akka hin kennine kan ibsudha‖.(Obbo Kadir) Kana jechuun bulchiinsa dubartii keessatti waan
barbaachisuufi hinbarbaachifne adda baasuu irratti laafinni [Link] jennaan hojii
qonnaa keessatti raafuusta‘ee gosni midhaanii biroo barbaachisummaa qaba.
Haata‘u malee, itti yaadamee kan facaafamee callaan eegamu boqqoolloo yookan xaafii ta‘ee
osoojiruu, raafuu/goommanni keessatti marge ofiisaatii aramaadha. Carraa midhaan warra
kaanii kan balleessu ta‘a malee midhaan sana bakkabu‘uu hin danda‘u. Kanaaf, hoggansi
dubartii waan ta‘uufi waan hintaane kan adda baasuu hindandeenye, waan tolurra kan badutu
caala waan jedhu ofkeessaa qaba.
Karaa biraa immoo gaafa 22/08/2014 marii garee abbootii Gadaa, haadha Siinqeefi
Maanguddoota bebbeekamoo Aanaa Sabbataa Hawaas (Abbaa Gadaa Suutaa Mokonnin,
Sukkaaree Raggaasaa, Takkaalinyi W/mikaa‘el, Baqqaluu Biraanuu, Tigist Maammoo,
Bayyanaa Ittaanaa) waliin taasifameen mammaaksota hedduu funaanuun ergaa isaan
qaban xiinxaluun danda‘[Link] taasifamaa tureen, Haadha siinqee Sukkaaree
Raggaasaan, (12) ―Mootummaan dubartii abiddabira hin darbu‖ kan jedhu argameera.
Hojii mana keessaa dubartoonni yeroo hedduu irratti argamaniifi hojjetan bu‘uura
godhachuun,itti gaafatamummaa kana bira darbe baachuu akka waan hin dandeenyeetti yaada
ilaaludha‖ . (H/S Sukkaaree) Yaada kanarraa wanti hubatamu, hoggansa dubartii keessatti
fageessanii yaaduun kan hin jirre ta‘uu kaasa.
(13) Biyya mootiin dubartii mariin karaarra‖ nuunjedhu jechuun [Link] bulchuun
hojii salphaa ta‘uu baatus, kenniinsa hoggansa dubartii qeequufi waan karooraan hin
hogganamne ta‘uu mammaaksicharraa hubachuun ni danda‘[Link] ka‘uun hoggansa
waaltina hin qabneefi idilaawaa waan hin taaneef akka salphaatti bulchiinsa diigamu ta‘uu
hubachuunni danda‘[Link] karooraan hin hoogganamneta‘uunamahubachiisa.

4.1.3. Mammaaksota barbaachisummaa dubartii qeequuf mammaakaman


Baay‘nni uummata biyya keenyaa walakkaa ol dubartoota ta‘uun [Link] ta‘eefis,
haala qabatamaa jiruun iddoo dubartoonni itti hin barbaachifne tokkollee hin [Link]‘uutii
barteedhuma ilaalcha ture ta‘ee,akka waan dubartoonni hin barbaachifneetti mammaaksonni
maammaakaman jiru.
Afgaaffii Obboo Buzaayyoo Warqinaatiif Aanaa Beddellee Ganda Ilkee Qararootti gaafa
23/08/2014 taasifameen,(14) ―Gabaa dubartii mannaa dhiira tokko wayya‖
mammaaksijedhu argameera.‖Kun ilaalcha qoodinsa dhiiraafi dubartii gidduujiru, keessumaa
ilaalcha gadi aanaa dubartoonni ittiin ilaalaman kan agarsiisudha. Dubartoonni hawaasa
keessatti hawaasa keessatti hanga dhiiraa barbaachisummaa akka hin qabne kan
agarsiisudha‖.(Obbo Buzaayyoo) Yaada kanarraas dubartoonni hangamillee yoo baay‘atan
hanga dhiira tokkoo akka hin geenye ibsu ta‘uu hubachuunni danda‘ama.
Kanaaf, yeroo tokko tokko ―Durba dhalchuu mannaa baargamoo dhaabuu wayya‖
jedhanii [Link] mukti yookan biqilaan tokko qabullee ijoollee durbaaf hin
kennine [Link] biraa immoo ―Taa‟uu manna durba dhalchuu wayya‖mammaaksi
jedhus yaaduma kana tumsa. Barbaachisummaan durbaa xiqqaa ta‘uu yookan sirumaa
kan hin barbaachifneta‘uutu yaadicharraa [Link], tuffiifi ilaalchi
gadaantummaa hamaan jiraachuu mul‘isa.
Kan itti aanu,(15) ―Dubartiin gubalii olitti‖ mammaaksijedhus Obbo Buzaayyoo Warqinaarraa
argame.‖Mammaaksi kunis barbaachisummaan dubartii gara mana keessaatti qofa ta‘uu
ibsa‖ .(Obbo Buzaayyoo) Kana jechuun, balbalaa olitti malee balbalaa gaditti hin
barbaachiftu [Link] dubartoonni lafa itti hin barbaachifne hin [Link]
hojiillee kun kan dhiiraa, kun immoo kan dubartii jechuun asii jalqaba. Hojii mana keessaa
kan dubartootaa qofa godhanii ilaaluun asii [Link]‘u malee hojiin addatti kan dhiiraa
kan dubartii jedhee taa‘e akkahin jirreni beekama.
Itti dabaluunis, (16)‖Dubartiifi Adurreen mana keessatti‖,(17) ―Dubartiifi eeleen meeshaa
manaati‖ mammaaksonni jedhaman afgaaffiidhuma obbo Buzaayyoo Warqinaaf taasifameen
kan argamedha.
Haala qabatama biyya keenyaatiin adurreen hantuuta akka qabduuf qof a guddifamti, Eeleen
ammoo buddeena itti tolfachuuf barbaachisa mana [Link] ta‘e eelee iddoo saanii
kanaa alatti homaa itti hin [Link] dubartootaas akkasuma mana keessatti qofa kan
daangesse ta‘uudha. Bara dubartiin lafa qotte beelatu bu‘a jedhamee amanama. Obbo
Buzaayyoo)
Walumaagalatti yaanni kun dubartoota xiqqeessee kan ilaaluufi mana keessatti qofa daangessee
kanjiruta‘uu hubachuunni danda‘ama.
Karaa biraas,mammaaksa jalqabaarratti, Dubartiifi Adurree waldorgomsiisee [Link]
beekamu, adurreen bineeldota manaa keessumaa mana keessa namoota waliin walitti
dhiyeenyaan [Link] beekamu adurreen tajaajilli ishees manuma keessatti qofa waan
ta‘eef manaa ala baanaan bineelda adalaa waan taatuufcarraa namoota waliin jiraachuu dhabuu
[Link]‘u malee, gaheen dubartootaa akka kan Adurree akkuma salphaatti kan mana
keessatti daanga‘[Link] hundattuu barbaachisummaa qabu.
Odeeffannoo obbo Buzaayyo Warqinaarraa argameefi iyyaafannoo taasifameen gaafa
23/08/2014 ammas ganda Ilkee Qararoo keessaa Obbo Ittafaa Daargee bira dhaquun afgaaffiin
taasifameefii [Link] kanaanis,(18) ―Dubartiifi hordaan qomaa gaditti‖ mammaaksa
jedhu argachuun danda‘ameera.
Akka gaariitti lafa qotuuf hordaan gabaabbatee qomaa gaditti qophaa‘[Link] kana hin taane,
‗ofgararraatti muka hin muran‘ akkuma jedhamu, hordaa ofgararraatti qabatanii lafa akka
gaariitti qotuun hin danda‘[Link] dubartootaan immoo gaafa ilaalamu dhoksaan isaa
dheerina hojjaa qofa osoo hin taane, olaantummaa dhiirri dubartoota irratti qabukan agarsiisudha
(Obbo Buzaayyoo).
Yaada kanarraas wanti hubatamu, dhiirri olaantummaa guddaa kan dubartoota irratti qabuufi
dheerinumahojjaas yoo ilaallee gaa‘ela dhaabbachuukeessattis akkuma beekamu dhiiratu ilaalee
filatee dubbatata malee carraa nama fedhan filatanii itti heerumuu ijoolleen durbaa hin
qabani. Kanaaf, dhiirri gabaabaan yeroo baay‘ee dubartii dheertuu hin fuudhu, natuffatti
jedhee waan amanuuf.
Karaa biraas,keeshaa qonnaa gindoorra jiru hordaa harkaan qabatanii lafa ittiin qotaniifi
dubartii kan waldorgomsiise yoo ta‘u, iddoo kanattimmoo hojjaadhaan walqabsiisee kaasa.
Hojii qonnaa gaggeessuu keessatti hordaan qabannaaf akka mijatutti gabaabbatee yoo
hin qophoofne ofgararraatti qabatanii lafa qotuun rakkoodha. Yoo akka ta‘uu qabutti hin taane,
hojicha galmaan gahuun rakkoo ta‘a. Kanumarraa ka‘uun hojjaa dubartootaan walqabatee
waan jiru bifa hordaaf ka‘een walbira qabee kaasuu barbaada. Dubartoonnis, hojjaadhaan
dheertuufi kan abbaa warraa daran caaltu yoo taate gaarii miti waan jedhu kaasuu
barbaadeetu. Kunis, hubannaadhuma
dogoggoraa hawaasa keessajiru malee dhiira caalsisee dubartiif gabaabina wanti murteesse hin
jiru.
Itti aansuunis,(19) ―Mana dubartiin danatte raafuun hin bilchaatu‖ mammaaksa jedhu
argachuun danda‘[Link] kunis bu‘uurumaan barbaachisummaa dubartootaa
xiqqeessuuf yaadamee kan [Link] affeeluun hojii baay‘ee salphaa
ta‘[Link]‘u malee, iddoo dubartoonni baay‘atanitti waan guddaa mitii hojiin salphaan
akkasiillee akka haalaan hojjetamuu hin dandeenye [Link] biraa, xiyyeeffanoo hojii isaaniif
osoo hintaane, haasawa adda addaa irrattita‘uufii walmorkiin illee jiraachuu hubanna.
Itti dabaluunis Obbo Ittafaa Daargeen, afgaaffiidhuma dhiyaateefiin mammaaksa,(20) ―Qe‟ee
dubartiin baay‟atte karri banaa bula‖jedhu itti dabalaniiru.‖Kana jechuun ati cufi, ani hin
cufuu osoo walmorkatanii karri cufaa malee bula‖.(Obbo Ittafaa) Yaanni kunis, baay‘inni
dubartootaa akka faayidaa hin qabne [Link] amala walmorkii akka qabaniifi osoo
walitti qabatanii gidduuttiwanti guddaan baduu akka danda‘u ibsuufkan mammaakamudha.
Afgaaffii taasifameen gara xummuraatti mammaaksi obbo Ittafaarraa argame, (21)
―Mana dubartiin kumtokkoo bobeessaan muktokko‖ kan [Link] kunis
akkuma kanneen armaan olitti ilaallee madaallii dubartoonni hawaasa keessatti qaban gadi
buusuufkan [Link] dhiira akka mi‘eessituutti itti fayyadamee
[Link] ammamillee baay‘atan dhiiruma tokkotu gaha yaada jedhu
ofkeessaa [Link] olaantummaa warra dhiiraaibsuufi dubartoota daran
gadixiqqeessuta‘uudha.
Walumaagalatti, mammaaksonni armaan olitti mammaakaman barbaachisummaa dubartootaa
kan gadi xiqqeessuufi warra dhiiraa waliin walbira qabamanii yoo ilaalaman gatii xiqqoon
kennameefii akka jiru kan namatti [Link]‘u malee, ilaalcha hawaasa keessa
barteedhaan bu‘uura tokko malee darbaa dabarsaan asgahe ta‘uufi uumamaanis ta‘ee
saayinsiidhaan wanti dubartoota dhiiraa gadi godhu akkahin jirre hubachuun gaariidha.
4.1.4. Mammaaksota amanamummaa dhabuu dubartootaa agarsiisan
Akkuma beekamu deeffannoo kallattii adda addaan waliiti qabameen dubbiin dubartootaa
qabatamaa akka hintaane mammaaksonni ibsan hedduun walitti qabamaniiru. Kanneen
keessaa

63
gaafa 23/08/2014 Obbo Eebbisaa Darasuu jiraataa Aanaa Sabbataa Hawaas ganda kallachoo
kan ta‘an irraa (22) ―Dubartiin ganamaijaartee galgala diigdi‖ mammaaksi jedhu argameera.
―Dubartoonni yaada dhaabbataafi amanamaa ta‘e hin qaban jedhamee amanama‖.(Obbo
Eebbisaa) Kanarraa wanti hubatamu, dubbiin dubartiin dubbattu qabatama [Link] abdii
namaa kennu miti yaada jedhu [Link] haata‘u jedhanii irratti waliigalan diiguu danda‘u,
ammuma dubbatanii haalu waan jedhu ofkeessaa qaba.
Itti dabaluunis obbo Eebbisaan,(23)―Gaangeefi dubartiin hin amanamtu‖ maammaaksa jedhu
[Link] kunis, gaangeefi dubartii waldorgomsiisee jira. Gaangeen horii
manaa kotte duudaa ta‘an keessaa hamtuudha. Yoo yaabbatanii deemanis carraan nama
kuffisuu ishee bal‘aadha. Nama dhiituunis ni [Link] walbira qabeetu
dubartoota qeequu [Link] yaada mammaaksa isa jalqabaa amanamummaa dhabuufi
gaggaragalummaan yaadaa jiraachuu [Link] hunda irratti dubartoota ija shakkiitiin
ilaaluu waan jedhu ofkeessaa [Link] namummaa warra dhiiraa irraa addatti
dubartootaaf kenname jiraachuu baatus iaalcha hawaasakeessature waan ta‘eef akkanattikaasu.
(24)―Dubartiin mana baatti malee amaanaa hin baattu‖,(25) ―Dubartiin raacitii
bulchiti malee dubbii hin bulchitu‖ mammaaksonni jedhanus afgaaffiidhuma obbo
Eebbisaaf taasifameen argamaniiru.―Dubartoonni dubbii dhoksaa yookan iccitii qabachuu
hin danda‘an jechuudha‖.(Obbo Eebbisaa)
Akka yaada armaan olii kanatti,mammaaksonni kunneen lamaanuu amanamummaa dhabuufi
dubbii kan hin bulfanneta‘uu dubartootaa [Link] jalqabaarratti ―Dubartiin manabaatti
malee amaanaahinbaattu‖ yeroo jedhu, Silumayyuu dubartoonni manabulchuu,qabiinsamanaa,
maatiifi ijoollee isaanii kunuunsuurratti dorgomaa akka hin qabne [Link] gaarii ta‘ee
osoojiruu garuu dhimmoota kanaafkana fakkaataniin ala amanamummaa biroo akka hinqabnefi
galfata baachuu akka hindandeenye lafa kaa‘[Link] lammataa irrattis waagaraatti
qabatanii turuu dadhabuu dubartootaa lafa kaa‘a. Kanaaf, dubartootatti iccitii yookan
dhoksaa himachuun,matumaa dubbii balleessuu ta‘uu ibsa. Walumaagalatti, obsa
qabaatanii dubbii bulfachuu, iccitii qabachuu dadhabuu isaanii yaada ibsu ofkeessaa qaba.
Inni biraan, afgaaffii gaafa 29/08/2014 Obbo YoonaasTakkaalinyiif taasifameen, qabiyyee adda
addaa irratti mammaaksota hedduu argachuun danda‘[Link] keessaa qabiyyee kana
jalatti kan argaman, (26)―Haasawaan dubartii gartokkeen soba‖,(27) ―Dubbiin
dubartiifi udaan lukkuu burree hindhabu‖ kanneen jedhan argachuun
danda‘ameera.―Dubbiin dubartootaa soba kan ofkeessaa hin dhabnedhajechuudha. (Obbo
Yoonaas)
Hiikoon yaadota kanaas, dubbiin dubartiin dubbattu qabatamummaa hinqabu, yaadota dhara
ta‘an yookan dhugaa hin taane ofkeessaa hindhabu kan jedhu ofkeessaa qaba. Dhugaan
jiru kanumajedhanii jala muruun yoo hindanda‘amnes, mammaaksa jalqabaarratti waan
dubartoonni dubbatan keessaa walakkaan dhara ta‘uu [Link] ijoon mammaaksa
lammaffaas yaada jalqabaarraa fagoo miti. Karaa biraas, mammaaksi, (28)―Dubartiifi
maraatuun qalbii hinqabdu‖jedhus afgaaffii taasifameen obbo Yoonaas Takkaalinyirraa
[Link] nama waan godhu hin beekne, kan sammuutti hin [Link]
maraatuu nama qalbii hin qabne kanatti [Link] akkanatti jala muramee hin
qabatamnes, waan jedhan itti yaadanii akka hinjenne, dubbiin isaanis, qabatama akka
hinqabne, amanamaa akka hintaane [Link] kana ilaalchi
gadaantummaa dubartootaa ibsu hamaan hawaasa keessa jiraachuu nama
[Link] qabiyyee kana jalatti, kallattii adda addaatiin dubartoonni
amanamummaa akkahin qabneyaadotakaasantu funaanamuun qaacceffame.
4.1.5. Mammaaksota Madda Waldhabdee ta‟uu Dubartootaa ibsan
Akkuma barame mammaaksonni baay‘een dubartoota akka madda waldhabdeetti kaasan
jiraatanis kanneen filataman irratti akka itti aanutti qaaccessi [Link]
08/09/2014 Eeruu Waajjira Aadaafi Turizimii Aanaa sabbataa Hawaas irraa ka‘uun qorataan,
iyyaafannoo darbaa dabarsaan dhufan irratti mammaaksota hedduu funaanuun danda‘ameera.
Kanneenkeessaa, (29)―Dubartiin sabbata nyaatti‖ mammaaksi jedhu isa tokko.
―Mammaaksi kun hammeenya dubartootaa irratti [Link] garaatti kuusti,
waan xiqqoo qabattee dubbii babl‘istijechuudha‖.(Obbo Fedhasaa)
Ijoon mammaaksa kanaas, akka dubartoonni dubbii barbaadan, waan ta‘uufis waan hin taanefis
waan hunda ija ammeenyaan akka ilaalan kan ibsu ta‘uu [Link] soqu, yookan hammeenya
yaadu jechuudha.
Inni biraan,(30) ―Dubartiifi ijoolleen nama walitti naqxi‖ mammaaksi jedhus Obbo
Fedhasaarraa [Link] karaa ijoolleefi dubartootaa dhufu hin qabbanaa‘u,
akkuma salphaatti madda waldhabdee ta‘a [Link] tasaa ta‘ee ijoolleen
ijoolleetti bu‘uu dandeessi. Sun immoo isaan bira darbee maatii ijoollee sana walitti
buusuu mala jechuudha. Akkasuma dubbii karaa dubartootaa dhufus akkuma salphaatti isaan
bira darbee kan maatii kaan walitti buusu ta‘uu mala waan ta‘eef, ka‘umsa walitti bu‘iinsa
namoota biroo ta‘uu malu jecchuudha.
Dabalataanis, (31) ―Abiddi dubartiin qabsiifte hindhaamu‖ mammaaksa jedhus
Obbo Fedhasaarraa argachuun danda‘ameera.‖Dubbii dubartiin jalqabde dhaabbii hin qabu,
dafee hin qabbanaa‘u jechuudha‖ (Obbo Fedhasaa) Yaada kanarraa wanti hubatamu, wanti
dubartootaan jalqabe dhaabbii akka hinqabne [Link] karaa isaanii jalqabu, hamaafi
kan dafee hin furamneta‘uu hubachuunni danda‘[Link] hin argame jechuudha.
Mammaaksi biraan obbo Fedhasaarraa argame, (32) ―Dhiirri dubbii dubartii fudhatu
ollaan nagaa hinbulu‖ kan [Link] kanarraa wanti hubatamu, dhiirri waan haati
warraa isaa itti himtu hunda fudhatu, bahee olla isaan wallola [Link],
dubartoonni obsaan dubbii bira hindarbani jechuudha. Isaan waan humna isaaniitii ol ta‘e
galgala yeroo abbaan manaa galu itti himu, abbaan manaa sana dhagahu, dhugaadha jedhee
fudhatu immoo olla isaan walittibu‘uu dhaqa jechuudha. Kana kan ollaan nagaa hin bulchine.
(33) ―Dubartiifi Sareen laagaa dheeratti‖ mammaaksi jedhus, Obbo Fedhasaarraa kan
[Link] kun dubartiifi saree walbira qabee jira. Sareen amalaafi hojii ishee
waan ta‘eef, ni iyyiti yookan ni [Link] kanaan dubartootas madaaluu
[Link] kun dubartootaaf dubbii jaalatu kan jedhu yoo ta‘u, amalaafi hojii saree
sanaan walbira qabee kan ilaaludha.
Inni xumuraa, (34) ―Dubartiin buddeen tolchiti malee dubbii hintolchitu‖ kan
jedhutu argame.―Waan qaban gadi hin dhiisani, haa hafu hin jedhani, dubbii babal‘isu
jechuudha‖.(Obbo fedhasaa)
Yaanni kunis, dubartoonni dubbii babal‘isuun gara wadhabdeetti geessu waan jedhu ofkeessaa
[Link] dubartii qofa kan jedhamu yoo ta‘uu baates, buddeen tolchuun hojii mana keessaa
dubartootarrajiru keessaa isa [Link] ijoo isaan hojjetankanaan yaadabiroo walqabsiisee
jira mammaaksi [Link] tolchuun hojii gaarii dubartoonnihojjetanta‘us, dubbii hintolchan
kan jedhu ilaalcha hawaasa keessajiru malee dhugaa lafarrajirudha jechuun ilaalchicha tumsuu
ta‘a. Akka yaadaatti garuu, dubartiin dubbii qabde hingadhiistu, akka gaariittis hin
hiikkattu waan jedhu ofkeessaa [Link] kana ta‘e ammoo, dubbiin dubartoonni qabatan hin
tolu, madda walittibu‘insaata‘ayaada jedhudha.
Walumaagalatti, mammaaksotni armaan olitti qaacceffamanmammaaksota gadaantummaa
dubartootaa ibsuuf [Link]‘een mammaaksota kanneenii afgaaffii taasifameen
kan [Link] kunneen ilaalcha hawaasni achii asdhufa dubartootaaf qabu
kan [Link] kunneen immoo qaroomina hawaasni keenya yeroo ammaa irra jiruufi
mirga dubartootaa akka biyyaattis ta‘ee akka addunyaatti walqixxummaa dubartootaaf
xiyyeeffannoo kennee irratti hojjetamaafi barsiifamaa jiru waliin kan deemu [Link]‘uutii
ilaalchi kun hawaasakeessa har‘as jira.
Kanaaf, baruma tokkotti ilaalcha maqu osoo hintaane, adeemsaan ilaalchota hawaasa keessatti
hundee gadi fageeffatanii jiran kana hir‘isuun nidanda‘ama yaada jedhuun qorannoon kun kan
gaggeeffame ta‘[Link] aansuun immoo mammaaksota cimina dubartootaa ibsuuf mammaakaman
kan qaacceeffaman ta‘u. Mammaaksonni kunneen dhugaa dubartoonni qabaniifi caalaatti jabina
isaanii kan ibsudha.
4.2. Mammaaksota Cimina Dubartootaa ibsani
Hawaasni Oromoo achumaa asdhufa afoola isaan oolte bultee isaa, jiruuf jireenya isaa,
gaddaafi gammachuu qabu, mormiifi deeggarsa qabu ibsataa asgaheera. Walumaagalatti,
afoolli ibsituu eenyummaa saba [Link] isaa kanaan waan qeequ qeeqa,
waan deeggarus deeggara. Afooluma kanaan dubartoota kallattii adda addaan [Link]
walakkaa hawaasa biyya keenyaa ta‘uu irraan kan ka‘e kallattii kamiinuu hirmaannaa
dubartootaa malee hojii kamuu milkeessuun rakkoota‘a.
Kanarra darbee immoo, bartee duubatti hafaa dubartiin hindandeessu jedhu ilaalcha hawaasaa
keessa jiru dhawataan hambisaa deemuuf mammaaksota kanneen cimina isaanii ibsan
hawaasichumarraa walitti qabuun dhaloota barsiisaa deemuun, jila adda addaa iddoo
maanguddoonni walitti qabamanitti, sagantaa gurguddaa irratti yoo xiqqaate Abbootiin Gadaafi
Haadholiin Siinqee dhimma qorannoo kanatti hirmaatan akka itti fayyadamaniifi barsiisan
gochuun carraa [Link] qabiyyee isaaniitiin duraa duubaan akka armaan gadiitti
qaacceffamaniiru.
4.2.1. Mammaaksota Beektuu ta‟uu Dubartii agarsiisan
Hawaasa Oromoo keessatti waa‘een ogummaa kaanaan dubart oonni biraa hin
[Link] adda addaa hojjechuun dubartoonni beekamoodha [Link]
kaa‘uufi rakkoo furuufis gahumsa cimaa [Link] ta‘eefis,ogummaa dubartoonni qaban
ibsuuf mammaaksonni hedduun mammaakamaniiru. Isaan keessaa kanneen karaa adda
addaa funaanamanhaala itti aanuun qaacceffamaniiru.
Abbaa Gadaa Aanaa Sabbataa Hawaas kan ta‘an Abbaa Gadaa Suutaa Mokonnin afgaaffii
taasifameefiin odeeffannoo jabduu qorataaf [Link] keessaa, (35) ―Beektuun
dubartii olkeessee fudhatti‖ mammaaksa jedhu fa‘i.
Kana jechuun, aadaa qusannaa ibsuufis ta‘ee ittiin barsiisuuf mammaaksaan qabee
hawaasichi ergaa isaa [Link] biraa, dubartiin egeree isheef yaaddu waan argattu irraa
boriif olkaawwachuun yookan qusachuun, gaafa barbaadde kan yeroo bal‘inaa
olkeesseyeroo rakkinaa fuutee fayyadamtijechuudha.(A/G Suutaa Mokonnin)
Yaada kanarraa wanti hubatamu, ogumni dubartii gama waaqusachuutiin jiru kan dinagdee
keessattillee gahee guddaa qabu ta‘uu [Link] qabanirraa waa olkaa‘uun gaafa rakkinaa
nama [Link], ogeettiin dubartii kan har‘aa bira dabartee boriif kan yaadduufi kan
kaleessaa olkeewwatte har‘a fudhattee itti fayyadamuu danda‘uu ishee [Link] biraatiin,
dubartoonni aadaa qusannaa qabaachuu isaanii [Link] dhiira caalaa waa olkaa‘uun
beekamu jechuudha.
Inni biraan Abbaa Gadaarraa argame, (36) ―Bakka dubartiin hin jirre dhangaan
hin tolu‖ mammaaksa [Link] wanti hubatamu, dubartiin harka toleettii akka
taateefi ogummaa cimaa akka qabdu kan [Link] wanti adda godhu yoo jiraate,
dhangaa gaarii
qopheessuu danda‘uu [Link] gama kanaan isaan keessa hinjirre milkaa‘ina hinqabu
yaada jedhu ofkeessaa qaba.
Dabalataan, (37) ―Haalaafi fala dubartii gaafadhu‖ mammaaksa jedhu Abbaa
Gadaarraa argachuun danda‘ameera.‖Dubartoonni dhiira caalaa gamnummaa waan qabaniif,
akkaataa itti ariitiin rakkoo mudateeffalakaa‘an qabu‖.(A/G Suutaa) Kanarraa wanti hubachuun
danda‘amus, rakkoof furmaata kaa‘uu akka danda‘an, warra dhiiraas rakkoo isaan mudate
keessatti deeggarsi dubartootaa cimaa ta‘uufi yoo dubartootaan mariyatan furmaata
argachuu akka danda‘an hubachuun ni danda‘[Link] mudate furuu qofa osoo hintaane
rakkoo dhufuufjiruuf fala kaa‘uu akka danda‘an, waa fuula durattiraaguun fala akka
danda‘ankan nama hubachiisudha.
(38) ―Namni Waaqaafi dubartiin mariyate ni milkaa‟a‖ mammaaksi jedhus
afgaaffiidhuma taasifameen Abbaa Gadaarraa kan [Link] kanarraas, wanti
hubatamu, akkaafi akkaataa beekuu dubartootaa namatti [Link] jechuun haalaafi mala
beekuu dubartootaa kan nama hubachiisu ta‘uu [Link], waan hojjetamu keessatti
akkaa itti milkaa‘uun danda‘amu cimsanii beekuu dubartootaabira darbee namni isaaniin
mariyate hanga nama waaqa isaattii ofkenneemilkaa‘uu akka danda‘u hubachuunni danda‘ama.
Dabalataanis, Haati Siinqee Aanichaas qabiyyee kanarratti mammaaksota hedduu afgaaffii
taasifameen kennuu danda‘[Link] kanaanis, (39) ―Wallaalee hingoone
walhaaga‟uuf malee jette haati marqaatti bishaan naqxee‖ mammaaksa jedhu
kennaniiru.‖Yeroo harki qallate yookan waadhaban karaa salphaa ta‘een maatii isaanii
waliin gahuuf tooftaa fayyadamanidha‖.(H/S Sukkaaree)
Yaada armaan olii kanaarraa wanti hubatamu yoo jirate,ogumaafi dandeettii dubartoonni waan
qabaniin maatii isaanii bulchuu keessatti qaban kan [Link] danda‘amee marqaatti
bishaan hin nam‘u ture, akka silaa hojjetamuu qabutti akka hin hojjenne harka
[Link] silaa daakuun itti dabalamee hojjetamu bishaan itti naquun maatii ishee
akka walgahu gochuu danda‘uu dubartii ogeetti namatti agarsiisa.‖Osoodhuma beeknuu huuba
wajjin jette sareen‖ isa jedhuun [Link] bishaan itti hin naqne, gaarii gochuu
osuma beektuu harka gabaabbina ishee hubattee kanraawwatte ta‘uu hubachuun ni
danda‘[Link] gadifagoo hawaasichi ergaabarbaade tokko ittiin dabarfatu haaluma
salphaan hubachuunni danda‘ama.
BOQONNAA SHAN: GOOLABAAFI YAADA FURMAATAA
5.1. Goolaba
Adeemsa hojii qorannoo kana keessatti odeeffannoowwaniifi ragaawwan adda addaa walitti
qabaman irraa yaadoleen waliigalaa akka cuunfaawaliigalaatti armaan gaditti ibsamaniijiru.
Hawaasni sadarkaa kamiiyyuu seenaa, dudhaafi aadaa mataasaatii qaba. Ibsituun seenaa
dudhaafi aadaaummatichaa ammoo fookiloorii [Link] hiika adda addaa qabaatus
kallattii hiika isaa bal‘isnee yemmuu ilaallu; qaama aadaa, duudhaaleefi amantiilee
hawaasaa kanneen barsiifata hawaasaa keessatti bal‘inaan mul‘atan irratti kan
hundaa‘[Link] malees, hawaasaan hawaasaaf kan uumamuufi yeroo mara
afaaniin yookaan gochaan kan darbuudha. Aartiiwwan, dandeettiiwwan dhala namaafi
shubbisni muuziqaa fookloorii jalatti haammatamu.
Fookilooriin calaqqee eenyummaa hawaasa tokkooti. Wanti hundi hawaasicha ibsu achi
keessatti argama. Aadaa, dudhaafi bartee isaa immoo karaa ittiin ibsatu, dhalootaaf dabarsu kan
mataa isaa ni qabaata. Barteefi dudhaa isaa, ogumaafi falaasama isaa kana immoo dhalootaa
dhalootatti dabarsuuf meeshaa guddaan damee fookiloorii kan ta‘e afoola isaati. Afoolli
ammoo aadaa, dudhaa, safuu, bartee, oguuma, ilaalcha, amantaa, seenaa, muuxannoofi
mudannoo isaa afaaniifi gochaan dhalootaa dhalootatti darbaa kan tureefi ammas
darbaa kan jiru og-uumee hawaasichaati.
Kanaaf, afoolli kuufama beekumsa hawaasaa labata tokkoo kan biraatti afaaniin
[Link] Oromoo dubartoota haala garagaraatiin ibsa. Haalli qabatamaan
uummata keessa jiru, mammaaksonni Oromoo irra caalaan isaanii cimina osoo hin taane
dadhabbina dubartootaa kan ibsan ta‘uu isaati. Akka biyyaattis waliigaltee biyyattiin
walqixxummaa dubartootaa mirkaneessuu ilaalchisee mallatteessite akkasumas, akka
sabaattis sabichi saba dudhaafi aadaa ittiin safuu dubartootaa eeguuf qabu waliin kan deemu
[Link] kun ammoo dubartoota irratti dhiibbaa garagaraa fida. Dhiibbaan kunis, dhiibbaa
xiinsammuu hamaa fiduu irraan kan ka‘e, jireenya hawaasummaa adda addaa keessatti,
sochii dinagdee keessatti gama walqixxummaa dubartootaanis yoo ilaalamu rakkoo hamaa
ta‘uun hubatameera.
Afoolli akaakuu garaagaraa ofjalaa qaba. Akaakuuwwan kanneen keessaa; mammaaksa,
hibboo, durdurii, geerarsa, faaruuwwan, adda addaa kanneen akka faaruu jaalalaa,
jechamoota, cigoowwan, eebba, abaarsa, [Link] danda‘ama.
Akaakuuwwan kanneen keessaa mammaaksi hawaasa Oromoo biratti iddoo olaanaa qaba.
Sababni isaas, mammaaksi ofuma isaatiifuu falaasama. Mammaaksi cuunfaa yaada sammuu
ilma [Link] lafumaa ka‘amee kan mammaakamu osoo hin taane, itti
yaadamee beekumsaafi muuxannoo qaban fayyadamuun ergaa barbaadan
dabarfachuuf kan dubbatamudha. Mammaaksa duuba beekumtaa, eenyummaa, sadarkaafi
falaasama hawaasa tokkoo hubachuunnama hin rakkisu.
Mammaaksaan miira isaa waan itti dhagahame ibsata. Bilchinaafi hubannoo qabu
gargaaramee mammaaksaan diiguu, ijaaruu, kaasuu, kuffisuu, deeggaruu, mormuu
danda‘[Link] faayidaa hedduus kan qabudha. Isaan keessaas; dubbii miidhagsuu,
muuxannoo ibsuu, dubbii gabaabsuu, safuu hawaasaa eeguu, barsiisuufi
amansiisuu kanneen jedhan ni [Link] akkuma faayidaa mataasaatii
qabaatu, amaloota mataa isaatii ittiin beekamus ni qabaata. Isaan kunneenis; jechoota
filatamoo fayyadamuu isaa, tasa haasa‘amuu dhiisuu isaa, dubbii dubbatamaa jiruun kan
walsimu ta‘uu isaa, itti fayyadamuufis ta‘ee hubannoof bilchina kanbarbaaduta‘uu, dubbii
qolaatiinkan dhiyaatuufi kankana fakkaatu fa‘i.
Karaa biraa immoo, mammaaksi mi‘eessituu yookan cuubata dubbiiti. Dubbii tokko
mormuufis ta‘ee deeggaruuf akkasumas barsiisuuf karaa bilchina qabuun gargaarama
[Link] bal‘aa ta‘e karaa gabaabaa ta‘e cunqeessanii ergaa guddaa dabarsuuf
[Link] ka‘uun, mammaaksi dubbii fiduuf yookan dubbii fixuufi kan jedhamuuf.
Kanaaf, mammaaksi hawaasicha keessatti beekamtiifibu‘uura cimaa qaba.
Bu‘uuruma kanaan, hawaasichi achii asdhufa haala kamiin mammaaksatti dhimma bahaa ture
kan jedhu ilaalameera. Mammaaksi mammaakamu safuufi dudhaa hawaasichaa eeganii
kan mammaakaman ta‘us, dubartoota xiyyeeffachuun mammaaksonni mammaakaman
danuun hawaasicha keessaa ni mul‘atu. Keessumaa dubartoota qeequufis haata‘u,
deeggaruuf kan mammaakaman ni jiraatu.
Kanaaf, mammaaksota ―Dubartiin beekaa deessi malee beekaa hinqabdu‖ jedhan fa‘aa
argina. Yaadonni akkasii qabatamajiru waliin miira gadaantummaa guddaa dubartoota
keessatti akka uumu hubachuunni danda‘ama.
Gabaabumatti, qoratichi gaaffileebu‘uuraa arfan qabateeka‘eefbu‘aalee armaan gadii argateera.
Qabiyyeewwan mammaaksotaa dubartootaa bu‘uura godhachuun mammaakaman gama
ciminaafi hanqina isaanii xiyyeeffatan haala itti aanuun adda bahaniiru. Keessumaa
ammoo, qabiyyeewwan mammaaksaa gadaantummaa dubartootaa ibsankanneen akka;
Akka waan dubartoonni beekumsa hin qabneetti,
Gahumsa hogganuu hin qabneetti,
Akka gootummaa hin qabnetti,
Akka barbaachisummaa hin qabnetti,
Amanamummaa akka hin qabnetti akkasumas,
Akka madda waldhabdeetti ilaalu jiraachuun xiinxala gaggeeffameen bira gahameera.
Yaadonni akkasii kun ammoo dhiibbaa xiinsammuu guddaa, miira gadaantummaafi miira
hin dandeenyu jedhu dubartootakeessatti akka uumu hubachuun danda‘ameera.
Qabiyyeewwan mammaaksa dubartootaa armaan olitti ibsaman; gama ciminaanis
haata‘u, gama hanqina dubartootaan adda bahan ergaa mataa isaanii qabu.
Ergaawwan kuunneen akkuma kanneen gaarummaa isaanii leellisan jiran kanneen hanqina
dubartootaa irratti xiyyeeffatanis jiraachuun kan mirkanaa‘e ta‘us, keessumaa kanneen hanqina
dubartootaa haala malee arbeessanii ibsan kunneen gama yaaxxina dubartummaan qabsoo
walqixxummaa dubartootaa mirkaneessuuftaasifamaa tureefi jiru gufachiisuu bira darbee akka
aadaa uummatichaattis kan walhinsimne, sirna bulchiinsa Gadaa hawaasichi ittiin walbulchaa
ture keessattis kan fudhatama hinqabne ta‘uu hubachuun danda‘[Link], rakkoo
xiinsammuu hamaa, miira hirkattummaafi hindandeenyu jedhu isaan keessatti kan uumu ta‘uufi
gama mirga dubartootaanis, seera amma addunyaan itti jirtu kan faallessu akkasumas,
aadaafi safuu hawaasichi dubartootaaf qabuufrakkoohamaata‘uun hubatameera.
Kanaaf, mammaaksota kanneen keessatti haalli ittiin dubartoonni bakka buufaman waalama kan
ofkeessaa qabu ta‘uu isaati. Inni jalqabaa dadhabbina dubartootaa kan ibsu yoo ta‘u, inni itti
aanu
Karaa biraa immoo, ―Beektuun dubartii olkeessee fudhatti‖ kan jedhutu [Link]
egereef yaadee waa olkaa‘atu hunda [Link] waa‘een borii [Link] immoo
gahumsa fageessanii yaaduu dubartootaa kan mul‘[Link] bu‘uura
godhachuudhaan, qabiyyeewwan mammaaksa dubartootaa cimina dubartootaa ibsan
kanneen akka; dubartiin beektuu ta‘uu, jaalala haadhummaa kan qaban, haxxummaa kan
qaban, barbaachisummaa olaanaa kan qaban, ogummaa kan qaban, kabajamoo
ta‘uu isaanii ibsanis [Link] akkanaa jajjabeessuun kanneen cinatti
dhiifamuu qabanis xiinxalanii hawaasi akka irraa baratu gochuun [Link]
taa‘es isaan kana qotanii baasuun xiinxaluu irratti kan bu‘[Link] ka‘umsa
godhachuun, mammaaksonni dubartoota qeeqanis, kanneen leellisanis walbira qabuun akka
qaacceffamanta‘eera.
Mammaaksota dubartoota bu‘uureffachuun mammaakaman keessatti dubartoonni kallattii
lamaankan [Link] armaan olitti xiinxala gaggeeffameen;
Kanneen hanqina isaanii qofarratti xiyyeeffatan dubartoota daran gadi buuseekan ilaaluufi aadaa
hawaasichi qabu kan faallessu garuu barteedhumaan kan dhimma itti bahamu yoo ta‘u,
mirga walqixxummaa dubartoonni kallattii kamiinuu dhiira waliin qaban kan faallessuufi
dhiibbaa cimaakan qabuta‘uun ilaalameera.
Kanumarraa ka‘uunis, xiinxala gaggeeffameen mammaaksotni hedduun hawaasichi barteen
gargaaramu hamilee dubartootaa kan tuqu ta‘ee [Link] kun ammoo, mirgaafi
walqixxummaa dubartootaa yeroo ammaa akka idil-addunyaatti irratti xiyyeeffatameejiruun kan
walfaallessu ta‘uun [Link] akkanaa hamilee dubartootaa kan tuqan
waan ta‘eef, barteewwan duubatti hafoo hawaasa keenyatti rarra‘anii asgahan, kanneen
qaroominaafi aadaabareedaa hawaasa keenyaa waliin hindeemne akka hafaa deemu
gumaachuunbarbaachisaa ta‘uun ilaalameera.
Karaa biraas, qorannoodhuma kanaan, ciminniifi gaarummaan dubartoonni hawaasa keessatti
qaban faallaa yaadota akka hanqinaatti ilaalamanii ta‘an bal‘inaan [Link]
kanaan, kabajaafi ulfina guddaa dubaartoonni hawaasicha keessatti qabaniifi ilaalchonni
‗dursa dubartootaaf‘ kennuu, isa hawaasni addunyaa jaarraa 20ffaa keessa yaadate hawaasni
Oromoo durumaanuu achii asdhufa itti fayyadamaa kan ture ta‘uu qorannoo kanaan
hubachuun danda‘ameera.
Waan kanata‘eef, hanqinoota dubartootaa jechuun yaadonnika‘an kun ilaalcha qoodinsaa
hamaa dhaloonni qabatee akka deemu kan godhaniifi dubartoonnijireenya hawaasummaa
keessatti gadi akka qabamaniifi akka meeshaatti itti fayyadamuuf yoo ta‘een ala bu‘uura
seenaas ta‘ee bu‘uura seeraa waan hinqabneef, ciminoota isaanii warrabamee hindhumneen
bakka buusaa deemuun kan danda‘amuta‘uun hubatameera.

5.2. Yaada Furmaataa


Mammaaksota dubartootaan walqabatee dhimmoonni jiran armaan olitti gadi fageenyaan
qaacceffamaniiru. Adeemsa kana keessatti mammaaksonni dubartoota xiyyeeffachuun kallattii
cimina isaanii ibsaniifi hanqina isaanii irratti xiyyeeffatan bal‘inaan funaanamanii
[Link] gaggeeffame kana keessatti hanqinoota mul‘atan furuuf qorataan
yaada furmaataata‘a waan jedhu akka armaan gadiitti lafakaa‘eera.
Kitaabileefi jiildiiwwan hedduun mammaaksota qabatan addatti hawaasa keessaa
funaanuun [Link] waa‘ee dubartootaa ibsanis yoo baay‘ee ta‘uu
baateyyuu [Link] haftee hawaasaa akkasii irratti hojjetan duuchumatti
walitti guuranii maxxansuurra osoo gargar baasanii maxxansanii caalaatti bu‘a
qabeessummaafi hojirra oolmaan isaa ni dabala. Karaa biraas, qopheessitoonni hojii
akkasii irratti bobba‘an callisanii dheedhiidhuma isaa walitti guuranii maxxansuu irra
osoo xiinxala irratti gaggeessanii akkuma aadaafi barteewwan barbaachisoo hintaane
biroon maqfamaa deeman mammaaksota irrattis hojjetamee kan maquu qabu akka
maqaa deemu taasifamee daran qaroomina hawaasichaa kan mul‘isu ta‘a.
Mammaaksaan walqabatee qorannooleen garaagaraa sadarkaa adda addaatti
[Link] immoo mammaaksonni ciminafi hanqina dubartootaa
xiyyeeffatan qofa qofaatti gaggeeffamaniiru. Haata‘uutii garuu, walbira qabanii
xiinxaluun isa jajjabaachuu malu jajjabeessaa, isa maqfamuu malu ammoo kallattii
kaa‘uun hinbaratamne. Hojiin akkasiis yoo barame dhaloonni irraa barataa deemuu
danda‘a, beekumsinatoo hawaasnikeenya ittiin beekamus caalaatti guutuuta‘a.
Qaamonni dhimmi kun ilaalu, barsiisonni afaanii, namoonni dhuunfaa qorannoo
gurguddaa aadaafi afaan irratti gaggeessan, Waajjiroonni mootummaa kanneen akka
Waajjira Aadaafi Turizimii akkasumas manneen murtii aadaa sirnaafi aadaa
hawaasichaa lafa qabsiisuu keessatti hojiii guyyaa guyyaa isaanii keessatti yoo irratti
xiyyeeffatanii dhimma kanarratti hojjetan barteewwan hawaasicha hinmadaalle, aadaa,
dudhaafi safuu isaa waliin hindeemne suuta suutahambisaa deemuu mala.
Abbootiin Gadaa, Hawwoliin Siinqeefi biyyaa jila adda addaa, walgayii gurguddaa
sadarkaa adda addaatti gaggeeffamu, iddoo jaarsummaafi hawaasni walitti qabamu
maratti rakkoo mammaaksota hanqina dubartootaa ibsaniin dhufaniifi bu‘aa
mammaaksonni cimina dubartootaa qaban walbira qabuunbarsiisaa yoo deeman akka
rakkootti wantoota qorannicha keessatti ka‘an adeemsaan maqsaa deemuun ni
danda‘ama.
Ilaalcha dubartoonni mataan isaanii ofiisaaniitiif qabanis darbee darbee dhiibbaa
turerraa kanka‘erakkoo ta‘uun qorannookanaankan hubatamewaanta‘eef, sadarkaa jiru
kamuu irratti aadaan dubartootaaf dursa kennuu hawaasa keenya keessa

89
durumaanuujiru dhaloota ammaa keessattis akka hinbannee carraa argame kamiinuu
hubachiisaa, barumsa kennaa deemuun dhawataan rakkoo kana maqsaa deemuun ni
danda‘ama.
Qopheessitoonni kitaabolee barnoota afaanii waa‘ee qabiyyee mammaaksaafi
mammaaksotuma mataa isaanii kan barsiisu qopheessuu bira darbanii addatti
mammaaksa dubartootaan walqabatee dhugaa hawaasa keessa jiru irratti yoo
xiyyeeffatan dhaloota itti aanuwaan fooyya’aa dhaalchisuunhawaasawalqixxummaa
dubartootaajechabira darbee gochaan agarsiisuuumuunni danda‘ama.
Ammallee afoolli Oromoo keessumaa ammoo mammaaksi dubartoota xiyyeeffannoo
barbaachisu waan hinarganneef yoo irratti xiyyeeffatame qaroomina hawaasa kanaa
addunyaaffakkeenyata‘u caalaatti beeksisuun ni danda‘ama.

90
Wabiilee

Addunyaa Barkeessaa. (2011). Akkamtaa: Qorannoo hujoo afaan oromookeessatti Addunyaa


Barkeessaa.(2014). Bu‟uura Barnoota Afaanii fiAfoola Oromoo. Oromiyaa Finfinnee: Far East
Trading PLC.
Addunyaa Barkeessaa. (2016). Semmoo: Bu‟uura Barnoota AfaaniifiAfoola Oromoo. Finfinnee
Oromiyaa
Alamaayyoo F. fi Alamituu Olii. (2010). [Link] hinmaxxanfamne (Yuunivarsiitii
Jimmaa).
Asaffaa Tafarraa. (2009). Eela: Seenaa Oguuma [Link]: Oromiyaa Far East
Trading
Plc.
Bascom, W. (1992). American Folklore in the New world Bloomingto And Indianapolis:
Indiana
University Press.
Amos, D. (1975). Folklore in Africa Society in research literature.6 (2) PP.165-198.
Amos, D. (1979). Toward a definition of folklore in context (Reading American Folklore).
South
Asian Publishers Ltd. New Dechi.
Bryson. (1999). Fiminist Debates Population: London Macmillan Press.
Bukenya.A. (1994). Understanding Oral Literature. Nirobi Universty Press.
Coffin P. and H. cohen. (1962). Folklore in America Doubleady and company, Inc: New York .
Creswell, J.W. (2003). Research design: Qualitative and mixed method approaches.
(2nded). Thousand Oaks, CA: sage.
Dasta Dessalegn. (2002). Bu‟uura qorannoo: Yuuniversitii Finfinnee. Far East Trading PLC.
Dorson, R. (1972). Folklore and folklife: An Introduction. Chicage University
Press, Chicago.
Dundes, A. (1979). “Meta Folklore and Oral literary Crititicism.” Beadings in American
Falklres.
Dundes, A. (1965). The study of [Link]:prentice-Hall,Inc.
Encyclopedia America. (1995). Vol.11. USA. Glolier Incorporated
Finnegan, R. (1970). Oral literature in Africa. Nirab Oxford University Press. Finnegan, R.
(1976). Oral literature in Africa. Oxford University Press.
Finnegan, R. (2012). Oral literaturein Africa. Cambridge: Univesity Press.

Gaaddisaa Birruu. (1991). Maalummaa Mammaaksa Barruulee jildi 4ffaa Biroo Aadaafi
Beeksisa Oromiyaa. Finfinnee.
Gaarummaa Abdiisaa. (2020). Saxaxa Qorannoo. Yaadrimee Bu‘uura Qorannoo. 3H printing
Press. Finfinnee
Goldestin, Q. (1964). A Guide for filed workers in falklore .Hatboro: Folklore Associates,Inc.
Hinseenee Makuriyaa. (2010). [Link] Ababaa printed by Far East plc.
Komishiinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa. (1999). Waadaalee Idil-Addunyaa Mirgoota
[Link].
Kuwee Kumsaa. (1998). Oromo Women and Other Oromo National Movement. In Journal Of
Oromoo [Link].4, Nos 1and2.
Malkaamuu Margoo. (2007). Dubartoota Mammaaksa Oromoo Keessatti: Qaaccessa
Qabiyyee MA Thesis Addis Ababa University.
Marga Abbabaa. (2016). Qaaccessa Bakka Bu,insa Namfakkiilee Dubartootaa Asoosama
Imaanaa Imaltuufi Hiree Galgalaa keessatti Waraqaa digirii 2ffaa kan
hin maxxanfamne. Yuunivarsiitii Jimmaa.
Meider, W. (1997). Thepolitics of proverbs from traditional wisdam to proverbsteres types,
the university misconsia press.
Okumba. ( 1994). "Understanding and teaching proverbs" Understanding
oral literature .Nirobi:Nirobi Universty Press.
Oring, E. (1984). Folk Groups and falklore Generes; An Introduction. Longman Utah Sate
University.
Sahilu Kidaane. (1996). Borana Oromo prose Narratives. A contxetual study. MA thesis A.A
Univerity.
Sahilu Kidaane. (2002). Borana [Link] Study. London University kingdom
Sa‘idaa Kadir. (2002). Sirna Gadaafi Dubartoota. Finfinnee. Dhaabbata Maxxansaa Birahaan.
Sims, C. & Stephens, M. (2005). Living folklore: An introduction to the study of people
and
their tradition USA: Utah State University Press.
Solomon Areaya. (2004). Qualilative Research: Beyond anumber Game. Institute of Educational
Research [Link] Ababa University (Vol. aaNo. 2)
Soofiyaa, Warquu, Yeneenahfi kaawwan. (1999). Wirtuu Jidii 9 Barrulee Qormaata Waltina
Afaan Oromoo. Finfinnee kan maxxansiise Biiroo Aadaafi Turizimii
Oromiyaatti Qajeelcha Qormaata Afaan Oromoo.
Tadesse Jaleta. (2004). Social Function of Oromo Proverbs In Oromo Oral Poetry. Germany.
Tafarii Getahun. (2000). An analysis of Awgni proverbs. MA Thesis Addis Ababa University.
Tafarii Kumasaa. (2001). Qabiyyee Mammaaksa. Wirtuu Jildii (9ffaa) Finfinnee: Artist
printing.
Tashoomee Egeree. (2013). A feminist Reading of selected Afan Oromo Novels:
Deconistruction
in [Link] Qorannoo PhD hin maxxanfamne. Wasanee Bashaa. ( 1994). Qorii Qorsaa:
Birana Printing.
Wasanee Bashaa. (2000). Bantuu haaraa. Finfinnee: EMAY.
Wiirtuu. (1990). Gumii Qormaata Afaan Oromoo. Jiildii 2ffaa Biiroo Aadaafi Beeksisa
Oromiyaa.
Yeweyinxaji Daamxoo. (2008). Qaaccessa Qabiyyee Mammaaksota Oromoo Cimina
Dubartootaa [Link] qorannoo digirii 2ffaakan hin maxxanfamne.
Dabalee A
Yuniversiitii Naannoo Oromiyaa, kolleejjii Saayinsii Hawaasaafi Namummaattitti, Dame
Barnoota Fookiloorii Afaan Oromoo kan Sagantaa Digirii Jalqabaa(BA) guuttachuuf
geggeeffamuuf gaaffilee Afaanii Kutaalee Hawaasaa garaagaraairraa odeeffannoo
funaannachuuf qophaa‘e.
Afgaaffii Odeeffannoo Kennitootaaf Qophaa‟e. Odeeffannoo Dhuunfaa
1. Maqaa hanga akaakayyuutti
2. Koorniyaa
3. Umurii
4. Sadarkaa Barumsaa
5. Hojii(Ogummaa)
6. Caasaa hawaasaa keessattigaheeqabu
Qajeelfama Waliigalaa:Gaaffileen afaanii asii gaditti isiniif dhiyaatan kunniin hojii qorannoo
barnoota Afaan Oromoofi Ogbarruutiin Digirii Jalqabaa (BA) ittiin guuttachuuf
geggeeffamuuf qofa kan ooludha. Dhimmoota gaaffii isiniif dhiyaatu irratti yaadaafi
hubannoo qabdan osoo itti hindabaliin yookaan irraa hin hir‘isiin odeeffannoon naaf kennitan
milkaa‘ina hojii qorannoo kanaaf iddoo Olaanaa [Link] odeeffannoo dhugaa akka
naaf kennitan yoon isin gaafadhu, deeggersanaaf gootaniifis durseen isin galateeffadha.
1. Akka qabatama Aadaa hawaasa Godina Shawaa Kibba Lixaatti Mammaaksi maali?
2. Oromoon Mammaaksa yeroo akkamii Mammaaka? Maaliifi?
3. Namoota akkamiitu Mammaaksatti dhimma baha?
4. Mammaaksi Dubartii hoo maali?
5. Mammaaksonni Dubartootaaf Mammaakaman kunneen ergaawwan akkamii dabarsu?
6. Mammaaksonni Dubartootaaf mammaakaman aadaa Oromoo kees satti mirga
Dubartootaan walqabatee akkamiin ilaalamu?
7. Hawaasni Oromoo Godina Shawaa Kibba LixaaMammaaksota Dubartootaaf
8. Mammaaksota Dubartootaaf mammaakaman keessatti Dubartoonni akkamiin bakka
buufamu?
Dabalee B
Yuniversiitii Naannoo Oromiyaa, kolleejjii Saayinsii Hawaasaafi Namummaattitti, Dame
Barnoota Fookiloorii Afaan Oromoo kan Sagantaa Digirii Jalqabaa(BA) guuttachuuf
geggeeffamuuf gaaffilee Afaanii Kutaalee Hawaasaa garaagaraairraa odeeffannoo
funaannachuuf qophaa‘e
Gaaffilee Marii gareef armaan gaditti dhiyaatan hojii qorannoo barnoota Afaan
Oromoofi Ogbarruutiin Digirii jalqabaa (BA) ittiin guuttachuuf geggeeffamuuf qofa kan
[Link] ta‘eef, odeeffannoon isin kennitan bu‘aa qorannoo kanaaf, gahee guddaa
[Link] sirrii akka nuuf kennitan jechaa, eeyyamamoota‘uu keessaniif dursee
galata isiniif galchuun barbaada.
1. Akka hawaasa Godina Shawaa Kibba Lixaatti Mammaaksaaf Dubartummaa akkamiin
ilaaltu?
2. Mammaaksa Dubartootaaf mammaakaman ijamirga Dubartootaan akkamiin ilaaltu?
3. Mammaaksonni Dubartootaa dhiibbaalee akkamii Dubartoota irratti qabu?
4. Mammaaksonni ciminaafi hanqina Dubartootaa ibsan hawaasa keessatti beekamuu? Yoo
kan beekamanta‘e fakkeenya yoonaaflaattan.
5. Mirga Dubartootaan walqabatee hawaasni haala kamiin mammaaksatti yeroo fayyadamu
Dubartootaaf of-eeggataa?
6. Ogummaa, Beekumsaafi haxxummaa Dubartootaan walqabatee mammaaksonni hawaasa
keessatti beekaman jiruu? Yoo jiraate fakkeenya yoonaaf laattan.

You might also like