Akkaataa Hojii Sirna Payroll — Ethiopia
Akkamitti mindaan hojjetaa shallagama?
Duraan dursee, qabxilee ijoo kanneen haa ilaallu:
       - Gross Salary
       - Pension
       - Income Tax
       - Total Deduction
       - Net Salary
1. Gross Salary
Gross Salary jechuun mindaa waliigalaa — gibiraa fi soorama osoo irraa hin hir'atini.
2. Soorama (Pension)
Akka seera Itiyoophiyaatti, hojjetaan sooramaaf mindaasaa irraa 7% kaffala. Kuni
Baankii mootummaa keessatti kuufama; yeroo soorama bahe mindaa (Pension) akka
argatuuf.
   ✓ Gatiin soorama kunis Gross Salary irraa ni hir’ata.
3. Income Tax (PAYE)
Income Tax jechuun gibira mootummaaf kaffalamuudha. Gatiin isaa seera mootummaa
irratti kan hundaa’u yoo ta'u; namni maallaqa baay’ee argatu, gibira baay’ee kaffala.
Gibira shallaguuf, gabatee armaan gadii irratti hundoofna:
4. Total Deductions
Total Deductions jechuun: Pension + Income Tax. Walumaagalatti, Gross Salary irraa
hir’ata.
5. Net Salary
Net Salary jechuun mindaa dhumaa kan hojjetaa harka gahuudha.
Net Salary = Gross Salary − Total Deductions
Fakkeenya:
Fakkeenya 1ffaa: Aadde Caaltuu Tufaa Gross Salary ishee qarshii 6,940 yoo ta’e, Net
Salary ishee meeqa ta’a?
    ✓ Gross Salary: 6,940 ETB
I. Soorama (Pension) shallaguuf:
- Hojjetaan %7 mindaasa irraa kaffala.
        Soorama = 6,940 × 7%
                   = 6,940 × 0.07
                   = 485.80 ETB
Kanaaf, sooramaaf qarshii 485.80 mindaa ishee irraa ni hir’ata.
II. Gibira (Income Tax) shallaguuf:
Caaltuun tartiiba gibiraa 25% keessatti seenti, hir’ina gibiraa (deduction) 565 ETB ta’a.
(Gabatee armaan olii ilaali: mindaa ishee tarree 5ffaa: 5,251 - 7,800 jidduutti kufa.)
        Income Tax = (6,940 × 25%) − 565
                     = 1,735 − 565
                     = 1,170 ETB
Waliigala kan isheerraa hir’atu (Total Deductions):
        Soorama + Gibira = 485.80 + 1,170
                            = 1,655.80 ETB
Gross Salary isheerraa qarshii 1,655.80 ETB irraa cita jechuudha.
III. Net Salary:
                Gross Salary − Total Deductions
                = 6,940 − 1,655.80
                = 5,284.20 ETB
Dhumarratti, Net Income Caaltuu harka gahu qarshii 5,284.20 ETB ta'a jechuudha.
Ifaa?
Sirriitti akka ifa isiniif ta'uuf fakkeenya 2ffaa haa ilaallu:
Fakkeenya 2ffaa: Obbo Fedhasaa Gurmuu Gross Salary isaa qarshii 10,600 yoo ta’e, Net
Salary isaa meeqa ta’a?
    ✓ Gross Salary: 10,600 ETB
I. Soorama (Pension) shallaguuf:
- Hojjetaan %7 mindaasa irraa kan kaffalu
Soorama = 10,600 × 7%
         = 10,600 × 0.07
         = 742.00 ETB
Kanaaf, sooramaaf qarshii 742.00 mindaa isaa irraa ni hir’ata.
II. Gibira (Income Tax) shallaguuf:
Mindaan Fedhasaa tartiiba gibiraa 30% keessa seena, hir’ina gibiraa (deduction) 955 ETB
ta’a.
Income Tax = (10,600 × 30%) − 955
             = 3,180 − 955
             = 2,225.00 ETB
Waliigala kan isarraa hir'atu (Total Deductions):
Soorama + Gibira = 742.00 + 2,225.00
                   = 2,967.00 ETB
III. Net Salary:
Net Salary = Gross Salary − Total Deductions
           = 10,600 − 2,967.00
           = 7,633.00 ETB
                                                         Qopheessaa: Taammiruu Makaa
                                                           Telegram Channel: @tmaka3
                                                              Telegram Chat: @tmaka2